Balaa xiyyaaraa Iraan: Iraan xiyyaara Yukireen 'dogongoraan' kuffiste jechuun TVn biyyaalessaa gabaase

Waraanni Iraan xiyyaara Yukireen 'itti yaadamee osoo hintaane, dogongoraan' dhawee kuffisuu, TVn biyyaalessaa Iraan gabaaseera.

Akka ibsa kanaatti wanti kun kan raawwate 'dogongora namaan' yogguu tahu, xiyyaarichis iddoo haalaan icciitii taheefi buufata waraana biyyattii 'Revolutionary Guards' jedhamanitti dhiyaatee balali'aa ture jedhan.

Kanneen gochaa kana raawwatanis itti gaafatamu, jedha ibsichi.

Iraan hanga ammaatti dhukaasni misaa'elaa isheen taasifte xiyyaaricha kuffisuu waakkataa turte.

Imaltoonni 176 xayyaara magaalaa Tehraan cinaa kufee caccabe keessa turan marti lubbuu dhabaniiru.

Miidiyaaleen Ameerikaa keessaa akka tilmaamaa turanitti xiyyaarri Yukireen kun, xiyyaara waraanaa itti fakkaatee Iraan rukuttee kuffisuu gabaasaa turan.

Iraan misaa'eloota lakkoofsaan hedduu tahan kan dhukaaste, erga Ameerikaan jeneeraala waraanaashee olaanaa Qaasem Soleeymaanii erga ajjeefte boodadha.

Xiyyaarri qabeenyumaansaa kan Daandii Qiilleensaa Idil Addunyaa Yukureen ta'e kunis imallisaa Tehiraanii gara magaalaa guddoo Yukureen Kiiyeev qajeeluuf ture.

Anga'oonni biyyoota Awurooppaa xiyyaara Yukureen kan guyyaa Roobii kufee caccabe Iraan dogongoraan misaa'eelaan waan rukutteef jedhu.

Guyyaa Jimaataa miidiyaan Ameerikaa CBS, qondaala basaasaa tokko caqasuun akka himeetti, misaa'eeloota lama xiyyaarichi ittin rukutameefi isaan boodaa dhoo'insa ta'ee ilaalchisee maddii saataaliaayitii irraa argameera jedhame.