Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Walitti bu'iinsa Koonsootiin namoonni kuma 70 caalan qe'eerraa buqqa'an
Godina Koonsoo iddoowwan garaagaraatti walitti bu'iinsa mudachaa jiruun lammiileen kuma 70 caalan qe'eesaaniirraa buqqa'anii akka jiran Hoogganaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa godinichaa Obbo Hasan Walaaloo himan.
Walitti bu'iinsa Godina Koonsoo Aanaa Sagan keessatti torbee darberraa eegalee mudachaa jiruun namoonni ajjeefamuu, madaa'uu fi buqqa'uu akkasumas manneen hedduun gubachuu ammoo Bulchaan aanichaa Obbo Katamaa Galaboo BBC'tti himaniiru.
Godinichatti torbee darberraa eegalee walitti bu'iinsa uumamuu eegaleen namoonni hedduun miidhamuu jiraattonni BBC'n haasofsiise ni dubbatu.
Kanaan dura rakkoo mudateen manneen 290 ta'an guutummaatti barbadaa'uu hooggansi balaa sodaa adda baaseera kan jedhan bulchaan aanaa Sagan Obbo Katamaan, rakkoo alanaa kanaan garuu manneen meeqa akka gubatan baruun rakkisaa ta'eera jedhan.
Yeroo ammaa magaalaa Sagan keessaa ala iddoowwan garaagaraatti haleellaan raawwatamaa akka jiruu fi yaaddoo akka qabanillee dubbatu Obbo Katamaan.
Godina Koonsoo uummata naannoo Sagan keessaa of-qindeessanii erga ba'anii booda gaaffii caasaa fi bulchiinsaa qabna jechuun kanneen hookkara kaasaa turantu haleellaa raawwataa jiru jechuun shakku bulchaan kun.
Obbo Dirshaa Oolataa hoogganaa Itti Aanaa Intarpiraayizii misooma Indastirii Godina Koonsoo yoo ta'an hojiif gara Sagan kan imalan torbee darbe keessa ta'uu BBC'tti himan.
Yeroo ammaa waajjira bulchiinsa magaalaa Sagan keessatti namoonni 400 ta'an daandiin itti cufamee ugguramanii jiraachuu ibsan.
Roobii darbe magaalaa Sagan keessaa socho'uuf yaalii taasisanis garuu konkolaataan humnootii nageenyaa haleelamuun miseensi poolisii tokko ajjeefamuun erga dhagahamee booda socho'uuf akka hin dandeenye dubbatan.
Namoonni 400 ta'an kanneen waajjira bulchiinsa magaalaa Sagan keessa buufatanii jiran kunneen hojjettoota mootummaa magaalaa Sagan yoo ta'an isaan keessaa afur ammoo hojjettoota bulchiinsa Godinichaati jedhan hoogganaan kun.
Yeroo ammaas humna addaatiin eegumsi godhamaafii jira jedhan.
'Biiroo keenya keessa oollee bulla'
Bulchaa Aanaa Sagan kan ta'an Obbo Katamaa Galaboo isaaniis ta'e hojjettoonni aanichaa kaan sodaa nageenyaarraan kan ka'e biiroo irraa fagaatanii deemuu hin dandeenye jedhan.
"Biiroo irraa meetira 50 fagaatanii deemuun hin danda'amu. Haalli jiru waan daandii gadi dhiise fakkaata,'' jechuun haala hammaataa keessa jiraachuu ibsan.
Isaanis oolanii kan bulan biiroosaanii keessa ta'uu kan ibsan Obbo Katamaan firaashiin galagala irra rafee bule guyyaa guyyaa duuba kiyyatti hirkiseen maamila tajaajila jedhan.
Kamisa darbe walitti bu'iinsi hammaatee jaarrolee naannoorra haleellaa qaqqabeen namoonni ajjeefamuus ibsan hoogganaan kun.
Naannichatti humni addaa naannoofi poolisiin federaalaa jiraatanis haleellaan kun inumaa kallattiin isaanirratti kan qiyyaafate waan ta'eef to'annoodhaan ala ta'eera jedhan.
Jiraattonni maal jedhu?
Sababa wal dhabdee kanaan abbaa isaanii kan dhaban Obbo Urmaallee Ugaandee, ‘’abbaa kootti biyyoo uffisuu hin dandeenye,’’ jechuun BBCtti himaniiru.
Abbaan isaanii, Obbo Ugaandee Angaaree nama ganna 58 yoo tahan abbaa ijoollee 11'ti.
Gaafa Sanbataa ture sa’aatii sagalitti magaalaa Saganitti rasaasaan dhahamanii lubbuun kan darbe.
Obbo Urmaalleen akka jedhanitti yoo taheef, abbaan isaanii tajaajilaa Waldaa Kiristiyaanaafi jaarsa biyyaa turan.
’’Humnoota nagaa hin barbaanneefi aanaa addaa Gumaaydee deebisuu warreen barbaadantu,’’ abbaa isaaniirratti haleellaa akka raawwatan himu.
Hidhattoonni kunneen abbaa isaaniirratti kan xiyyeeffatan erga mootummaadhaan jaarsa araaraa jedhamuun filatamaniin boodadha jedhu.
Obbo Ugaandee Angaareen yeroo ajjeefaman manuma isaanii akka turan kan himan Obbo Urmaaleen, manni isaanii rasaasni irratti roobee, intalli isaanii tokkko miilarra qawween dhahamtee magaalaa Saganitti yaalamaa jiraachuushee dubbataniiru.
Haadha isaaniifi dubartoonni mana keessa turan hidhattootaan fudhatamuufi ammallee achi buuteen isaanii akka hin beekamne himu.
‘’Kana dura hidhattoonni kunneen halkan halkan dhokatanii haleellaa raawwatu ture, amma garuu kallattiidhumaan haleeluu jaqabaniiru,’’ jedhan.
Abbaan isaanii silaa kan awwaalamuu qaban Waldaa Makaanayasuus dhiyeenya isaanitti tahu malus nagaan dhabamuurraan kan ka’e, du’anii guyyaa sadii booda mooraa bulchiinsa naannichaa keessatti awwaalamuu himu.
Karaan cufaa waan tureef abbaa isaanii awwaallachuu akka hin dandeenye dubbatu.
Jiraataa ganda Magarsaa kan tahaniifi maqaan isaanii nageenya isaaniif akka hin dhahamne gaafatan, naannoo sanarraa dubartoonnii fi ijoolleen baqachuu isaanii dubbatu.
Xaafiin maasaa isaaniirra tureefi manni isaanii gubatee dhiirota naannoo isaanii waliin ganda isaaniitti haleellaan dabalataa akka hin dhalanneef eeguuf achitti hafuu isaanii dubbatu
Warri danda’an gara ganda Kaaraat jedhamutti, kaan immoo gara gandoota nagaa tahanitti akka baqatan dubbatu.
Haleellaan akkasii godinni Koonsoo erga hundaa’ee yeroo sadaffaaf mudachuus himu.
‘’Kana dura 2011 fi 2012 A.L.H haleellaan wal fakkaataa qaqqabeera,’’ jechuun dura taa’aa ganda isaanii dabalatee namoonni baayyeen hidhattootaan ajjeefamuu dubbatu
Bulchitoonni Godina Koonsoo maal jedhu?
Godina Koonsootti itti gaaftamaa qajeelcha nageenyaa kan tahan, haleellaan hidhattoonni gandaa hanga godinaatti taasisan ‘’weerara fakkaata,’’ jedhu.
Gandooti baayyee ibiddaan barbadaa’uu, haleellaan meeshaa waraanaan deeggarame, humnoota nageenyaa marsuun akka raawwatamu dubbatan.
Haala kanaan lakkoofsi namoota lubbuun darbe, miidhaan qaqqabeefi qabeenya barbadaa’e akka hin beekamne dubbatu.
Godinichatti iddoon rakkoon jiru humni federaalaa fi naannoo jiraatus hidhattoonni humnoota nageenyaa kunneen irratti fuulleffachuun akka haleelan dubbatan.
Haleellaa hanga yoonaa raawwateenis namoonni kuma 70 tahan qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.
Yeroo ammaa magaalaa guddoo Koonsoo kan taate Kaaraat keessa jiraatan yaaddoorra jiraachuu bulchiinsa naannichaaf beeksisuu dubbataniiru,
Naannoo Bulchiinsa Uummattoota Sagan jedhamuun beekamu kanatti gaaffiin daangaa fi caasaa bulchiinsaa yeroo dheeraaf ka’aa kan ture yoo tahu sababa kanaan hawaasa naannichaa biratti walitti bu’insa uumamaa tureera.
Wal dhabdee kanneen keessatti haleellaa hidhattoonni qaqqabsiisaniin lubbuu fi qabeenya jiraattotaa irratti miidhaan olaanaa qaqqabaa tureera.
Haleellaan tibbana qaqqabes waanuma kana ilaallatu akka tahe bulchitoonniifi jiraattonni naannichaa ni dubbatu.