'Tasumaa fuunfachuu hin danda'u - garuu sababa Covid-19f miti'

Yaasmiin Salaazaar dhalootumaan waan kamiyyuu foolii fuuchuu hin dandeessu

Madda suuraa, Yazmin Salazar

Ibsa waa'ee suuraa, Yaasmiin Salaazaar dhalootumaan waan kamiyyuu foolii fuuchuu hin dandeessu

Foolii roobaa nama miira fuunfachuu hinqabneef akkamiin ibsita?

Yookaa ammoo haalluu reefu manatti dibame? Yookaas foolii bareedaa ilillii jannata keessaa?

Yaasmin Saalaazaarif abbaa warraasheetu foolii yookaan urgaa ibsaaf. "Inni funyaan koo yeroo hundaati,'' jetti.

"Akka natti himetti urgaan dammaa, erga bishaan daaktee baatee waan akka aduun qaama keerra bahuun, bishaanicha gogsu wahii fakkaata naan jedhe."

Dubartiin ganna 38 Ameerikaa, Fiiniiks, Arizoonaarraa taate kun, miira fuunfachuu hin qabdu.

Rakkoon akkasii kunis maqaa 'anosmia' jedhamuun beekama.

Rakkoon kunis yeroo ammaatti weerara Covid-19n walqabatee namootni hedduun rakkoon kun waan isaan qunnameef, namoota biratti beekamaa dhufeera.

Yaazmiin garuu rakkoo kana wajjin erga dhalattee jiraachaa jirti.

Rakkoon akkasii namoota hangamii qunnama?

Anoosmiyaan jireenya keerratti dhiibbaa geessisa.

"Namoonni miira fuunfachuu isaanii dhaban, dhiphinaaf akka saaxilaman ni beekna," jetti UKtti daarektara dhaabbata Anoosmiyaarartti hubannoo uumu AbScent kan taate Saaraah Oklii.

Namoota addunyaa gubbaa jiran keessaa %5 kan tahan rakkoo foolii fuudhuu qabu.

"Sababoota gurguddoo anoosmiyaa fidan keessaa infeekshinii kanneen akka qufaa fi saayinasii fa'iiti," jetti Saaraah.

"Kaan ammoo miidhaa mataarra gahu, yaalii carallaa kaansara mataafi mormaa, qorichoota hin heeyyamamne seeraan ala fayyadamuufi sijaaraa xuuxuu, akkasumas dhibeewwan kanneen akka Paarkinsaniifi Alzaayimaris keessatti argamu."

Yaasmin daa'imummaatti

Madda suuraa, Yazmin Salazar

Ibsa waa'ee suuraa, Yaasmin akkuma guddataa deemtuun miirri waa suufuu ishee waan dhufuuf itti fakkaata

Rakkoon kun umrii wajjinis ni dhufa. "Wanti guddinaan hin beekamne, dandeettiin foolii fuudhuu umurii wajjin dadhabaa adeema,'' jechuun dabalti.

"Maanguddoo gannisaanii 75 oli tahan keessaa harka 30 kan tahan anoosmiyaa qabu jedhama.''

'Foolii fuudhuu adeemsa keessa baradha jedhee yaadan ture'

Yaazmiin rakkoo kana qabaachuu kan hubatte kutaa lammaffaatti tapha fuunfachuu wayita taphatanitti ture.

Tapha kanaanis kaardii sin kennamerraa wayita qoolasaa irraa baastu foolii wahii argatta.

Istikara kennameef gara funyaanitti siiksite - barattoonni kaan si'aayinaan ilaalaa turan.

"Urgaa maal argatte?" barataan tokko gaafate. Yaazmiin agruu waa fuunfachuu hin dandeenye.

Haatahu malee ijoolleen kaan tarii fuunfachuu barataniituu laata jechuun yaaduu eegalte.

"Miira hiriyoota koofii maatii koon koo foolii booda agarsiisan akkeessuu eegale," jetti.

"Yoo waan tokko foolii badaa qabaatee, namuu aaree dudubbatu, yookaan urgaa gaariis wanta qabuuf deebii kennan - an garuu waanuma isaan jedhan hordofa."

Yaasmin foolii waan tokkoo baruuf hiriyaasheerratti hundoofti

Madda suuraa, Yazmin Salazar

Ibsa waa'ee suuraa, Yaasmin foolii waan tokkoo baruuf hiriyaasheerratti hundoofti

Baroota keessatti miirota shan keessaa afur qofatti fayyadamuu itti baraa dhufte.

Fakkeenyaaf, namootni dhiyooshee jiran: diyoodoraantii fayyadamuun irra jiraate yookaan ammoo nyaati mana keessaa foolii badaa qabaachuufi dhiisuu itti himuu qabu turan.

Garuu yeroo hunda milkaa'aa hin turre.

"Gaaf tokko diyoodooraantii otoo hin godhatin gara waajiraa dhaqe. Waahilli koo keessaa tokko kana hubatan.''

Kanaanis amma iddoo deemtu hundatti "meeshaalee qulqullinaa'' jettu iddoo tokkotti qabattee deemti.

Namoota biroo anoosmiyaa qaban birattis waan akkasii hubatteetti: "Namni tokko wayita miira foolii fuudhuu ibsu 'daawwiitii fuuldura dhaabbatanii, calaqqee ofii arguu akka dadhabuuti,''' jechuu ni yaadatti.

'Barootaaf ofii fi namoota kaan sobeera'

Raakesh Kamaal Indiyaa, Haayideraabaad jiraata. Innis anoosmiyaa qaba, waahee foolii tasayyuu hin beeku.

Kansaa maatirraa akka itti daddarbe amana: "Akaakayyuun koo fooliirratti ni rakatta ture, garuu waahee kanaa hin dubbatu ture."

Raakesh Kamaal haala keessa jiru dhoksaa ture

Madda suuraa, Rakesh Kamal

Ibsa waa'ee suuraa, Raakesh Kamaal haala keessa jiru dhoksaa ture

Raakesh manasaa keessa adda baastuu (detector) gaazii fi aaraa midhaaffateera. Wayita nyaata qopheessuus, irraa hin fagaatu.

"Taateen balaa tahuuf ture nu mudatee ture. Haati warraa koo raftee turte, animmoo waan alwaadaa keessaa aaru foolii fuudhuu hin danda'u," jedha.

"Erga dabree booda gaafa aarri mana keessa guutee arguu, balaa guddaa jalaa ooluu keenya hubadhe."

Akkuma Yaazmiin, innis rakkoosaa namuutti hin himanne. "Yeroo jalqabaaf ganna 21tti hiriyaa koottin himadhe," jechuun yaadata.

"Yeroo kana hunda nama hunda dhooksaan ture, ofiikoo dabalatee. Namni na amanu hinjiru jedhee waanin yaadeef."

"Haguma guddannu waa'ee namoota arguufi dhagahuu hin dandeenye barachaa dhufne. Haa tahu malee, waa'ee namoota foolii fuuchuu hun dandeenyee namni haasawu hinjiru.

Jecha 'anosmia' jedhu ijoollee keenyatti barsiisuun eegaluu dandeenya," jedha.

'Xiyyeeffannoo kennamaafii jiru abdii namatti hora'

Yaasmin shamarran fuunfachuu hin dandeenye jechuun kan isheen qopheessite

Madda suuraa, Yazmin Salazar

Yaazmin bara 2016tti waa'ee rakkoo qabdu kana, muuxannooshee marsariitiirra mata-duree 'The Girl Who Can't Smell' jedhuun maxxansuu eegalte.

"Yeroo mara dogongora foolii waliin walqabatu wayitan hojjedhu, onnee kootu caba. Tahus ilaalcha koo jijjiiruun, hubannoo uumuuf kahe.

Tarii nama rakkoo akkasii keessa jiru tokko tahu gargaaruu dandaya."

Mudannoo qaanfachiisan qoosaan dabaaluun ibsuu eegalte. Kana malees, fakkiiwwan anismeeshin gargaaramuus gorsa barbaachisan kennuu eegalte.

"Sababa weerara kanaan xiyyeeffannoon rakkinichaaf kennamaa jiru abdii namatti hora," jetti. "Hawaasni waa;ee dhimmichaa hubannoo argachuunsaa gammachuu guddaadha."

Kana malees qorattoota ogummaa kana keessa jiraniifis abdii waan horudha.

"Fedhiin waa'ee anoosmiyaa amma uumame kun, piroojektoota qorannoof bajata argamsiisa jedheen abdadha," jetti Saaraah Ooklii.