Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Booyiing balaa lama isa qaqqabeen booda yeroo jaqabaaf xiyyaara 737 Max'tiif gabaa argate
Booying balaa hamaa lama bara darbe isa mudateen boodaa yeroo jalqabaaf xiyyaara 737 Max argate.
Dhaabbatni Ameerikaa xiyyaara hojjetu daandiin xiyyaaraa Poolaand Intar Eer xiyyaarota afuur bitachuuf ajajeera jedhe.
Intar Eer balaa 2019 as sakatta’insi maaks 737 adeemsisaa ture waggootin dhufan keessatti ‘’xiyyaarawwan filatamoo’’ akka oomishu isa taasisaa jedhe.
Xiyyaarichi ammallee ragaa mirkanaa reefu argachuuf jedha.
Inte Eer Poolaand keessatti dhaabbata isa guddaa tajaajila balalii kennu yoo tahu xiyyaara 737 tokkoon hojii jalqabe.
Xiyyaarota 22 Neekst Jenereeshiin 737 qaba, yoo Maaaks 737 afur biteef xiyyaarota gosa kanaa 10tti ol guddifata.
Pireezidantiin kutaa gabaa Booyiing Ihaasaan Muniir ,’’kabaja Enter Eer maatii Booyingiif agarsiiseen gammanne,’’ jedhan.
Dhaabonni kunneen lamaan 737 hojii ala tahee turuusaan wal qabtee baasii dhufu mara booying akka kaffaluufillee waliigalan.
Gabaasonni adda addaa maqaa Maaks jedhu haquun dhaabbatichi bittaa fi gurgurtaa kana kan beeksise balaa kana dura ture yaadachiisuu dhiisuun falmii hambiisuufi jedhameera.
Dubbii himaan Booying garuu ibsa kennine keessatti Maaks 737 ala baayyee maqaan dhahameera jedhan.
Warreen xiyyaara sakatta’uufi to’achuun ogummaa qaban Maaks 737 baatii Bitootesssaa keessa hojii akka dhaabu taasisan.
Bakka buutonni uummataa Ameerikaa dhaabbatichi warreen sakatta’a xiyyaaraa taasisan jalaa odeeffannoo dhoksuu mirksneessineerra jedhanii turan.
Dhaabbatichi jalqaba bara dhufu irratti xiyyaarota isaa qilleensatti deebisuuf mirkana eeggachaa akka jiru hime.
Booyiing sababii balaa lameen namoota 300 galaafataniin hojii ala tahuun dabalataan weerara koroonaavaayirasiin dhiibbaan irra gaheera.
Bara kana qofa maamilootni ajaja bittaa xiyyaara 400 jalaa haqaniiru.
Baatiiwwan jalqabaa bara kanaa jaha keessatti dhaabbatichi xiyyaara 737 sagal qofa maamilootaan bira gahee kana bara 2019 yeroo wal-fakkaataa garuu xiyyaara 100 ture.