Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xiyyaarri Booyiingi 737 Max rakkina motaraa mudateen tasa qubachuuf dirqame
Xiyyaarri Booyingi 737 Max qabeenyummaansaa kan Daandii Qilleensaa Kaanadaa ta'e tokko battaluma ka'eetti rakkiinni motaraa isa mudachun bakka biraa qubachuuf dirqamuun barame.
Daandiin Qilleensaa Kaanadaa akka beeksisetti, xiyyaarichi Ameerikaa Ariizonaa irraa ka'uun gara Montiriiyaa balali'aa ture. Haa ta'u malee rakkina motaraa akkuma ka'een mudateen karoora malee qubachuuf dirqame.
Xiyyaarichi hojjattoota sadii qabatee kan ture yoo ta'u, nagaadhumaa qubachuun dhagahameera.
Xiyyaaronni Booyiing 737 Max erga bara 2019 keessa balaan Daandii Qilleensa Itoophiyaafi Indooneshiyaa qaqqabeen booda balaliinsa irraa dhorkamanii ture.
Haa ta'u malees jalqaba baatii kanaatti erga haaromsi hadduun taasifameen booda gara balaliitti akka deebii'uuf hayyama argate.
Balaa xiyyaaroota Booyingi lama qabeenyummaansaanii kan Daandii qilleensa Itoophiyaafi Indoneeshiyaa ta'aniin namoonni 346 lubbuusaanii dhabuun ni yaadatama.
Balaan lamaanu kan mudatan rakkina teknikaa softiweerii kutaa balaliinsaa (MCAS) mudateen akka ta'e ibsamee ture.
Rakkoon motaraa amma mudatee kunis Jimaata kaleessaa umamee.
Waa'ee rakkina motara xiyyaarichaa amma mudate kan ibsan Daandiin Qilleensa Kaanadaa (Air Canada) ''Balaliistonnis akkuma haala motaraa irratti akeekachiiftuun (notification) isaan qaqqabeen, haaluma adeemsa yeroo balaatti osoo deebii'anii hinqubatiin dura motara dhaamsuuf murteessa'' jedha.
Oduun marsariitii Aviyeeshinii Beeljiiyeem ammoo, balaliistoonni akkuma karaa mirga xiyyaarichaatiin rakkinni jiraachu hubataniin balaliinsa adda kutuun deebii'anii qubachuuf murteessan jedheera.
Xiyyaarri imaltoota malee kunis bakka qubatee ture 'Tuscon' irraa ka'uun gara Kaanadaatti balalii'uuf ture.
Booyingi erga balaan daandii qilleensa Itoophiyaa Indoneshiyaa qaqqabeen booda kutaa to'annoo balaliinsaa dabalee kutaalee xiyyaarasaa garaagaraa irratti fooyya'insa taasisuu ibsee ture.
Haaluma kanaanis torban sadiin dura Biraaziil xiyyaara Booyingi 737 imaltootaa gara qilleensaatti akka deebii'uuf hayyamte turte.