Balaa xiyaaraa Iraan: Maatii miidhamtootaaf doolaara kuma 150 kanfaluuf

Iraan tokkon tokoon maatii namoota 176 balaa xiyyaara imaltootaa Yukireen Amajjii bara darbee keessa rukkuttee kuffifteef doolaara 150,000 kanfaluuf.

Yukireen beenyaa kanarratti mariin akka taa'amuufi qaamoolee haleellaa xiyyaarrichaa keessa harka qaban ammoo seeratti akka dhiyaataniif gaaffatte.

Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Yukireen Booyingi 737 battaluma Teehraanii ka'eetti misaa'elii lamaan dhahame.

Iraan xiyyaaricha haleelluushee jalqabarratti erga haalteen booda ammoo ''dogongoraan'' rukkutamu amante.

Haleellaa kanas ''dogongora balaafamaa'' Gareewwan Eegdoota Warraaqsaatiin(revolutionary guards)raawwatamees jette turte Tehraan.

Namoonni balaa sanaan du'anis lammiilee Iraan 82, Kaanaadaa 63, garee balaliinsaa dabalatee Yukreen 11 fi Afgaanota afur fi lammiilee Jarmanii sadii turan.

Yeroo sanattis humni ittisa qilleensa of eeggannoo olaanaa irra ture. Sa'aatiiwwan duras, haaloo ajjeechaa Janaraal Olaanaa Iraan Qaaseem Soleemanii USn Baagdaadi keessatti raawwatameetiif deebii kennuuf, biyyattiin misaa'eel baalistikii bu'uurawwan waraanaa US lama irratti dhukaafte turte.

Iraan qoranicha attamiin gaggeessite?

Ibsa motummaan Iraan baaseen, beenyaa kanas ''hanga danda'ameetti dafnee'' kanfalla jedheera.

Akkasumas Tehraan balaa qaqqaberratti gabaasa dhumaa biyyoota qorannicha gaggeessaa turan; Yukireen, US, Firaansi, Kaanaadaa, UK fi Jarmaniif erguu guyyaa Roobii himtee jirti.

Haata'u malee ministeerri Haajaa Alaa Yukireen ammi beenyaan kunis haala adeemsa idil-addunyaatiin mariin waliigalteerra gahuu qabaata jedheera. Akkasumas qaamoolee haleellaa sana duba turan seeratti akka dhiyaataniif gaafateera.

''Gama Yukreeniin haala itti xiyyaarichi haleelamerratti gabaasa wixinee teknikaa Iraan irraa barbaadna'' jedheera Dubbi himaan ministeerichaa Oleeh Nikoenko.

"Erga kan waa'ee carraa namoota qulqulluu dubbanna ta'e haalli kun gonkumaa fudhatama hinqabu,'' jechuun, qaamooleen itti gaafatamoo ta'an akka seeratti dhiyaatan mirkanneessuuf Yukreen yaalii itti fuftiis jedhan.

Jalqaba baatii kanaatti gabaasni walabaa Kaanaadaa haala Iraan balaa itti qorattee irratti gaaffii kaasee ture.

Gabaasni kaawunsilii addaa motummaa Kaanaadaatiin balaa kanarratti barreffamees, odeeffannoowwan baayyee barbaachisan hedduun, fakkeenyaaf maqaan namoota haleellaa qaqabsiisuuf itti gaafatamoo ta'an ifa hintaane, akkasumas gaaffiiwwan maaliif qilleensi Iraanootaa alkan Amajjii 8 hincufamiin jedhan fa'i hindeebiine jedheera.

''Qaamaa haalellichaaf ittigaafatamaa ta'eetu ofiisaa qorataa jira, irra jiraa haala icciitiin. Sunis amantaa hinuumuu'' jedheera gabaasichi.

Haamed Esmee'eliyoo, dubbi himaan Waaldaa Maatiiwwan Balaliinsa PS752, maatiin qaamni itti gaafatamaa ta'e akka mana murtii walabaatti seeratti dhiyaatu fi qorannoon guutummaan itti gaafatamaa ta'e balaa sanarratti akka gaggeefamu barbaadu jedheera.

Akkasumas Iraan warrabbii sagalee 'saanduqa Gurraacha'' xiyyaarichaa baatii jahaaf gadhisuu didee turte.

Booda ammoo Adooleessa keessa Faransaayiitti qorannoof ergite.

Balaliinsa PS752 maaltu mudate?

Amajjii 8 akka naannichaatti sa'aatii 06:12 (02:42 GMT) irratti, Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Yukireen (UIA)balaliinsi PS752 Buufata Idil-Addunyaa Khomeinii kan Teheeraan keessaa irraa ka'e.

Xiyyaarichis Booyingi 737-800 moodeeliiwwan xiyyaaroota indastirii daandii qilleensaa addunyaa beekamaa keessaa tokko ture.

Osuma naannoo qilleensaa gadhiisee hinbahiin dura, gara irraa ka'eetti deebii'uuf ture. Haa ta'u malee battalumatti kufee cacabe.

Jalqabarrattis motummaan Iraan xiyyaarichi akkuma ka'een rakkinni teeknikaa mudatee ture jedhee ture.

Akkasumas imlatoota garee balaliinsa xiyyaa biraa dabalatee ragaa baatota osoo hinkufiin dura ibidi itti qabatee ture jedhan caqaasaa turan.

Aangaa'oonni ammoo xiyyaarichi akkuma lafaa ol ka'een wayita ol fageenya miila 8,000 (meetire 2,400) irra gaheen walqunnamtii dhabu himan.

Haa ta'u malee booda keessa ammoo gabaasni Dhaabbata Sivil Aviyeeshinii Iraan garee ittisa qilleensaatiin rukutamuufi kunis dogongora meeshaa irraa kan ka'e ta'u hime.

Sababii kanaatinis, xiyyaara imaltootaa akka kan waraanaatti hubachuun haleelame jedhe.

Kana malees gabaasichi baatiriin misaa'ilichaa jiddugala hajajaa isaa waliin wal quunnamu hindandeenyee waan ta'eef osoo seeraan hinmirkanaa'iniif xiyyarichatti dhokaasee jedhe ture.