Koronaavaayirasii: Lammii Itoophiyaa qorannoo talaalli keessatti hirmaataa jirtu

Mihiret Amare kan dhalattee Sudaan keessatti yoo ta'un UStti guddattu ileen, amma Afrikaa keessa hojjachaa jiraachuun ishee akka gammachisu himti.
Mihiret waggaa kudhaniif oggummaa wal’aansaan madaafi godaanissa fooyyeesuu irratti hojjechaa kan turte yoo ta’u, amma qorannoo talaallii Covid-19 irratti hirmaachaa jirti.
Barumsa baayolojiin ebbifamtee qorannoo irratti xiyyeeffatee kan hojjeechaa jirtuus, fedhiifi abdii dhibeewwan adda addaaf furmaata argachuuf qabdu irraa ka’uun akka ta’e ibsiteetti.
Waggaa 10f qorannoo irratti erga hojjeettee booda fedhii ishee bal’isuun dhibeewwan sadarkaa idil addunyaatti uumamaniifi yaddeessoo ta’aniif furmaata argachuuf jecha hojii sanatti geddarteetti.
Kaanfis gara barumsaatti deebi’uun digrii ishee lammataa 'Business Administration’n fixuun gara hoggansaa qorannootti dabarte.
Dhabbata qorannoo keessatti itti aantuu Daarektara ta’un Afrikaa Lixaa keessatti wa’ee covid-19 irratti hojechuun ishee boonsuun alatti, lammii Afrikaa ta’uu ishee hiika akka ishee kennu dubbatti.
“Hojii akkana irratti yeroon hirmaannu aadaaa hubachuun barbaachisaadha,” kan jettu Mihiret hojiin kun akka milkaa’uuf lammii Afrikaa ta’uun akka ishee gargaaruu amanti.
Dhaabbata amma hojjetaafii jirtu Fawundeshiniin Henerii Jaksaniitiif ta'ee “aridichaaf waan dansaa akkan hojechaa jirutti natti dhaga’ama'' jetti.
Dhabbati qorannoo Walter Riid Armii jedhamu erga Afrikaa keessatti hojii eegalee waggaa 50 yoo ta’u, bakki amma Mihireet keessa hojjattu ammoo dhaabbata kana kan deeggarudha.
Kana keessatti gaheen hojii Mihiret sagantaalee qorannoo gaggeefaman olaantumman to’achuu yoo ta’u, yeroo ammaa Covid-19’f talaalli argachuuf sochii qodhamaa jiru dhiyeenyatti hordofuuf itti gaafatamummaa qabdi.
“Hojiin keenya Laaybeeriyaa, Gaanaafi Naayjeriyaa keessatti kan xiyyeeffatedha,” kan jettu Mihiret, waggootii jahaa dura dhibee Iboolaa lubbuu namoota hedduu ajjeessee tureen itti dhiheenyaan ilaaluun biyyoota miidhaman keessatti dhabbilee fayyaa jabeessuun barbaachisaa ta’uu isaa akka hubatan ibsiteetti.
“Afrikaa keessatti keessumaa biyyootii lixaa keesatti miidhaan Iboolaa guddaa waan tureef amma sanarraa muxannoo fudhachuun ittisa covid-19 irratti nu gargaare jira,” jetti.
Erga weerarri koronaavayirasii eegalee jalqabee Mihiret qorannoo talaalli Covid-19 irratti hirmaachuun dabalatee meeshalee ittisa Covid-19 ogeessota fayyaaf wiirtulee adda addaa akka gumaachaniifi leenjii akka kennan himteetti.
Yeroo ammaatti qorannoon talaalli koronaaviyirasii gaggeessaa jiran biyyoota lixa Afrikaaf qofa osoo hintaane ardiicha gutummaa akka gahuuf yaadamee ta’uu himti.
“Yeroon qoranicha hogganuu eegale irra jalqabee adeemsichi gara milkaa’inatti adeema jiraachuu isaan gammadneerra. Keessumaa bineensota irratti yaaliin taasifama ture mallattoo dandeetti qaamni uumaman dhibee ofirraa ittisuu jabeessuu agarsiiseera,” kan jettu Mihiret yeroo muraasaan booda yaaliin kun namaratti akka eegalu himti.
Manneen qoranno Lixa Afrikaatti argaman dursanii meeshalee qorannoof isaan fayyadan waan qabaniif qorannoo Mihiret hoggantu kanaa milkeessuufis wantoota barbaachisu guuttachuu danda’uu isaani ibsiteetti.
Kanaafis, “Samudaan kanaan dura gara iddoo biraatti geeffamaa turan hafuun achumatti qorannoo gaggeessun danda’ameera,” kan jettu Mihiret qorannoon talaalichaa maarsaan tokkoffaa lixa Afrikaatti erga taasisameen booda “marsaaf lammataa qorannoofi mirkaannessuuf gara manneen qorannoo Ameerikaa keessatti taasifame,” jetti.
Manneen qorannoo yaalii talallii kanaa itti gaggeefamaa jiru keessa, “Ogeessoti saamuda sassaburraa eegale hanga kanneen qorannoo gaggeessuutti jiran hundi lammilee Afrikaadha,” jechuun kunis akka ishee gammachiisu himti.
Dabalataanis wiirtuleen qorannoo kun wirtulee qorannoo Ameerikaa kessa jiran waliin akka hojjataa jiran ibsiteetti.
Gara barumsa saayinsiitti akka galtu kan ishee taasise keessa dhibbaan maatiishee ga’ee guddaa akka qabu himteetti.
Jalqaba fedhii ogeessa fayyaa ykn hakiima taatee hojjeechuu irra ka’un sanumarra osoo hin fagaatiin gara hojii labratooriitiin doktireeta ishee hojjechuu himteetti.
Damee kana keessatti hirmaannaan dubartoota badaa kan jajjabeeffamuu akka hin turre himuun ,“galmakoo isan barbaadu biran akkan hin geenyef wanti tokkoyyu akka na dhorkuuf hin eeyyamuufi,” kan jettu Mihiret galma ishee kana bira ga’uuf hoggansaa barachuutti akka galte himti.
Yeroo jijjirama kana gochuuf kaatetti wayilootni ishee labrootorii keessa waliin turan murteeshee akka geddartuuf akka gorsaanii turan himuun isheen garuu galma ishee bira ga’uuf duubatti akka hin jenne ibsiteetti.
Barumsa MBA ishee kana xumurtee dame qorannoo keessatti hojii argachuu isheen gammadduu ta’uu ishee himti.
“Yeroon barumsatti deebi’ee daa’imakoo guddisaan ture. Haalichi amma tokko cimaa ta’us kan hin danda’amne ta’e natty hin mul’anne,” jechuun dubartoonni itti gaafatamummaa adda adda qabaatanis wanta yaadan bira ga’uu danda’u jetti.
Gara fulduraattis “yoon danda’e hojiiwwan adda adda guddina Afrikaa irratti ga’ee qaban keeessatti hirmaachuun hawwa,” jetti
“Jalqabayyu hojii kana keessa kanan seene gara biyyakootti na geessa jedhee yaaduni,” jettetti.
“Yeroo keessa Afrikaaf wantoota bu’aa qaban bayyeen hojjachuu akkan danda’u abdii qaba.”

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras













