Koronaavaayirasii: Doktara Itoophiyaa US’tti lammiisaanii qorannoo fi odeeffannoon gargaaruuf hojjatan

Dr Gabayyoo Tafarii

Dr Gabayyoo Tafarii digiriisaanii duraa Yuunivarsitii Gondaritti koollejjii fayyaarraa fudhatan, yeroo ammaa kanatti biyya Ameerikaa magaalaa Waashingitan Diisiiti dhukkuboo daddarboorratti hojjataa jiru.

Barnootasaanii erga xumuran booda Gambeellaa fi Finfinneetti ogummaasaaniitiin tajaajilaniiru.

Ergasii US barnootaaf deemuudhaan fayyaa keessoo (internal medicine) fi dhukkuboota daddarboon eebbifamaniiru.

Naannoo Varjiiniyaa bakka Dr Gabayyoo jiranitti hawaasni Itoophiyaa fi Eertiraa lakkoofsaan baay’ee ta’an jiraachuusaaniitiin dhiheenyatti hojjachuun dabalataan hawaasa Meeriilaand, Diisii akkasumas Varjiiniyaa ogummaasaaniitiin tajaajilaa jiru.

Dr Gabayyoon irra caalaan HIV, Haayipitaayitasii B, C akkasumas dhukkuboota daddarboo biraatti kan xiyyeeffatan yoo ta’u, yuunivarsiitiiwwan naannichatti argamanitti qorannoo dhukkuboota daddarboorratti taasifaman irratti bakka bu’aa dhaabbatichaa ta’uun hojjatu.

Ogummaan hawaasaaf

Amalli hojiisaanii fi bakki hojiisaanii itti hojjatan “ogummaa kiyyaan hawaasa kiyyaaf waan baay’ee akka gumaachu nu taasiseera” jedhu Dr Gabayyoon.

Kanaanis hawaasa gargaaruuf waggoota torba dura marsariitii mataasaanii jalqaban.

Marsariitiisaaniirratti qajeelfamoota, ibsannoowwan fi odeeffannoo biraa gara Afaan Amaaratti hiikuun akkaataa hawaasni Itoophiyaa fi Eertiraa ittiin fayyadamuu danda’u jedhaniin qopheessuusaanii himu.

Erga weerarri koronaavaayirasii mudatee as ammoo guyya guyyaadhaan odeeffannoo ni fayyadu jedhanii yaadan qoodaa jiru.

Hamma danda’een waadaa hawaasa gargaaruuf gale galmaan gahuuf nan hojjadha jedhu.

Marsariitiisaanii dabalataan miidiyaalee adda addaarratti odeeffannoo namoota fayyaduu danda’u jedhee yaadurrattis ibsa ni kenna jedhu.

Dabalataanis qooqa hawaasni hubachuu danda’uun odeeffannoon dhihaayatan gahaa miti jedhanii amanu.

Keessumaayyuu odeeffannoo Covid-19 miidiyaalee hawaasummaarratti qoodaman kan namoota dogoggorsiisan ta’uusaaniitiin “akka dhuunfatti gahee mataa kiyyaa bahuu qaba jedhee jalqabe” jechuun barbaachisummaa hojiisaanii himu.

“Hawaasni odeeffannoo akkanaatiif haaraadha. Miidiyaarratti haa dubbatamu malee waa’ee dhukkuboota daddarboo fi miidhaasaanii, namni waa’ee vaayirasichaa beekumsa hin qabne qooqa hubachuu danda’uun odeeffannoon dhiyaachuu qaba jedheeti kan barsiisaa jiru.”

Dr Gabayyoo qondaaltota Ameerikaaf yoo ibsan

Madda suuraa, GEBEYEHU TEFERI

Ibsa waa'ee suuraa, Dr Gabayyoo qondaaltota Ameerikaaf yoo ibsan

Odeeffannoo fayyaa sirrii

Hawaasni Itoophiyaa fi Eertiraa Ameerikaa jiraatan akkuma namoota biroo achi jiraatanii koroonaavaayirasiidhaaf saaxilamoodha jedhu Dr Gabayyoon.

Namoonni kunneenis sababa hojiisaanii, bakka jiraatan, haala jireenyaa akkasumas aadaansaanii namoota waliin kan walitti isaan fidu ta’uusaarraa saaxilamummaansaanii ol’aanaadha jedhu.

“Miseensonni hawaasaa muraasni isaan kaan irra saffisaan tarkaanfii of eeggannoo fudhatanis hedduunsaanii garuu odeeffannoo dhabuu fi irraanfachuudhaan dhukkubichaaf saaxilamu,” jedhu Dr Gabayyoon.

Hawaasni sababa haala jireenyasaatiin “hedduminnaan wal arguu, wal gaafachuu akkasumas sababoota birootiif vaayirasichaaf saaxilamuusaaniitiif rakkoolee adda addaarra kufu.”

Dr Gabayyoon qaamoleen hawaasaa vaayirasichaaf saaxilaman namoota maatii bal’aa qaban akka turan himu.

Covid-19 guutuu addunyaarratti namoota heddu du’aaf kan saaxile yoo ta’u, Ameerikaatti namoonni miiliyoona 7.9 vaayirasichaan qabamaniiru, 200,000 ol ammoo du’aniiru.

Dhukkubicha beekuu fi of eeggannoo taasisuuf odeeffannoo argachuun barbaachisaa akka ta’e kan himan Dr Gabayyoon, namoonni miidiyaalee hawaasummaarratti odeeffannoo dogoggorsiisaa fi faallaa ta’an waan maxxansaniif odeeffannoo sirrii madda sirriirraa argachuu akka qaban gorsu.

Kanaafis furmaatni gorsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi dhaabbilee walfakkaatoo biyyoota hordofuun filatamaadha jedhu Dr Gabayyoon.

Gama odeeffannootiin namoota fayyaarratti bobba’an jidduutti garaagarummaan ni jira. Hakimoonni jidduttillee garaagarummaan hubannaa jiraachuu danda’a.

Kanaaf, odeeffannoon hawaasni argatu qooqa hubachuu danda’uun dabalatatti odeeffannoon sun sirrii ta’uu mirkaneessuun barbaachisaadha jedhu.

Dr Gabayyoon akka jedhanitti odeeffannoon hawaasa bira gahuu qabu ogeeyyii ogummicharratti bobba’aniin ta’uu qaba jedhu.

Dhukkubsattoonni dhukkuba daddarboon hubamanis gorsa ogeeyyiirraa kennamu haalan hojiirra oolchuu qabus jedhu.

Yaaddoo weerarichaa

Covid-19 maqaa fi dhukkubichi haaraa fakkaatus gama to’annaa dhukkuboota daddarbootiin vaayirasii turedha kan jedhan Dr Gabayyoon, ogeeyyii akkasaanii HIV irraa kaasanii dhukkuboota qorataa turanif haaraa miti jedhu.

Dr Gabayyoon amalli vaayirasoota dhukkuba fidan tokko kaan irraa garaagarummaa qabaachuu akka danda’an himu.

Kanaanis amala dhukkuboota daddarboo beekuu fi fayyisuuf qorannoon taasifaman dhala namaa qofarratti osoo hin taane bineensota irrattis akka taasifamu dubbatu.

“Koronaavaayirasoonni dhala namaa waliin kan jiraataniidha. Isaanis gosa afurtu jiru. Durirraa jalqabanii namoota qufaa fi dhukkuboota biroof saaxilaa turan. Isaanis kan nama ajjeesan miti,” jedhu.

Koronaavaayirasiin kun (kan Covid-19’f sababa ta’e) namoota heddu du’aaf saaxilus isaan kaan waliin walfakkeenya akka qabu himu Dr Gabayyoon.

Dabalataanis, vaayirasoonni yeroo baay’ee nama ajjeesan yookiin hamaa ta’an nama qaban qabanii kan du’u ajjeesanii waliin kan du’an ta’uu ibsuun; vaayirasoota akkanaaf talaallii fi qoricha argachuun rakkisaadha jedhu.

Fakkeenyaaf jedhu Dr Gabayyoon, dhukkubni SARS 1 jedhamu miidhaa geessisee achumaan baduusaatiif talaalliin argamus dhukkubichi akkuma badeen hafe.

Ogeeyyii dhukkuboota daddarboo yaalaniifi qorannoo taasisan biratti dhimmi yaachisaa fi naasisaan “weeraroota irra deddeebiin mudataniidha” jedhu; kunis sababa weeraroonni kunneen amalasaanii haalan hin beekamneefi jechuun dubbatu.

Keessumaayyuu walfakkeenyi vaayirasoota jiddutti jiraatu bu’aa gaarii hin taane fiduu akka danda’a kan himan Dr Gabayyoon “ogummaa keenyaan waan vaayiras seeksi jedhamtu jira” jedhu.

''Kunis vaayirasoonni lama qabiyyee qaccee sanyiisaanii (genetic code) jijjiiruun vaayirasii haaraa uumuu yookiin dhalu jechuudha jenna.”

Fakkeenyaaf Covid-19 osoo MERS waliin walitti fidnee qaccee sanyiisaanii wal jijjiiranii bu’aa hamaa ta’e fiduu danda’u. Sababni isaas MERS dhukkuba nama ajjeesudha, innis namarraa namatti darbuun.

Covid-19 ammoo kan turee fi nama rakkoo fayyaa hamaa qabu ta’e malee salphatti ajjeesuu hin danda’u. Ta’us garuu namarraa namatti saffisaan darba.

Dr Gabayyoon akka jedhanitti vaayirasoonni fayyaa namaaf hamaa ta’an moggaasa tokkoon adda adda ta’uu danda’u jedhu.

“Kanaaf fakkeenya gaarii kan ta’u HIV’dha; namoonni baay’een HIV gosa tokkoo qofatu waan jiru itti fakkaata” jedhu.

“Gosoonni HIV gosa lamatu jiru. Inni tokko gosa afuritti kan qoodamu yoo ta’u isaan keessas inni tokko gosoota 14 qaba” jechuun waggoota lamaan kanneen booda qoricha argachuun rakkisaa kan ta’ee sababa gosoonni vaayirasootaa baay’achuun akka ta’e himu.

Weerarri amma mudate kun lakkoofsi namoota qabamanii hir’achuu dhabuu qofa osoo hin taane babal’achaa jiraachuusaatiin namoota baay’eerratti sodaa akka uumu him.

Dr Gabayyoon kanarraa ka’uun odeeffannoon sirrii hin taane babal’achuu waan danda’aniif of eeggannoo gochuun murteessaa akka ta’e himu.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa