Meeksiikoo: Dhiirsaafi niitii qaama namaa gurguratan

Poolisiin Meksiikoo dhirsaafi niitiin osoo isaan qaama dhala namaa siree daa'imman dhalattuu keessa kaa'anii dhiibaa jiranii argee yakka ajjeechaa namoota 10 waliin qorachaa jiraachuu beeksiseera.
Himannaa mana murtiitti irratti dhiyaateen namichis lubbuu dubartoota 20 akka dabarse amaneera.
Qorattoonni kunis qaamota namaa mana jireenyaa dhirsaafi niitii kana keessatti arguu isaanii dubbataniiru. Siminitoo waliin makamanii baaldiifi firiijii keessa jikaa'ameera jedhan.
Abbootiin seeraa dhirsaafi niitiin kun akka qaamolee namaa gurgurani himanii garuu eenyutti akka gurguran ifa hin taane jedhan.
Dubartoota ajjeesuun Meksiikoo keessatti kan baratame yommuu ta'u garuu yeroo baayyee adabbiin hin kennamu. Waanti amma ta'aa jiru garuu magaalaa qarqara Meksiikooti argamtu Ekatepeek jedhamtu keessatti namoota mormiidhaaf daandiitti baasaa jira.
'Daa'imman warra ajjeefamanii ni gurgurama'
Namoonni hollaa dhirsaafi niitii kanaa ta'an akka jedhanitti siree daa'ima dhalattuu amma poolisiin qaama namaa keessatti arge kana yeroo baayyee osoon dhiibanii adeemanii argu.
Poolisiin isaan dhaabee kan isaan sakatta'es erga Fulbaana keessa dubartiin ganna 28 Naansii Hu#itrooniifi daa'imni ishee baatii lama taate Vaalentiina jedhamtu achii buuteen dhibameen booda.

Madda suuraa, EDOMEX Prosecutor's Office
Himannaa sana irratti, himatamtamaan, maqaan isaa Juwaan Kaarloos jedhame dubartii Hu'itroon jedhamtu akka ajjeese amanee namoota biroo lama kan umuriin 23 taate Alreet Olgu'iin jedhamtuufi kan ganna 29 taate Eveliin Roojaas ajjeesuu isaallee amaneera.
Abbootiin seeraa akka jedhanitti yakkamaan sun dubaroota kana osoo hin ajjeesiin dura ni gudeeda, achiin booda ammoo qabeenya isaaniifi qaama isaanii ni gurgurata.
Miidhamtoonni sadan haadhotii qophaa jiran yommuu ta'u kan achi buuteen isaanii dhabames ji'oota dhiyoo keeesadha.
Hu'itroon kan achii buuteen ishee dhibes Fulbaana 6, ijoollee durbaa ishee mana barumsaa geessitee yeroo deebitu ture.
Yeroo ijoolleen durbaa kun lamaan namni mana barumsaatii isaan fuudhu dhibu namoonni ollaan yaaddoo jiru kan dhageessisan.
Poolisiin daa'ima intalee Vaalentiinaa jedhamtu dhirsaafi niitii kanaan kan gurguramtedha jedhan arganiiru. Daa'imni kun yeroo ammaa akkayyaa ishee waliin jirti.














