Dhaalli qabeenya Diyeegoo Maaraadoonaa maaliif walxaxaa ta'a?

Gameessi Kubbaa miilaa addunyaa Diyeegoo Armaandoo Maaraadoonaa kan torbee darbe ganna 60'tti addunyaa kanaarraa darbe, akkuma jireenyi dhuunfaa isaa walxaxaa ture dhaalli qabeenya inni horatees akkasuma ta'a jedhu ogeeyyiin.

Duuti Maaraadoonaa erga dhagaahamee qabeenya inni bara lubbuun jiru horateefii kanneen qabeenya isaa kana dhaalan ilaalchisee tilmaamonni hedduun bahaa jiru.

Maaraadoonaan maatii hedduu qaba. Dubartoota bara lubbuun jiru hariiroo jalalaa waliin qabaate 6 ta'an irraa yoo xiqqaate daa'imman saddeetiif abbaadha.

Qabeenyi isaa kunis daa'imman isaaf qixxee qoodamuu qaba jedhamee amanama.

Ogeeyyiin Seeraa fi gaazexessitootni garuu adeemsi dhaala qooddachuu kun walxaxaa ta'aa jedhu.

Abbootiin seeraa qabeenya isa sirrii Maaraadoonaan qabu beekuuf wayita hojjechaa jiran kanatti, kanneen dhaalli naafis ni mala jedhan abbummaasaa mirkaneeffachuun qabeenya qooddachuuf qorannoo DNA(qaccee sanyi) gochuu waan qabaniif adeemsi isaa turuu mala.

Arjantiinaa magaala Boones Ayirees kan jiraatu ogeessi seeraa Eliyaas Ki'eer Joofee ''Adeemsi dhaalaa walxaxaa ta'a jedheen amana, furuufis yeroo fudhataa '' jechuun BBC'tti hime.

Ijoolleen Maaraadoonaa isaan kami?

Dhuga bahuumsi abbuummaa Maaraadoonaa jireenya isaa qoosaafi gammachuun guute keessatti baratamaadha.

Intallii isaa yeroo tokko ijoolleen taphataan sarara fuulduraa Arjantiinaa kun addunyaaf gumaache kophaatti garee taphattoota kubbaa miilaa 11 waan hanqatan miti jechuun qoosteetti.

Maaraadoonaan waggoota hedduuf ijoollee dubaraa lama Gi'aaniinnaa kan amma ganna 31 fi Daalmaa kan ganna 33 malee ijoollee biraa akka hin qabne haalaa ture.

Ijoolleen dubaraa kunniin hadhaa warraa isaa duraanii waggoota 20'f waliin jiraatan, Kilaawdiyaa Viilaafaane kan bara 2003 walhiikan irraa waliin horataniidha.

Taphataan dinqisiisaan addunyaa kana Maaraadoonaan boodarra ijoollee biroo jaha qabaachuu isaa amane.

Maaraadoonaan dubartii hariiroo wajjiin qabaachaa turerraa ijoollee lama Juuniyeeriifi Jaanaa jedhaman qabachuu bara 2010 keessa amane.

Kunis haadha ijoollee kanaa waliin mana murtiitti falmiirra erga turee boodadha.

Ilmi isaa kan lammataa bara 2013'tti dhalatee maqaan Diyeegoo Fernaandoo jedhamu mogga'eef garuu falmii mana murtii hin kaafne.

Wanti diqisiisaan biraan bara 2019 dhalatemmoo abukaatoon Maaraadoonaa, Maaraadoonaan ijoollee sadii Kuubaatti dhalataniif abbaa ta'uusaa amaneera jechuun ibsa kenneedha.

Maardoonaan bara 2000 irraa eegalee waggoota hedduuf sababa yaala araada kookeeniif biyya Kuubaa tureera.

Amma lammiileen Arjantiinaa lama Saantiyaagoo Laaraa kan ganna 19 fi Maagaalii Giil kan 23 Maaraadoonaan abbaa keenya jedhanii amanu.

Kanas mana Murtiitti dhiyeessuun falmanii qabeenya Maaraadoonaa qooddachuuf yaada qabu.

Kanaafis reeffa Maaraadoonaarraa saamudni qorannoo DNA'f barbaachisu akka fuudhamu ijoolleen kun gaafachaa jiru.

Osoodhuma Maaraadoonaan abbaa isaanii ta'uun mirkanaa'ee qabeenya hangamii akka qooddatan wanti ifa ta'e hin jiru.

Qabeenyi Maaraadoonaa tilmaamaan hangam taha?

Gabaasni qabeenya waliigalaa Maaraadoonaa ibsu hin jiru, miidiyaaleen garuu madaala lamaan tilmaama isaanii kaa’u.

Inni jalqabaa, gatii qabeeya waliigalaa Maaraadoonaa yoo tahu konokolaataa ispoortii isaa fi faayaasaa hunda dabalata.

Qabeenyaa dhaalamu kan doolaara miiliyoona 75-100 tilmaamamu qaba jechuun miidiyaaleen Arjantiinaa gabaasaa turan.

Odeeffannoon kun garuu madda otoo hin eeriin ture gaazexeessaa ispoortii Juuliyoo Chiyaappeettaa jedhamu kan Maaraadoonaatti dhiyaatuun barreeffame.

Madaalliin inni lammataa immoo qabeenya waliigalaa namni tokko dhuunfaturraa liqaa irra jiru hir’isuu ture.

Maaraadoonaan yeroo du’u qabeenya doolaara miiliyoona 500,000 qaba jedha marasariitiin qabeenya namoota beekamu gabaasu Celebrity NetWorth, jedhamu

Haaluma kanaan Maaraadoonaa kanneen armaan gadii akka dhuunfatu bal’inaan gabaafameera.

· Yoo xiqqaate qabeenyaa shan Arjentiinaa keessaa qaba garuu Joof immoo mana Bevarlii Hiils hin dabalatu jedhu.

· Konkolaataa Rolls Royce Ghost jedhamu kan doolaara 360,000 baasuu fi BMW i8 doolaara 175,000 baasu

· Konkolaataa Hunter Overcomer amphibious yeroo Beelaaruus deeme kan kennameef.

· Qubeelaa diyaamandii doolaara doolaara 360,000 baasu

· Waliigaltee Komaaniin beekamtii Maaraadoonaa geemii irratti fayyadamu eeyyamu.

Celebrity Net Worth Maaraadoonaan yeroo taphataa fi hogganaa turetti doolaara miiliyoona kurnaan lakkaa’amu miindaa fi deeggarsa irraa argachaa ture.

Qabeenyi isaa baayyeen kan argame waliigaltee garee kubbaa miilaa Xaaliyaanii Naappoolii waliin bara 1990 mallatteessee irraati.

Akka New York Times gabaasetti mindaa doolaara miiliyoona 3 fi qarshii deeggarsaa biraa miiliyoona 8-10 argateera.

Xaaliyaaniin miindaa isa guddaa akka argatu taasiftus bara 2005tti garuu mootummaan biyyattii Maaraadoonaa gibira doolaara miiliyoona 48.6 yeroo Naappooliif taphatu hin kaffalle qaba jedheeraanii.

Amma yoonaa qarshiin harki guddeessi otoo hin kaffalamiin jira.

Maaraadoonaan hin kaffalu jedhee dide. Otoo lubbuun jiraates waan kaffalu hin turre. Kunis Celebrity Net Worth dhaan shallagameera.

Hiriyyaan Maaraadoonaa gaazexeessaa Ispoortii Luwiis Veenturaa amalli baasii irratti qabu waan gaarii hin gooneefi jedheera.

TV Faantiinoo jedhamu irrattis dhiyaatee, Maaraadoonaan 'hiyyoomee du'ee?' jedhamnaan.

''Eeyyee hiyyeessa taheetu du'e,'' jedheera. ''Qarshii baasuu jaalata, namni naa kenni jennaan hinuma kenna,'' jedhe Veenturaan.

Dhaalli Maaraadoonaa attamiin qoodama?

Jireenyasaa guutuu Maaraadoonaan shariikotaa fi ijoolleesaa waliin wal-dhabdee addabaabaayittii bahe keessa ture. Hunduu gama mataasaaniin miidiyaa hawaasummaarratti aarii isaanii ibsatu ture.

Fayyaa fi qabeenyi maaraadoonaa dhimmoota wal-dhabdee turan. Sadaasa 2019tti illee intallisaa Jinaayinaan waa'ee fayyaasaa dhiphachuu miidiyaa hawaasaa irratti ibsinaan inni garuu waa'ee dhaalaa haasa'aa itti deebisaa ture.

''Sitti himuu, waan tokkoyyuu hin hambisu hundumasaa nan arjooma,'' jechuun viidiyoo YouTube irratti baheen dubbateera.

Akka seera Arjentiinaatti garuu namni tokko sadaffaa qabeenyasaa qofa arjoomaaf kan kennuu danda'u inni kaan ijoolleetti darba.

Haa tahu malee Maaraadoonaan dhaammannaa kaa'ee ijaa hin duuneef ykn yeroo du'etti haadha warraa ijaa hin qabneef ijoolleesaatu qabeenyasaa guutuu qixxee hirata.

''Akka aadaa Arjantiinaatti namoonni yeroo baayyee dhaamsa hin barreessani,'' jedhu Joof.

BBC'n waa'ee dhaala kanaa gaafachuuf abukaatoo Maaraadoonaa Maatiyaas Morlaa argachuuf yaalullee deebii hin arganne.

Dhaamsi barreefamaa yoo hin jiraanne…

Namoonni qabeenya Maaraadoonaa dhaalan kan beekamaniifi hin beekamne iyyata anaaf tahaa du'asaan guyya sagal keessatti galchuu danda'u.

Intallisaa Jaanaa Maaraadoonaan kanuma Kamisa darbe raawwattee jirti.

Kana booda manni murtii eenyu maal fudhachuu akka qabu murteessa. Kunis adeemsa ji'ootaa fudhachuu danda'a taha, jechuun ogeessi seeraa dhaala irratti hojjetan Sebaastiyaan Limeerees BBCtti himan.

Ammaaf garuu,''namoonni dhaalan murtoo haala gaariiin fudhatuu kan jedhu tilmaamuu hin dandeenyu,'' jedhan.

''Maatii kee filachuu hin dandeessu, waan Waaqni murteesse dha jedhama mitiiree?''