Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni Murtii ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa ilaalchisee ragaalee abbaa alangaa dhaggeeffachuu eegale
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa galmee namoota ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan himataman irratti jecha ragaalee abbaa alangaa dhaggeeffachuu eegale.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaa damee Lidataatti dhaddachi farra shororkeessummaa fi yakkaa dhimmoota heeraan galmee namoota ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaan himataman irratti jecha ragaalee abbaa alangaa sadi dhaggeefateera.
Manni murtichaa ragaalee abbaa alangaa har'a ganama dhaggeeffachuuf turus abukaatoon ittisaa dhimmicha qabatanii jiran waan hin argamneef waaree boodatti dabarsee ture.
Haaluma kanaan har'a waaree booda ragaaleen abbaa alangaa sadi jecha isaanii kennaniiru.
Abbaan Alangaa ragaaleesaa keessaa tokko qabiyyeen jecha isaa ragaalee birootin waan wal fakkaatuf jecha osoo hin kennin gaggeesse jira.
Abbaan Alangaa walumaagalatti ragaalee namootaa 13 kan qopheesse yemmuu ta'u manni murtichaa jecha ragaalee hafanii dhaggeeffachuf boru Sadaasa 24 bara 2013ti beellama qabateera.
Dhaddacha ganama har’aa irratti namootni ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaan himataman afur Xilaahun Yaamii, Kabbada Gammachuu, Abdii Alamaayahu fi Laamrot Kamaal argamaniiru.
Maatiin Artiist Haacaaluu Hundeessaas akkasuma mana murtichaatti argamaniiru.
Oolmaa dhaddacha ganamaan
Dhaddachi sa'a booda gaggeeffame kun sababa abukaatoon Mana Murtii Waliigalaatti Waajjirra Abukaatoowwan Ittisaa irraa dhufan kanneen dhimmicha qabatan sababa hojiin dhaddacha har’aa ganamaa irratti hin argamneef gara sa'a boodaatti darbee turee.
Sababni isaas ganama bilbilaan akka itti himamefi galmicharratti akka hin qophoofne dubbatan.
Kanaaf “himtamtoota hin haasofsiisne, ittis hin qophoofne. Ragaaleen yaa dhagahaman yoo jedhame mirga himatamtootaa kan sarbudha. Kanaaf beellamni biraan yaa kennamu” jechuun abukaatoon ittisaa gaafataniiru.
Abbootin seeraa galmicha ilaalan gama isaaniitin “ebalu hin jiru jechuun quubsaa miti” jechuun sababa abukaatoon ittisaa dhiyeessan kuffisan.
Kana malees dhimmichi abukaatoo ittisaa akka nama tokkotti osoo hin taanee Waajjira Abukaatoo Ittisaa kan ilaallatu waan ta’ef namni kamiyyuu yoo ramadame dhimmichi ilaallamuu akka qabu himan.
Wanti gama abukaatoowwan ittisaan raawwatame dhaabbachuu akka qabu, yoo ta’uu baate garuu waajjiricharratti ajaja akka barreessan abbaan seeraa akeekkachiisan.
Kan iarraa ka'uun ture manni murtichaa ragaalee abbaa alangaa dhaggeeffachuf waaree boodatti kan beellamee ture.
Himatamtoonni tokkoffaa hanga sadaffaa jiran, Xilaahun Yaamii, Kabbada Gammachuu fi Abdii Alamaayahu abukaatoo dhuunfaa dhaabbachuuf humna akka hin qabneefi himatamtuun afraffaa Laamrot Kamaal immoo abukaatoo dhuunfaa dhaabbachuuf humna qabaattus abukaatoo dhaabbattu akka dhabde mana murtichaatti himuun isaanii ni yaadatama.
Haaluma kanaan Mana Murtii Waliigalaatti Waajjirra Abukaatoowwan Ittisaarraa abukaatoon ittisaa ramadameefii dhimmi isaanii ilaallamaa jira.
Namoonni ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundressaan himataman afran seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 32/1/A fi B akkasumas labsii yakka shororkeessummaa ittisuufi to’achuuf bahe 1176/2012 keewwata 3/2 darbuun himatamuun isaanii ni yaadatama.
Artisti Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29, 2020 halkan keessaa sa'aatii 3:00 booda magaalaa Finfinnee naannoo kondominiyeemii Galaanitti akka ajjeefamedha poolisiin kan ibse.
Ergasii kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti hookkara ka'ee tureen namootni kumaatamaan lakkaa'aman to'annoo seeraa jala oolaniiru.