Hambaa foolii bara durii akkamiin deebisuu dandeenya?

Anonymous 17th century illustration depicting the sense of smell

Madda suuraa, Rijksmuseum

Fakkiiwwan kanneen akka Monaa Lizaa daawwattoota miiliyoonaan lakkaa’aman hawwatu.

Akkuma fakkii Lii’onaardoo Daavinchii kana ilaallee dinqisiifannu jaarraa 16ffaa keessa Xaaliyaanitti yeroo fakkiin kun kaafamu foolii ture suufuu otoo dandeenyee hoo?

Gareen qorattootaa Awurooppaa daawwannaa Godaambaa kan ammaa caalaa bashannansiisaa gochuuf waggaa sadan dhufan keessatti foolii barbaachisoo ardichaa kan jaarraa 16ffaa adda baasuun walitti qabuun kaayyoo isaanii isa tokko dha.

Piroojektiin Odoorooppaa jedhamu kun maallaqa miiliyoona 20 kan Gamtaa Awurooppaa irraa argameen kan deeggaramu yoo tahu ogeessota 20 hirmaachisa.

Kunneen ogeessota seenaa foolii, ogeessota shittoo, hayyuuwwan keemikaalaa saayintistoota koompiitaraa fa’i.

Kaayyoon biraa piroojektii kanaa Insaayikiloopiidiyaa hambaa foolii hundeessuu dha.

Dalagaan kun foolii yeroo ammaa barreeffamaan qofa ibsamanii jiran teeknolojiin deeggaramanii akka haaraatti kalaquu dha.

Vintage engraving of Hull, Yorkshire, in the 19th Century

Madda suuraa, Getty Images

Fooliiwwan walitti qabuu yaadan kunneen urgooftuu mootittii Meerii Antooniyeet, warraaqsi Fireench otoo hin jalqabiin dura turtee, fi aara ykn qilleensa yeroo warraaqsa indastirii warshaa keessaa bahu dabalata.

Arkiyoolojii foolii

''Galmi piroojektii kanaa foolii bara durii ture argachuu dha,'' jedhu ogeessi seenaa aadaa lammii Daach Ingar Liimaans, kan Odoorooppaa hogganaa jiran.

''Fooliin muuxannoo nuti addunyaa kanarratti qabnu irratti dhibbaa taasisullee, waa’eesaa odeeffannoo xiqqoo qabna,'' jedhu.

''Fooliin daddafee waan geeddaramuuf, battaluma irraanfatama. Kanaaf akkattii kunuunsuu fi kuusuu qabnu yaaduu qabna,’’ jedhan

Hojiin kun Amajjii keessa jalqaba. Ogeeyyiin fooliiwwan kunneen baruuf kitaabota, galmeewwan seenaa, hojii aartii fi kuusaawwan godambaa jiran teekinolojii fooliiwwan kunneen afaanota torbaan hubatuun deeggaramuun hojjetu.

Description of Amsterdam as a 'beautiful virgin with a stinking breath' found in notary archives from 1777

Madda suuraa, Amsterdam Archive

Wiiliyaam Taaleet UKtti qorataa seenaa Yunivarsiitii Angliyaa Raaskiin yoo tahan, piroojektii kanarratti hirmaatu, fooliin faayidaa akka qabu yeroo weerara Covid-19 caalaatti barame jedhu.

''Fooliin jireenya keenya guyyuu keessatti barbaachisaadha - kanammoo sababa weerara kanaan yeroo namoonni suufuu dadhaban hubanne,’’ jechuun BBCtti himan.

''Waan gochuu barbaannus fooliin sun qaama muuxannoo ilma namaa tahuusaa beekamtii kennuufi kuusuu dha.

Garuu foolii durii attamiin har’atti as fiduu dandeenya?

Ogeessi seenaa aadaa Yuuniversitii Varji, Pirofeesar Leemans haala ittiin waan kana hojjechuun danda'amu wayita ibsan: Ogeeyyiin keemistirii foolii wantoota durii irratti odeeffannoo kan qabanii fi sanarraa ka'uunis caasaa keemikaalawaa isaa xiinxaluu ni danda'u.

Gama kaaniin ammoo haalaa fi amala wantoonni keessa turan irraa ka'uun, fooliin akkamii akka ture baruun ni danda'ama.

"Dhimma kana adda baasuuf urgooftuuwwan xixiqqoorraa hanga qilleensa waliigalaa magaalaatti deemuun ni danda'ama,'' jedha akkaadaamiin Daach.

Beekumsi akkanaa kun ammoo milkaa'ina pirojektii 'Odeuropa' jedhamuuf haala mijeessa.

Kaayyoon pirojektii kanaa ogeeyyiin keemistirii fi foolii wantootaa, foolii bara durii erga deebisanii argatanii booda, godambaawwan Awurooppaa keessatti akka daawwatamu gochuudha.

Qorattoota Pirojektii kana keessatti hirmaatan keessaa tokko, gameessa seenaa aartii Daach kan taate Kaaroo Verbeek.

Isheenis miira fooliitiin muuxannoo wagga 20 qabdi, xiyyeeffannoon hojiishees dhimma foolii wantootaa irratti hojjechuu ture.

Caro Verbeek

Verbeek waahillan ishee waliin ta'uun, foolii meeshaalee godambaa hedduu abuuruun deebisuu dandeesseetti. Kan bara waraana Waterloo kan bara 1824 raawwatee dabalatee jechuudha.

''Fakkeenyaaf wayita waraana 'Waterloo' foolii baarudaa fi dhoqqeen walmakate, akkasumas fardaa fi uffata leezarii maal akka ture baruu dandeenya. Kana namoonni foolii mukarratti hafeen baruu danda'u,'' jechuun BBC'tti himte Verbeek.

''Kun akkaataa namoonni hojii aartii itti ilaalan kan jijjiireedha. Namni hunduu kan dinqisiifatuudha. Fakkeenyaaf nama gurri hin dhageenye yaadi.''

Verbeek akka amantutti pirojektiin Odeuropa yaada kana kan jajjabeessuudha.

''Namoonni hedduun yeroo ammaa seenaa durii foolii fuuchuu eegalaniiru,'' jettee amanti.