Jaappaan kosii hawaarraa xiqqeessuuf saatalaayitii mukarraa tolchuutti jirti

Kaampaaniin Jaappaan fi Yunivarsiitiin Kiyootoo saatalaayitii addunyaa jalqabaa mukarraa hojjetamte jedhamte bara 2023'tti dhugoomsuuf hojiitti seenan.

Kaampaaniin mukaa Jaappaan Sumitomo Forestry jedhamu guddina mukaafi muka hawaarratti hojiirra oolchuuf qorannoo eegaleera.

Hojiin waloon dalagamu kuni haala qilleensa lafaa adda addaarratti muka fayyadamuun dhiibbaa inni qabaatu qorachuun eegala.

Saatalaayitiin hedduu hawaatti waan ergamuuf caccabaan meeshaalee adda addaa hawaarratti hafu yaaddoo uumeera.

Saatalaayitoonni yoo mukarraa hojjetaman garuu ofii gubachuun yookiin lafatti gatamuun miidhaa hanqisu danda'a jedhamee yaadama.

''Saatalaayitoonni atmosferii lafaa deebi'anii seenan gubachuun caccabaa hedduu atmosferii gubbaa yeroo dheeraaf bololi'aa turuu dhiisanii darbuu isaanitti baay'ee yaaddofne,'' jechuun Yunivarsitii Kiyotootti pirofeesara kan ta'aniifi astironaatni Jaappaan Taakaawo Dooyi BBC'tti himan.

Wanti kuni yeroo keessa naannawa dacheerratti miidhaa qaba kan jedhan pirofeesar Taakaawo Dooyi dura modeeliin saatalaayitii erga qophaa'e booda modeeliin balalii akka qopheeffamu himan.

Taakaawoon astiroonaati ta'anii bara 2008 Buufata Hawaa Idil - addunyaa daawwataniiru.

Kaampaaniin Sumitomoo waggoota 400 ol dura hundaa'e kuni meeshaalee jijjiirama tempireecharaafi aduu dandamatan oomishurratti akka hojjetu ibse.

Kosii hawaarraa

Yeroo saatalaayitiifi xiyyaar samiin dabalataa hawaatti ergamu caccabaan maashinaafi sibiilaa hafu lafatti bu'a jechuun ekispartooni akeekkachiisu.

Saatalaayitoonni kominikeeshinii, televijinii, imalaafi raaga haala qilleensaaf hojiirra oolu. Ekispartoonni hawaafi qorattoonni kosii hawaarraa xiqqeessuuf yookiin balleessuuf qorannoo gaggeessaa turan.

Akka Fooramii Diinagdee Addunyaa (WEF)'tti yeroo ammaa saatalaayitoonni 6,000'tti siqan dachee marsanii jiru. Kanneen keessaa 60% hojiirra kan jirre kosiidha (Afaan Ingiliziin space junk) jedhun.

Dhaabbati qorannoo Euroconsult jedhamu waggoota kurnan kana keessa waggaatti saatalaayitiin 990 hawaatti ergama jedhee tilmaama. Kana jechuun 2028'tti saatalaayitoonni orbitii keessa naanna'an 15,000 gahu jechaadha.

Meeshaaleen dhala namaan hawaarratti hafan kunneen saffisa guddaan jechuunis 22,300 mph socho'u. Meeshaa itti bu'an kamirrattu miidhaa dhaqqabsiisu danda'u.