Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kilinikoota UK ‘durbummaa qorannaafi bakkatti deebisna' jedhan
Kiliinikoota fayyaa UK keessatti ‘qorannoon dubrummaa’ akka kennamu gabaasni qorannoo BBC newsbeat fi BBC 1OO Women'n taasifame saaxileera.
Qorannoon miira jeequ kun Dhaabbati Fayyaa Addunyaa fi Mootummota Gamtoomanii sarbama mirga namoomaati jedhan, akka dhorkamus barbaadanidha.
Qeeqxonni immoo qorannoon akkasii saayinsawaa kan hin taane dha jedhu. Dubartiin tokko dubrummaa haa qabaattuu haa dhiistuu mirkaneessuun hin danda’amu. Haleellaa saalaati jedhan.
Qorannoon kun qaama saalaa dubartii keessaan dubrummaa akka jiru mirkaneessuu dabalata.
Gabaasa qorannoo BBC kanaan kiliinikooti hedduu beeksisa ‘dubarummaa deebisna yookiin tolchina’ jedhu baasuun namoota dhaqaniif Paawundii 150-300 (birrii 7,500 - hanga birrii 15,000 ol ) kaffalchiisuun qorannoo taasisu.
Qorannoo kanaan BBC’n kiliinikoota 21 adda baasuun 16’f bilbiluun beellama ‘qorannoo dubrummaa’ qabachuu danda’eera. Kaan immoo haala irra jiran beeksisuu hin dandeenye.
Warri BBC’n haasofsiise marti wal’aansa baqaqsanii hodhuu dubrummaa akka kennaniifi ‘dubrummaa iddootti akka deebisan' himan. Kanaaf ammoo paawundii 1,500-3,000 kaffalchiisu.
Odeeffannoon Tajaajila Fayyaa Biyyaalessaa UK wal’aansi akkanaa 69 akka adeemsifame agarsiisa.
BBC’n dhaabbata tola oolaa Kaarmaa Nirvaanaa jedhamu kan dubartoota gaa’ela dirqii irraa hafan gargaarurraa seenaa dubartii tokkoo dhagaheera.
‘’Maatii koo waliin hariiroo gaarii hin qabu ture, gaa’ela isaan naa filatan akkan fudhadhu barbaadu, baqachuu qofatu filannoo koo ture,’’ jette.
‘’Gaaf tokko otoon taphadhuu maanguddoon tokko na arganii, hiriyyoota koo keessaa inni tokko jaalallee koo akka tahe haadha kootti himan. Ganda keessa hamii baayyeetu adeemaa ture.’’
Achii ‘dubrummaa’ ishee akka qorachiistuuf maatiinshee ishee doorsisan.
‘’Maatii koofi maatiin namichaa isatti akkan heerumu ijaa barbaadaniif, gaa’ela raawwachuuf dubara tahuu koo mirkaneessuu barbaadan.’’
‘’Baayyeen sodaadhe, maal jechuu akka tahe naan galle ture. Baqachuu qofa dha filannoon koo. Achii nan baqadhe.''
Priyaa Maanootaan sarara bilbila bilisaa Kaarmaa Nirvaanaa argatte.
Dubartoota dhimma kanarratti yaadda’an irraa bilbilli ni dhufa.
Maatiin isaanii akka hin barreef waan sodaatan fa'i fakkaatu ykn jaalallee qabatanii ‘dubrummaa hin qaban taha.’ Yoo maatiin akka qorataman gaafate immoo bu’aan qorannoo isaanii maal taha jedhanii sodaatu
‘’As dhaabbata kana warreen dhufan keessaa kaan akka ajjeefaman fa'i quba qabna, kaan immoo maatiin isaanii isin hin beeknu jedhaniin turan.’’
Qorannoon dubrummaa yoo xiqqaate biyyoota 20 tahan keessatti akka taasifamu ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ni agarsiisa.
Dubartiin tokko dubrummaa qabaachuu fi dhiisuu karaan itti mirkaneeffamu hin jiru jedha dhaabbatichi.
Sababiin immoo dubrummaan haala garaagaraan baduu danda’a. Yeroo laguu qulqullina eeggachuu waan qaama saalaa keessa galu (tampon), ispoortiifi kaanillee ni jiru.
Kana dura Raappariin beekamaa Ameerikaa T.I intalasaa waggaa waggaan ‘dubrummaa qorachiisuuf’ akkanni kiliinika geessu dubbachuun dheekkamsa uummata kaasee ture.
BBC’n illee gabaasa qorannoo kanaan meeshaaleen ‘dubrummaa deebisuuf’ fayyadan onlaayina paawundii 50’n akka gurguraman adda baaseera.
Meeshaan saamsamaan tokko immoo kan Jarman irra Paawundii 104 galu, dhangala’aa qaama saalaa dubartii dhiphisu, pilaastikii harkistuu, qabduu dhiigaa xiqqoo, kaan immoo dhiiga sobaa qabataniiru. Akkamiin akka fayyadaman waan ibsu hin barreefamne.
Dr Ashfaaq Kahaan hakiima gadameessaa yoo tahan maamilota irraa ‘durbummaa deebisachuufi qorannoof,’’ yeroo baayyee gaaffiin dhiyaata jedha
‘’Maaliif UK keessatti seeraan ala akka hin taane hin beeku, seeraan ala tahuu qaba,’’ jedha.
‘’Yaadumti isaayyuu qaama ‘dubrummaa ‘hymen’ jedhamu hin jiru jechuun ‘dubrummaa’ hin qabdu ykn saal-quunnamtii raawwatteetti jechuun dogoggora dha. Qaamni sun sababa garaagaraan baduu ni danda’a.''
Gochaa kanarratti tarkaanfiin cimaa akka fudhatamu barbaada.
‘’Akkuma kittaana dubartootaa irratti hojjetamu sana jechuu dha. Hoggantoonni addunyaa irratti hojjechuu qabu,’’ jedha.
’’Anaaf kuni yakka garabiraa dha. Kuni namuusaafi safuu dhaan waan fudhatama hin qabnedhas,’’ jedha.
Jalqaba bara kanaarratti dubartoonni Baha Gidduugalaa fi dhaabbanni ‘qorannoon dubrummaa’ akka dhorkamu duula hojjetu, barumsi dabalataa akka kennamu gaafachaa jiru.
Hundeessaan dhaabbatichaa, Haalaaleh Taaheeriin, ‘’dhumarratti wal’aansa ‘dubrummaa deebisuu ’ dhaabsisuuf jirra. Haa tahu malee, barumsa gahaa otoo hin kenniin miidhaa kana caalaa fiduu mala. Dhimma kanaan kan daldalamuuf yaada boodattti hafaa irraan kan ka’e dha.
‘’Hawaasa keenya yoo barsiisneefi amantaa deebisanne wal’aansi ‘dubrummaa deebisuu’ jedhamu hin jiraatu, gabaanis achumaan bada,’’ jedhe.