Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
737 Max: Boeing paayileetota yaalii godhan irratti 'dhiibbaa hin malle uume'
Qorattoonni seeneetii Ameerikaa kaampaniin Boeing xiyyaarri 737 Max balaliitti akka deebi'u wayita yaaliin balaliisaa taasifame kaampaanichi paayileetota yaalii taasisan 'akka hin malletti leenjisee' jedhan.
Xiyyaarri Boeing 737 Max balaa lama wal duraa duuba mudate hordofee Bitootessa 2019 balaliirraa uggurame
Qorattoonni kaampaanii Boeing akkasumas Bulchiinsa Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa (FAA) "odeeffannoo barbaachisaa dhoksuuf yaalan" jechuun yakkeera.
Boeing waan qorattoonni jedhan kana nan sakatta'a yoo jedhu FAAn garuu waan ittiin himatame ofirraa ittiseera.
Qorattoonni Seenetii gabaasni dhiyeessan "yakka ragaan hin deeggaramne hedduu qaba" kan jedhe FAAn, xiyyaara 737 Max balaliisatti deebisuuf hojii sirriin hojjedhe jedha.
Rakkoon nageenyaa xiyyaarichi duraan qabu sirnaan furamuu ofitti amanamummaa akka qabus beeksiseera.
Balaan Indooneezhiyaa fi Itoophiyaa garaagarummaa ji'oota Shanii jidduutti uumame walumatti lubbuu namoota 346 galaafate.
Ka'umsi balaawwan kanaa sirna balalii to'atu MCAS jedhamu kan funyaan xiyyaarota lameenii gara lafaatti gadi harkisee akka kufan saaxiledha jedhame.
FAAn xiyyaara kana balaliitti deebisuun dura nageenyummaa isaa mirkaneessuuf balalii yaalii meeshaa xiyyaarichaa fakkeessu ykn simuleetar jedhamuun taasise.
Balaliin yaalii kun rakkoon sirna to'annoo balalii akka amma duraa yoo mudate paayileetonni akkamiin to'achuu akka danda'an baruuf gaggeeffame.
Gabaasni koreen qorattoota Seeneetii Jimaata baase akka agarsiisutti Boeing fi FAAn paayileetonni kufaatii sirna to'annoof akka deebii itti kennan irratti leenjii hin malle paayileetota balalii yaalii sana taasisaniif kennaniiru.
Kanas odeeffannoo dhoksaan argatanii akkasumas gaaffii fi deebii hojjettoota FAA waliin taasisan irraa hubachuu gabaasa keessatti eeran.
Kanaanis Boeing fi FAAn odeeffannoo barbaachisaa xiyyaara 737 Max balaaf saaxile dhoksuu hin oolle jedhan.
Gabaasni kun FAAn ji'a darabe xiyyaarri 737 Max balaliitti akka deebi'u erga murteessee booda dhufe.
Xiyyaaronni duraan turan balaliitti deebi'uun dura garuu fooyya'iinsa sirna to'annoo balalii barbaadu, paayileetonnis leenjii fudhachuu qabu jedhee ture.
Fooyya'iinsi sirna to'annoo taasifamu balaan kanaan duraa akka irra deebiin hin uumamne kan taasisudha jedhe FAAn.
Jalqaba baatii kanaa daandiin qilleensaa Biraazil Gol jedhamu daandii qilleensaa jalqabaa xiyyaara 737 Max balaliitti deebise ta'eera.
Daandiin qilleensaa Ameerikaa xiyyaaronni isaa 737 Max Ameerikaa keessatti Mudde 29 bara 2020 irraa eegaluun balaliitti akka deebi'an akka eegu himeera.