Koronaavaayirasii፡ 'Weerarri Covid-19 marroo lammaffaan Afriikaatti ni ulfaata' WHO

Daa'ima maaskii uffattee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO) weerarri koronaavaayirasii marroo lammaffaan Afriikaaf baay'ee yaaddessaa fi kan itti ulfaatuudha jechuun akeekkachiise.

Keessattuu diinagdee ardii Afriikaaf weerarri marsaa lammaffaan yaaddoo guddaa akka ta'e eere dhaabbati kun.

Dhaabbati kun dhaamsa akeekkachiisaa kana kan dabarse, erga biyyoonni addunyaa garaagaraa of-eeggannoo vaayirasicha ofirraa ittisuuf godhamu laaffisuun vaayirasichi irra-deebiin tatamsa'uu eegaleeti.

Keessaahuu biyyoonni Afriikaa diinagdeesaanii sababa weerara koronaavaayirasiin miidhame dandamachiisuuf jecha wayita uggura sochii uummataa kaasan, vaayirasichi marsaa lammaffaaf salphaatti tatamsa'uuf carraa argata jedhe dhaabbatichi.

Biyyoonni hedduun qophii ga'aa fi of-eeggannoo amansiisaa osoo hin godhin sochii idileetti deebi'uun haalaan akka isa yaaddesse ibseera dhaabbati kun.

Akka dhaabbata kanaatti haalli amma jiru akkanaan yoo itti fufe vaayirasichi bifa haaraan addunyaa waan weeraruuf, addunyaan balbalshee cufachuutti deebi'uu malti.

Afriikaan kufaatii diinagdee sababa koronaavaayirasiin ishee mudate jalaa dandamachuufi baasii eegumsa fayyaaf doolaara tiriilyoona 1.2 akka barbaaddu Dhaabbati Maallaqaa Idil-addunyaa(IMF) beeksisee ture.

Maallaqi hammi kun kan barbaachisu ammoo waggoota sadan dhufan keessatti.

Afriikaa keessatti lakkoofsi namoota koro`naavaayirasiin qabamanii fi du'anii kan biyyoota addunyaa kaaniitiin gadidha.

Garuu akka Baankiin Addunyaa jedhutti sababa weerara kanaan lammiileen Afriikaa miiliyoona 43 ta'an dabalataan rakkoo hamtuuf saaxilamaniiru.

Daafoo weerara kanaan carraan hojii xiqqaachuu fi galiin maatii harka 12n hir'achuun ammoo, diinagdee Afriikaa waggoota dhiyoo as fooyyee agarsiisaa dhufe teellaatti deebiseera.

IMF diinagdee Afriikaa weerara koronaavaayirasiin miidhame dandamachiisuuf doolaara biiliyoona 26 arjoomus ammallee rakkoo maallaqaa hamaatu ardii kana harkaa qaba.

Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daarektarri Damee Afriikaa Maashidiisoo Mooweetii, ardiin Afriikaa talaallii maluuf akka argatuuf ammumarraa tarkaanfiin fudhatamaa jira jedhan.

Afriikaa keessatti hanga ammaatti namoonni miiliyoona 1.6 Covid-19'n kan qabaman yoo ta'e, kanneen keessaa kuma 39 kan ta'an lubbuu dhabaniiru.