Sareen Pirezidaanti Maakroon namoonni sarootaaf gaarii akka yaadan dhaame

Sareen Maakroon, Nemoo jedhamu erga bara 2017 as jireenya qannoo jiraata

Madda suuraa, Macron/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Sareen Maakroon, Nemoo jedhamu erga bara 2017 as jireenya qannoo jiraata

Sareen Pirezidaantii Firaansi Imaanu'eel maakroon, Nemoo jedhamu ergaa bara haaraa fi ayyaana qilleen walqabsiisee dabarseen dhalli namaa sarootaa fi bineensota biroof waan gaarii yaaduu akka qabu dhaame.

Keessattuu saroota dahoo dhabanii iddoo garaagaraa jiran beekanii akka ofitti fudhatanii guddifatan dhaameera.

''Seenaan kiyya wayitan gatamee ture irraa eegala. Akkuma kiyya bineensonni 100,000 ta'an waggaatti Firaansi keessatti ni gatamu. Maarree tibba ayyaana qillee kana ofitti fudhaa guddifadhaa. Garuu wayita ofitti fudhattan sirriitti adda baafattanii beekuu qabdu'' jedha barreeffamni viidiyoo saree kanaa waliin maxxanfame.

Imaanu'eel Maakroon Covid-19'n qabamanii handaara magaalaa Paarisitti adda ofbaasanii jiru.

Sareen Nemoo jedhamu kun dhaamsa miiraan guutamee dabarseen, ''bineensonni manaa xixiqqoon(kanneen akka saroota, adurrootaa fi kaan) qaamuma maatii keessaniiti-dirqama isinirraa qabu'' jedhe.

Pirezidaanti Imaanu'eel maakroon haadha warraa isaanii waliin ta'uun saree Nemoo jedhamu kana giddu-gala dahoo bineensotaatii yuuroo 250'n bituusaaniitu himama.

Yeroo jalqabaaf Nemoo waliin kan mul'atan bara 2017 ture.

Maxxansa Facebook irra dabri

Qabiyyeen kun hin argamne

irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.

Xumura maxxansa Facebook

1px transparent line

Viidiyoon Nemoo akka ibsutti paarlaamaan biyyattii Amajjii dhufu keessa seera miidhaa bineensotarra ga'u hambisuuf ba'erratti mari'achuuf jedhu.

Seerri kun maallaqi yuuroo miiliyoona 20 ta'u iddoo dahoo bineensota gatamaniif akka ramadamu hima.

Namni bineensota gataman darare akka adabamu, akkasumas namni bineensota gataman madaqfachuu barbaade jalqaba beekamtii argachuudhaan ta'uu akka qabu ajaja seerri kun.

Qajeeltoowwan bineensota kunuunsuuf hordofamuu qabanis ifatti kaa'eera.

Seerri kun yoo mirkanaa'e namoonni hiyyeeyyiin abbootii qabeenyaa bineensota gatamanii ta'anis maallaqa deggersaa gaafachuu danda'u.

Nemo meets Niger president, 28 Aug 17

Madda suuraa, AFP