Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Diyaagoo Maaraadoonaa: Poolisiin manaa fi kilinika doktara Maaraadoonaa marse
Guyyaa afur dura addunyaa kanarraa du'aan kan boqote taphataan gameessi kubbaa miilaa Arjantiinaa, du'asaatiin walqabatee qondaaltonni shakkii qaban haala inni itti wal'aanamaa ture qorachuu eegalaniiru.
Abbootiin seeraa, tarii yoo wayita yaalii wal'aansaa taasifamaafii ture, doktarri xiyyeeffannaa kennuu dhabuun lubbuusaa galaafateera ta'e shakkii jedhuun doktara Maaraadoonaa irratti qorannoo eegalan.
Manni jireenyaa fi kiliniki Dr Leopoldo Luque poolisootaan marfamee sakatta'ameera.
Taphataan addunyaarratti tapha kubbaa miilaan jaala guddaa horate Maaraadoonaan, umriisaa waggaa 60tti dhibee onneetiin manasaa keessatti du'e.
Dr Luque irratti hanga yoonaa himati hin banamne, isaanis waan ittiin shakkaman kana hundumaa haalaniiru.
Sadaasa gara jalqabaa dhibee kantaruu dhiigaa sammuu isaa keessatti mudateef yaalii baqaqsanii yaaluun kan milkaa'e Maaraadoonaan, itti aansee ammoo qaamni isaa qoricha sammuu hadoochan irratti hundaa'uun walqabatee yaalamuuf ture.
Du'uusaa booda ijoolleen Maaraadoonaa, haala itti yaalamaa ture irratti ibsa bal'aa barbaanna jechuun itti cichanii gaafataa jiru.
Doktara dhuunfaa taphataa kubbaa miilaa beekamaa kanaa kan ta'e Dr Luque, oduu kana wayita dhagahe imimmaan buusee boo'e.
Hiriyaa kiyya kana lubbuusaa baraaruuf waan narraa eegamuu fi hangan danda'e yaaleera jechuun boo'aa ibsa kenne.
Shakkii aanga'oonni irraa qaban ilaalchisuun yaada kenneen ammoo, ''An itti gaafatamummaan kee maali jettanii yoo na gaafattan. Ani ogeessa baqaqsanii yaaluu dhibee sammuuti, sanammoo xumureera. Hojiin kiyya xumuramee ture.
Yaaliin baqaqsanii yaaluu dhibee Sadaasa jalqabaa xumuramuu ibsuun, isa booda hanga du'a Maaraadoonaatti waan jiruuf itti gaafatamaa akka hin turre ibseera doktarri kun.
''Maaraadoonaan giddugala dandamannaa seenuu qaba ture. Inni garuu hin feene ture. Amala taphataa kanaa hoogganuun akkaan rakkisaa ture,'' jedhe.
Inumaa xiyyeeffannaa kan hin kennineef aanga'oota kan jedhu doktarri kun, Maaraadoonaan tajaajila ambuulaansii illee argachuu hin dandeenye ture jedhe.
''Maaraadoonaan dhumarratti haala kanatti baay'ee ture. Sababa kanaaf kophaa ta'uu fedhee ture. Ijoolleesaa, firootaa fi hiriyoota isa marsanii jiran irraa kan qoollifateef jaallatee miti,'' jechuun waan jireenyi Maaraadoonaa isheen dhumaa keessa turte ibsa doktarri kun.