Icciitii talaallii mormisiisaa qorattoonni bira hin geenye

Talalliin dhibee tokkoof hojjatame dhibeewwan biroo yoo ittisu mul'ateera, saayintistoota

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Talalliin dhibee tokkoof hojjatame dhibeewwan biroo yoo ittisu mul'ateera, saayintistoota

Osoo koroonaavaayiras dhufuu baatee namuu waa’ee talaallii hin dhiphatu ture. Covid-19 waa’ee talaallii hedduu akka yaadnu nutaasisee jira.

Talaalliin yeroo ammaa hawwiin eegamu kan koroonaavaayirasiiti. Chaayinaan talaallii vaayirasii kanaa argadheera yoo jettu, ofumaa dhukkubicha fiddee talaalliis fiddii? Jechuun itti qoosaa jiru.

Raashiyaan gama ishiitiin talaallii argadheera erga jettee bubbultus, warri Lixaa eenyutu ishee aman jechuutti jiru.

Addunyaanis lamatti qoodamee jira. Gareen talaallii jibbu talaalliin isinitti yaahafu jechuutti jiru, maaliif? Yoo jedhaman ammoo, Biilgeetisiin duroomsuu faayidaa darbe hin qabu jedhu.

Ofii, talaalliin walumaagalatti waan badaa dhaa?

Odeessi kun waa’ee talaallii wantoota ajaa’ibsiisoo mudatan isinitti hima. Dubbisa gaarii.

Giinii Biisaawutti wanti ajaa’ibaa mudate.

Qorataan lammii Deenmaarki Piitar Eebii, ganna 40 darbe keessaa hedduu kan dabarse Giinii Bisaawutti, bara 1978 garas deeme, achumaa BBC waliin gaaffiif deebii taasiseera.

Biyya Afriikaa hiyyeettii kana keessatti talaalliin bu’aa guddaa tokko itti agarsiisee jennaan achumatti qorannoo keessa lixee yeroo kana hunda jiraate.

Yeroo Piitar gara Giinii deemetti, weerara dhibee Gifiraatu ture, ijoollee hedduu galaafachaa ture. Piitariif gareensaas duula talaallii geggeessani.

Ijoolleen talaallii fudhataniif hin talaallamin wal-biratti yoo qabaman, warreen talaallaman harka 50 du’aatii jalaa miliqani.

Kan nama dhibu, warreen talaallii kana fudhatan dhibee gifiraan qofa osoo hin taane, dhukkuboota biro irraas ture du’uurraa kan oolan. Kanatu Piitar fa’I achuma turanii qorannoo akka geggeessan kan isaan kakaase.

Ijoolleen sunneen talaallicha wayita fudhatanitti, osoo hin yaadamin kaayyoo hojjatameefin alas dhibeewwan biro hin beekamnerraas isaan baraaraa ture. Qaama isaanii keessa yoo galu wanta fooyyesse qaba jechuudha, kanatu saayintistoota sunneen ajaa’ibsiise.

Qaamni keenya akkamiin hojjata?

Bara dheeraaf talaalliin hojjatamaa kan ture dhibee tokko fayyisuufi. Qaamni keenya garuu talaallii kan hubatu akkasitti miti. Qorattoonnis kana bira kan ga’an erga bubbuleeyyu.

Talaalliin kaayyoo yaadameefiin ala nihojjata. Dhibeewwan hin yaadamneefi hin baramneefis dawaa ta’a.

Akkamitti gaaffii jedhuuf garuu, qorattoonni deebii hin qabani. Tilmaamuu qofa danda’u.

Talaalliin dhibee biraaf hojjatame akkamiin dhibee kaan ittise?

Namni tokko talaallii fudhatee, alarjii (rifaatuu qaamaa), kaansarii, alzaayimarii, fi kan biroorraa tasa fayyuu danda’a jechuudha. Kanaafi talaalliin sombaa (TB) Covid-19’f ooluu danda’a jedhamee qorannoon itti fufiinsaan geggeeffamaa kan jiru.

Garuu dhibeewwan lameen gidduu wal-fakkeenyi hin jiru. Inumayyuu garaagara. Tokko baakteeriyaa kaan ammo vaayirasiidha.

Ta’us garuu, talaalliin kun jijjiirama wayii qaama namaa keessatti yoo fidu mul’ateera. Ammallee abdii ta’us waan gaariidha jechuuni saayintistoonni dhama’aa kan jiran.

Gaaffiin hin deebine garuu, akkamiin talaalliin dhibee tokkoof hojjatame kaaniif oola kan jedhu yoo ta’u, dubbistoota qofa osoo hin taane, saayintoonnis kanuma gaafatu.

Gama tokkoon maayikiroo orgaaniizimoonni dhibeewwan kunneenii adda adda ta’us, ‘antiijiin’ wal-fakkaataa wayii qabaachuu malu yaada jedhutu jira.

Kanaafuu qaamni keenyas pirootiinii talaallii tokko keessa jiru waan baratuuf, pirootiiniin dhibee tokko keessa jiru ammo haga ta’e isa kaaniin wal-fakkaachuu waan danda’uuf, talaalliin dhibee kaaniif hojjatame isa kaan ittisuu danda’a jechuudha, jedhamee yaadama.

Yaadni inni lammaffaan ammoo akkasi:

Talaalliin qaama keenyatti yoo seenu, seelonni dhukkuba ittisan hundi nidammaqu, kanarraa ka’uunis baakteeriyaanis ta’e vaayirasiin qaama keenyatti yoo seenan, haleellaa irra ga’uun ni injifatamu.

Qaamni keenya raayyaa lamaan dhibeewwan ofirraa ittisa.

Inni jalqabaa, loltoonni raayyaa dhibee nurraa ittisanii dafanii dhukkubaaf harka kan kennan yoo ta’u, talaalliin fedhe yoo kennamellee dhibee sanaan waan wal-baraniif fayyisuu hin danda’ani. Kanaafi dursamee vaayirasii yookaan baakteeriyaa sana humna hir’isanii gosa talaalliin qaamatti yoo seenuu naasuudhaan dammaquun isa cimee dhufu ofirraa kan qolan.

Loltoonni raayyaa lammaffaa ammoo, dafanii dhukkubaan hin lolani, riphee loltoota. Gaafa loluu eegalan garuu hin moo’amani. Kuni uumamaan kan nuwaliin jirudha (innate immune system) jedhama. Saayintistoota kan ajaa’ibsiises talaalliiwwan tibbanaa raayyaa kana dammaqsuu danda’uu isaaniiti.

Bu’aa ajaa’ibaa talaalliiwwanii isa xumuraa

1980 keessa WHO’n dhukkubni Maariitee badeera jedhee yoo labsu, talaalliin isaas achumaan bade, ijoolleenis talaallamuu dhiisani.

Wanti nama ajaa’ibu jedha Piitar, Giiniittis ta’e Deenimaarkitti talaalliin Maariitee bu’aa gurguddaa fideera. Garuu dhibee sanaaf qofa jedhamee waan yaadameef akka badu ta’e, ammas dogoggora wal-fakaataa uumaa jirran se’a.

Pooliyoonis naannolee Baadiyyaa Afgaanistaan irraan kan hafe bade jira. Talaalliinsaa yoo kennamu garuu dhibeewwan biroof faayidaa akka qabu hin qoratamne ture.

Giiniitti talaalliin kun pooliyoon alatti du’aatii harka 67 akka hir’ise qorannoon tokko mul’isee jira. Yeroo sanattis Giiniitti dhibeen sun badeera wayita jedhametti bu’aan kun ifa kan argame. Talaalliin sun bu’aa icciitii wayii qaba ture jechuudha.

"Yeroo dhibee tokko lafarraa balleessinu talaalliisaas walumaan darbannee ganna, kunis milkaa’ina guddaa nutti fakkaata, garuu talaallii tokko yoo maqsinu du’aatii dabalaa jiraachuu keenya hin hubannu" jedhani saayintistichi Aabba Piitar.

Talaalliin Covid-19 haaraa dhufu bu’aalee biro akkamii nuuf fidee dhufa laata?

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa