Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ejensiin Aviyeeshinii Awurooppaa Boeing 737 Max balaliinsa eegaluu danda'a jedhe
Hoogganaan Ejensii Nageenyummaa Aviyeeshinii Awurooppaa (EASA) Paatrik Ky BBCtti akka himanitti, xiyaarri Boeing 737 Max yeroo ammaa nageenyummaansaa mirkana waan ta'eef balaliinsa eegaluu danda'a.
Akka qondaalli kun jedhanitti dhaabbati isaanii gosa xiyyaaraa kana sakatta'uu fi dizaayinasaa xiinxalee sirreessuuf wanti inni hin raawwanne hin jiru.
Gosti xiyyaaraa Boeing 737 Max kun bara 2019 ture kan hojii dhaabe.
Kunis erga balaawwan suukanneessoo ta'an lama mudachuun lubbuu namoota 346 galaafatameeti.
Xiyyaarri kun yeroo ammaa US fi Biraaziil keessatti balaliinsa itti fufuuf haalli hunduu xumurameera.
Jaarmiyaan nageenyummaa aviyeeshinii Awurooppaas xiyyaarri kun ardicha keessatti walakkaa Amajjii dhufuurraa kaasee tajaajila akka eegalu iyyamuuf jira.
Balaan xiyyaara kanaan mudate inni jalqabaa bara 2018 wayita xiyyaarri Lion Air jet Indooneezhiyaa keessatti kufuun barbadaa'e ture.
Ji'a afur booda, bara 2019 keessa ammoo Itoophiyaa keessatti mudate.
Taateewwan lamaan mosaajiin (software) xiyyaarichaa rakkina akka qabuu fi yeroosaa malee hatattamaan gara hojiitti seenuun balaaf kan nama hedduu saaxile ta'uu mirkaneessan.
Balaa Itoophiyaatti mudateen booda Jaarmiyaan Nageenyummaa Aviyeeshinii Awurooppaa akkuma Bulchiinsa Aviyeeshinii Federaalaa US, gadi taa'ee sakatta'uu eegale.
Sakatta'iinsii fi qorannoon gaggeeffame taateewwan lameen mudatan qofarratti kan murtaa'ee miti kan jedhan Paatrik Ky, garuma fuulduraattuu akkaataa nageenyummaansaa yoomiyyuu mirkanaa'aa ta'utti dizaayinasaa sakatta'uun sirreessuu dubbatan.
Tajaajila guutuutti deebi'uun yoo barbaachise, xiyyaaronni duraan turan mosaajii (software) kompiyuutaraa haaraadhaan dabaalamuu qabu jedhan qondaalli kun.
Paayilatonnis leenjii barbaachisaa dirqama fudhachuun jalqaba xiyyaara kanaan walbaruu qabu jedhan.
Fooyya'iinsa xiyyaara kanarratti taasifame itti baruuf leenjiin bu'uuraa kennamee paayileetonni dursa shaakaluu qabu jedhu.
Boeing mosaajii (software) xiyaarichaa irra deebiin fooyyessuu isaa irra deddeebiin kaasaa ture.
Ameerikaanis xiyyaara kana hojii eegalsiisuuf haaldureewwan walfakkaatoo keesseetti.
Haala kanaan xiyyaarri kun hojii eegaluu danda'a, nageenyummaansaas mirkanaa'aa jedhan Paatrik Ky.