Manni murtii UK Juliyaan Asaanje Ameerikaaf dabarfamee kennamu ittise

Madda suuraa, Reuters
Hundeessaan 'Wikileaks' Juliyaan Asaanje Ameerikaaf dabarfamee akka hin kennamne manni murtii magaalaa Landan murteesse.
Abbaan murtii gaaffii Ameerikaan dhiyeessite kana kan kuffise fayyaa sammuu Asaanje irraa yaaddoo akka qabuufi Ameerikaatti of ajjeesuu mala yaada jedhuun.
Namni ganna 49 Juliyaan Asaanje bara 2010 fi 2011 marsariitii ofii hundeesse 'Wikileaks' irratti iccitii biyyaa hedduu baasee maxxanseera jedhamee Ameerikaan barbaadamaa ture.
Ameerikaan iccitiiwwan inni miliqsee baase seera biyyattii kan cabsee fi lubbuu namootaa balaaf kan saaxiledha jetti. Asaanjeen dhimmi isaa yaada siyaasaa of duubaa qaba jechuun dabarfamee kennamuu isaa faccisaa ture.
Aanga'oonni Ameerikaa murtee kanarratti ol-iyyannoo akka gaafatan himan. Kana jechuun Asaanjen mana hidhaa Landan Belmarsh jedhamu amma keessa jiru keessa tura.
Haati seeraa Vaneesaa Bireeyitzar Asaanjen Ameerikaaf dabarfamee kennamee achitti seeratti akka dhiyaatu wayita taasifamu, namni kun lubbuu isaa akka hin balleessine ittisuuf Ameerikaan gahumsa hin qabdu jechuun murteessan.
Of miidhuufi of ajjeesuuf yaada akka qabu ragaa erga dhiyeessanii booda, haalli Asaanjen keessa jiru "nama hegeree isaaf yaaddoo qaburraa kan ka'e abdii kutannaa fi dhiphina sammuu qabu fakkaata" jedhan.
Asaanjen Ameerikaaf yoo dabarfamee kenname adeemsi inni ittiin seeratti dhiyaatu kan abbootiin alangaa Ameerikaa naaf ibsan akka inni oh hin ajjeesne kan dhorku ta'ee natti hin mul'anne jedhan haati seeraa kun.
Uffata cuqulisa maaskii fuulaa waliin uffatee mana murtiitti kan dhiyaate Asaanjen wayita haati seera murticha dubbisan ni junuunfate.
Jaalalleen isaa kan waliin ijoollee dhiiraa lama horatan Isteelaa Mooris wayita boochuu fi gulaalaa olaanaa 'Wikileaks' kan ta'e Kiristiin Hirafinsan wayita ishee jajjabeessu mul'atan.

Madda suuraa, PA Media
Abukaatonni Asaanje akka jedhanitti Ameerikaatti yoo seeratti dhiyaate hidhaan hanga waggaa 175 itti murtaa'uu mala. Mootummaan US garuu hidhaan itti murtaa'u waggaa afurii hanga jaha yoo ta'edha jedha.
Ameerikaan Asaanjen kuusaa odeeffannoo waraana biyyattii keessa seenuun odeeffannoo waraana Afgaanistaan fi Iraaqiin wal qabatan miliqse baasee maxxanseera jechuuun himatti.
Inni garuu odeeffannoon inni baase sarbama waraanni Ameerikaa raawwate kan saaxiludha jedha.
Abbootiin alangaa Ameerikaa iccitiin inni miliqse lubbuu namootaa balaaf saaxileera jechuun iddoo itti hidhamee jiru mana hidhaa Belmarsh irraa bahee dabarfamee akka kennamuuf gaafatan.
Manni murtii UK dabarfamee akka kennamu osoo murteesse Asaanjeen Ameerikaatti yakka ittiin himatameen mana murtiitti dhiyaata.

Madda suuraa, PA Media
Murtii haadha seeraa kana hordofuun namoonni siyaasaa hedduun yaada isaanii kennaa jiru.
"Dabarfamee kennamuun Asaanje ittifamuun oduu dansaati," jedhan miseensi paarlaamaa UK 'twitter' irratti. "Waliigalteen yakkamtoota dabarsanii walii kennuu namoota sababa siyaasaan adamfamaniif ooluu hin qabu."
Asaanjeen hanga Ebla bara 2019 to'annoo jala ooluutti waggoota torbaaf imbaasii Ikuwaador Landan jirutti kooluu galee achi jiraataa ture.














