Koronaavaayiras: Biyyoonni Awurooppaa bara haaraafi ayyaana Qillee akkamiin kabajuuf jiru?

Kabaja ayyaana bara haaraa ilaalchisuun Firaansi uggura imalarra keessee turte ni laaffisti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kabaja ayyaana bara haaraa ilaalchisuun Firaansi uggura imalarra keessee turte ni laaffisti

Sochiin uummataa tarkaanfii ittisa koronaavaayirasiif fudhatamuun murtaa'uu erga eegalee ji'oota hedduu lakkoofsiseera.

Lammiileen Awurooppaa miiliyoonaan lakkaa'aman eessatti akka imalanii fi bakka itti imalanitti eenyuun akka walarganii fi walarguu hin qabne kan murteessu tarkaanfii weerara koronaavaayirasii to'achuuf fudhatamuudha.

Kanaafuu wayita barri haaraan faranjootaa dhiyaataa jiru kanatti mootummoonni biyyoota Awurooppaa akkamiin uggura kaa'an akkaataa laaffisuu danda'an irratti xiyyeeffataniiru.

Hanga ammaatti labsiiwwan darban kanneen armaan gadiiti.

Itaalii: Ayyaanota adda addaa daangessite

Lammiileen Itaalii hedduunsaanii tibba bara haaraa iddoowwan bashannanaa garaagaraa imaluun sochiiwwan bashannanaa raawwatu.

Mootummaan biyyattiimmoo kana ni dhorke.

Ministirri Muummee Giuseppe Conte nuti waan kana hin eyyamnu jedhan.

Taphi aadaa keessattuu kan yeroo ayyaanaa baratame 'ski slope' jedhamu hafnaan biyyattiin maallaqa hedduu dhabdi.

Fakkeenyaaf rizoortiiwwan naannawa gaarreen wal-qabatoo 'Alpes fi Dolomites' sababa namni irraa ittifamuuf, yuuroo biiliyoona hedduu dhabuu malu.

'Ski resort' tibba ayyaanaa namni waan irraa cituuf yuuroo biiliyoona hedduu dhabuu mala

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, 'Ski resort' tibba ayyaanaa namni waan irraa cituuf yuuroo biiliyoona hedduu dhabuu mala

Kutaaleen Itaalii hedduun yeroo ammaa uggura sochii uummataa jala jiru, uggurri kun hanga Muddee sadiitti itti fufa.

Firaans: Tibba bara haaraa uggura balaliinsaa kaasteetti

Pirezidaanti Imaanu'eel Maakroon uggura sochii uummataa torbanoota hedduuf ture, Sadaasa dhufu gaafa 28 irraa kaasanii laaffisuuf akka jiran ibsaniiru.

Tarkaanfiiwwan weerara koronaavaayirasiif jedhamanii labsaman hundumatu ka'u jechuu miti, uggurri garri caalaan hanga Muddee 15tti turuu danda'a.

Akka ibsa mootummaatti tibba ayyaana bara haaraa suuqiiwwan, manneen tiyaatiraa fi siniimaa ni banamu.

Maatiinillee walitti deemee fira gaafachuu danda'a.

''Heeyyama hooggantootaa malee akka feene imaluu dandeenya. Naannoo tokkoo gara naannoo biraatti,'' jechuun TV biyyattiirratti ibsan Imaanu'eel Maakroon.

Paaris faayamtee bara haaraa eegaa jirti, sochiin hawaasaa ugguramus

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Paaris faayamtee bara haaraa eegaa jirti, sochiin hawaasaa ugguramus

Jarmanii: Baay'ina namoota walga'uu danda'anii fooyyessite

Biyyattii Muddee tokkorraa kaasee baay'inni namoota wal-arguu danda'anii inni guddaan shan akka ta'u murteessiteetti.

Garuu achi buttee naannoo Muddee 23 fi Amajjii tokkotti ammoo, hanga namoota 10'tti walga'uun akka danda'amu eyyamuuf yaadi jira.

Namoonni walga'an maatiiwwan lamarraa yoo ta'an ammoo lakkoofsi kun kanaa ol ta'uu danda'a.

Jarmanii keessatti gabaan ayyaanaa hedduun haqameera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jarmanii keessatti gabaan ayyaanaa hedduun haqameera

Jarmaniin uggura sochii uummataa laaffisuun hanga Muddee 20'tti tursiisuu dandeessi.

Manneen dhugaatii, restooraantii fi manneen bashannanaa cufamanii turu suuqiiwwanii fi manneen barnootaa garuu banamaniiru.

Haalli kun tibba ayyaana bara haaraas akkanumaan itti fufa jedha mootummaan biyyattii.

Ispeen: Sirni paartii fi wal-geettiin namootaa daangeffameera

Mootummaan Ispeen ayyaana bara haaraa irratti namoonni wayita sirna bashannanaa yookiin paartii godhatan namoonni ja'aa ol akka wal-hin geenye akeekkachiiseera.

Iddoowwan paartii fi bashannanaa namoonni baay'inaan itti walga'anii fi restooraantiiwwan nama hedduu simatanis akka of-qusatan yaadi dhiyaateera.

Lammiileen Ispeen hedduun ayyaana cuuphaa 'Feast of the three Kings' jedhamu halkan Amajjii guyyaa 5 irraa eegalanii kabaju.

Mootummaan kanas dhorkeera.