Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan waggoota 32 booda balaa xiyyaara lubbuu namootaa 200 olii galaafateef lammii Liibiyaa himatte
Ameerikaan dhohinsa xiyyaaraa waggoota 32 dura qilleensa Lokarbee Iskotilaan irratti bara 1988 qaqabeef shakkamaa boombii hojjateera jetteen lammii Liibiyaa tokko irratti himannaa bante.
Balaan qaqabee ture sanaanis lubbuun namoota 190 kan galaafatame yoo ta'u, gochichis kan haleellaa shororkeessummaan kan wal qabateedha jedhameera.
Kanaanis lammii Liibiyaa boombii tolchuu keessaa harka qaba jetteen irratti himannaa bantee jirti Ameerikaan.
Lammiin LIibiyaa Abu Agiilaa Mahaammad Almasuud jedhamu hagganaa Liibiiyaa duraanii Mu'aamar Gaadaafiidhaaf kan boombii tulchaa ture jedhameera.
Dabalataanis shakkamaan kun Liibiyaatti qondaala tikaa akka ture irra qaqabeera jetti Ameerikaan.
Sababii balaa xiyaarri Pan Am kan lakkoofsi balaliinsa isaa 103 ture, xiyyaarri booyngii 747 sanaatinis walumaagalatti imaltoota 270 lubbuusaanii dhabe.
Erga balaan xiyyaaraa kun qaqabeen boodas hogganaa Liibiyaa kan turan Gadaafiifi biyyoota lixaa jidduutti waldhabdee dippilomaasii umamee ture.
Haaluma kanaanis boodara Gaadaafiin maatii warra miidhamtootaaf dolaara biiliyoona tokko kennuun dhimmichi akka xumuramuuf yaalii taasisuun isaanii ni yaadatama.
Waggoota kana hunda booda abbaan alangaa Ameerikaa Wiiliyaam Baar shakkamaa Al Masu'dii Liibiyaadhaa dabarfamee akka kennamuuf gaafachuu ifa kan taasisan.
Balaan qaqabee sunis balaliinsa Landanii gara Niiw Yoorkiitti taasifamaa ture irratti boombii borsaa harkaa keessa ture dhohuun qorannoon seenaa keessaatti walxaxaadha jedhame akka gaggeeffamu taasise.
Balaan sunis balaa cimaa shorrkessuummaa seenaa Ameerikaa isa lammaaffa jedhameera.
Wayita xiyyaarichi samii Lookarbag Iskotilaandi irratti kufe cacabeettis namoonni 11 lafa irra turan ajjeefamaniiru.
Namoota xiyyaarichaan imalaa turan 270 keessaa kanneen 35 ta'an barattoota lammiilee Ameerikaa ayyaana gannootiif gara manaa deebii'aa turan jedhameera.
Abbaan alangaa Ameerikaa Wiiliiyaam Baar wayita balaan sun qaqabeetti bulchiinsa Joorji Buush jalatti aangaa'aafi dhimma dhoohiinsa qaqabees kan hordofaa turaniidha.
Waajjiira abbaa alangaa yeroo sanaa keessatti dhimmicha akka hordofanii qorataniif Roobart Muulariin ramadamanii rutan.
Roobart Muular ammaan kanatti duree garee jidduugalumsa Rushiyaan filannoo Ameerikaa keessaa qabdu qoratu ta'uun beekamu.
Wayita waggaa 32ffaan balaa sukkaneessaa kanaa yaadamuttis Roobarti Mulariifi haati warraa isaanii argamaniiru.
Kana duras balaadhuma kanaan walqabtee shakkamtoonni lammii LIibiyaa lama to'aatamuun tokko bilisaan yoo gadhiifamu kan lammataa irratti addabiin umurii guutuu irratti murtaa'unsaa ni yaadatama.
Haa ta'u malee shakkamaan dhukkuba kaansariin waan qabameef gara biyyasaa Liibiyaa deemuun jireenya isaa hafe nagaan akka dabarsuuf bilbilsa taasifameera.
Innis erga yeroo muraasaa Tirippoolii keessa jiraateen booda boqateera.
Namni amma Ameerikaan irra qaqabeera jette Al Mas'uudiin kana dura dhimmichaan himatamee hin beeku ture.
Waggoota dheeraa kana booda nama shakkeera jira jette kan bira gahuudandeessees, du'a Gaadaafii hordoofee garen Liibiyaa to'ate wayita miseensa tika duraa tokkoof gaaffii taasiseetti waan hin eegamiin tokko dubbachu isaatti ejdhame.
Wiiliyaan Baar waan namtichi sun dubbatee waajjirri Tikaa Liibiyaa akka kenneef dubbataniiru.
Namni dhimma sana dubbateera jedhamees Al Masuud kan amma himannaan irratti banameedha.
Wiiliyaan Baar akka jedhaniitti shakkamaan boombiicha erga tolcheen booda, hojii raawwateef Gaadaafiin galata keenneefii ture.
"Yeroonsaa haa dheeratu malee kan haqa Ameerikaa jalaa bahuu danda'u homtu hin jiraatu'' jedhaniiru Wiiliyaam Baar.
Haa ta'u malee motummaan Liibiyaa shakkamaa dabarsee kennuu ilaalchisee hanga ammaatti kan jedhe hinjiru.