Miira fuunfachuu dhabuu waliin dhalachuu: 'Nyaanni foolii akkamii akka qabu hin beeku'

Madda suuraa, Gabriella
Nuti foolii gaarii jennu fuunfachuu dandeenta ta'a- kan namoota murtaa'oo waliin wal qabate yookiin foolii nyaataa beekta haa ta'uu.
Gaabireellaa Saandaris miira fuunfachuushee fayyadamtee hin beektu akkasumas miidhaan kun funyaansheerra geesseen ol miidheeraan.
"Nyaanni foolii akkamii akka qabu hin beeku. Dhugaatii ho'aa ta'e yookiin waan mi'aawufi nama gubu dhandhamuu hin danda'u.", jechuun shamarreen ganna 22 BBC'tti himteetti.
Kun taatee namoota hedduu mudatu miti. Addunyaarraa namoota %5 rakkinna fuunfachuu qaba.
Ta'us garuu miiraa fuunfachu qabaachuu dhabuun dhiibbaa garagaraa geessisuu danda'a- miidhaa miiraafi qaamaa geessisuu danda'a jedha qorannoon.
"Waan tokko fuunfadhee hin beeku. Maatii kiyya keessaa namni rakkoo akkanaa qabu hin jiru.- anaafi obboleettii kiyya qofa- kanaafuu waan sanyiidhaan dhufe ta'uu hin oolu."
Akka itti fuunfachuu hin dandeenye akkamitti beekta?
Gabireellaan yeroo daa'ima turte piroojektii mana barnootaa keessatti hojjataman keessatti "adda baafamuushee" ni yaadatti.
"Waa'ee miiraa ture namoonni hundinuu waa'ee waan wayii fuunfachuu dubbachaa turan.
"Yeroo san ture fuunfachuu akka hin dandeenye kan beeke. Namni hundi fakkeenya kennaa ture ani garuu maaltu adeemaa akka ture hin beeku ture."

Madda suuraa, Gabriella
"Sodaa ibiddaa qaba. Sodaa ibiddaa waan qabuufi waan tokko fuunfachuu waan hin dandeenyeef yeroo manni gubatu bakka jiruu ol hin ka'u," jetti.
"Yeroo ijoollummaa kiyyatti wanti kun baay'ee na miidhe amma garuu itti bareera."
Rakkoolee qabatamaa
Gabireellaan sababa gahaa ta'eef gaazii yookiin aaraa fuunfachuu dhabuunshee rakkoo gudda ta'ee waan tokko tokko adda baafachuu dhabuusheef sababa jedhu Prof Kaarl Fiilpoot.
"Yeroo tokko manatti osoo nyaata bilcheessuu nan yaadadha. Haati tiyya dhuftee manni guutuun hafuuraa gaazii akka qabu natti himte. Kun baay'ee waan nama yaachisu.
"Wantoota akkaanaa osoo sodaadhu guddadhe. Ammatti yeroon argu baay'een of eega."
Hafuuraa alaa qofa miti kan fayyadu- qorattoonni UAE qulqullinni dhuunfas "saalfiifi sodaadhaaf sababa", jedhu. Sababni isaas hirmaattonni ofiisaaniitiyyuu of fuunfachuu hin dandeenye.
Akka dargaggeettii tokkotti Gabireellaan furmaataa fide.

Madda suuraa, Gabriella
"Maatiin kiyyaafi ani jechoota ittiin walii gallu uumne.
"Kanaafuu hiriyyoota kiyya waliin yeroo gara manaa galuufi hafuura badaa qabaadhu natti himanii saffisaan rakkoo jiru hiika."
Ammatti Gabireellaan shubbistuudha.
"Shittoofi wantoota akkasii qabaadhee hin beeku. Wantoonni babbareedoo akka abaaboo yookiin saamunaan hafuuraa gaarii qaban qalbii kiyya hatanii hin beekan.
"Guyyaa guyyaadhaan waan shubbisuuf doodiraantii garuu nan fayyadama waan akkasii jaalachuu baadhus," jetti.
'Namoota waliin bilisaan dubbachuu'
Waan kanaa dubbachuun nama qaanessa ta'a Gabireellaan garuu wanti kun waan nama qaanessu miti jetti.
"Hiriyyootaafi namoota cinaa kiyya jiran waliin bilisaan dubbadha- namoonni akka ati hafuuraa gaarii hin qabne akka sitti himaniif.
"Yeroo baay'ee namoonni cinaa kiyya jiran akka ani fuunfachuu hin dandeenyee akka beekan barbaada. Kanaafuu akkas jedhan 'Maaloo natti himaa'.
"Namoota na cinaa jiran miirri gaarii hin taanee bakkaa itti dhagahamu mannaa beekuu naa wayya."
Gabireellaan wantoota fuunfachuu barbaadii laata?
"Wanta asiin dura hin beekne waan ta'eef waan barbaadu miti. Waan dhabeeru hin beeku.
"Garuu beekuu barbaada akkasumas miira wantoota dhandhamuu."














