'Kana booda waa'een godina Walaayitaa kan isa ilaallatu mana maree saba kanaa qofa dha' Afa-yaa'ii Mana Maree Walaayitaa

Yaa'ii ariifachiisaa Manni Maree Naannoo Saboota, Sab-lammootaa fi Uummattoota Kibbaa tibbana taa'erratti bakka buutonni Godina Walaayitaa hin hirmaanne.

Afa-yaa'ii Mana Maree Godina Walaayitaa kan ta'an Aadde Abbabech Iraashoo yaa'ii ariifachiisaa kanarratti akka hin hirmaanne dursanii dubbatanii turan.

Godinni Walaayitaa Mana Maree naannoo Kibbaa keessaa teessuma 39 kan qabu yoo ta'u hunduu amantaa mana marechaarraa waan dhabaniif keessaa ba'uusaanii ibsanii turan Afa-yaa'iin kun.

Godinni Walaayitaa akka naannootti of gurmeessuuf gaaffiisaa waggaa tokko dhiyeessuu kan dubbatan Aadde Abbabech waa'ee yaa'ii sanarra hirmaachuu dhabuu fi egeree uummata Walaayitaarratti BBC waliin turtii taasisaniiru.

Sababi yaa'ii mana maree irratti hirmaachuu dhabdaniif maali?

Gaaffii naannoodhaan gurmaa'uu saba Walaayittaa Mana Maree Naannoo Sabootaafi Sab-lammiilee Kibbaaf kan dhiyeessine waggaa tokko dura dha.

Waggaa tokko keessatti heera biyyatti bu'uura godhachuun deebi'uutu irra jira ture. Rifarandamii dhaan gurmeessuutu irra ture sana immoo hin goone.

Sababa kanaan godinicha keessa muddama baayyeetu jira ture. Gaaffiin kun ni deebi'a amantii jedhuunis hanga baatii Muddee 10, 2012 waggaa tokko guututti eegaa turre.

Hanga sanaatti deebiin argame tokkoyyuu hin jiru.Bakka buutonni saba kanaa mana maricha keessatti teessoo 39 qabna. Korawwan idilee fi al-idilee tahaniifi carraa arganne hundumaatti barreefamaan adeemsa seeraa eegnee gaafanneerra.

Isaan nu dhagahaa hin turre. Sagalee saba keenyaa dhagahuuf fedhiin hin jiru. Kanaaf maal gochuu qabna waan jedhurratti manni maree saba kanaa walgahii hatattamaa waametu ol-iyyannoo Mana Maree Federeeshiniitti erge.

Kana booda Manni Maree Naannoo Kibbaa kanarrtti unuuf deebii kennu akka hin qabne amannee, ejjennoo fudhanneetu walgahii kanaan booda jiran seenuu dhiisuuf murteessine.

Kana jechuun si'achii sabni kun Mana Maree Naannoo Kibbaa keessatti bakka bu'aa hin qabu jechuu dha?

Bakka bu'aa qabaates, qabaachuu baates murtoowwan harka caalmaatiin darbu.Fedhiin saba keenyaa ilaalamaa hin jiru. Fedhii kee qabatteetu mana maree kana seentee deebita.Bakka buutummaan uummataafi,namni dhuunfaa teessoo achitti qabaates sirnichi kan sagalee caalmaati.

Kanaaf dhimmi isaaniif rakkoo tahu hin jiru. Sabni kun fedhiinsaa eegamaafi gatii hin jirreef fedhii warra kaaniirratti murtoo dabarsaa itti fufetu hanga yoonaa ture.Fedhii uummataa kabachiisuu hin dandeenyu taanaan achitti argamuun keenyi barbaachisaa miti. Ammatti kan itti jirru Manni Maree Federeeshinii gaaffii keenya deebisu qaba kan jedhu, akka xiyyeeffannoo argatu gochuu dha.

Tarkaanfiin miseensotaa itti aanu maali?

Kana booda Naannoo Kibbaa irraa deebiin argannu ijaa hin jirreef, kana booda Manni Maree Federeeshinii Boordii Filannoo waliin tahuun riifarandamii akka nuu qindeessuuf hordofuuu dha.

Mana Maree Federeeshiniif iyyannoo yoom dhiyeessitan?

Waggaa gaaffii mana maree naannichaaf dhiyeessinetti Mudde 11,2012 Mana Maree Federeeshiniif dhiyeessine. Innillee amma baatii ja'a lakkoofsiseetu jira.

Amma dhimmicha yeroo hubannu Manni Maree Federeeshinii jijjiirama gochaa waan jiruuf boodatti nu jalaa harkiseera. Koree dhimmoota heeraa ilaaluufi koree dhaabbataa harka dhimmi keenyi akka jiru hubanneerra.

Ministirri Mummee Abiy Ahimad bara 2012tti maree bulchitoota godinaa fi aanaa waliin taasisaniin Naaannoon Kibbaa akka haaraatti akka gurmaa'u dhagahameetu ture. Murtoo kanaaf hanga dhumaatti obsuuf hin yaadne ture?

Tokkoffaa dhimmi sun gaaffii keenya miti. Haala kanaan Naannoon Kibbaa akka gurmaa'uuf gaaffii hin kaasne nuti. Fedhiin keenyi gaaffii naannoo ta'uu heera biyyattii bu'uura godhate dha.

Gaaffiiwwan sanaan ala jiraniifi qaamoleen bakka bu'an uummataan kan filataman gatii hin taaneef badaa keessaa hin qabnu nuti. Hirmaachuufis fedhii hin qabnu. Uummatni gaaffiin sabummaa akka deebi'uuf heera qabeessaan dhiyeesseera. Dhimmi amma jalqabe kun mootummaan biyyattii kaka'umsa mataa isaan kan godhu malee uummatatti siqanii kan sabni naa ta'aa, hin ta'uu jedhee fudhate miti.

Kanaaf waa'ee kanaa hin mari'annee jechaa jirtuu?

Lakki nuti hin mari'anne.

Walgahii waajira ministira mummeetti adeemsifame irratti argamtanii komii keessan hubachiisataniittuu?

Walgahii sanaratti argamuu hin dandeenyu. Nuti gaaffii uummataa, fakkeenyaaf ani akka af-yaa'ii dha gaaffii uummataa nan qindeessa malee achitti hin argamu. Fedhiis hin qabu. Karaa sanaan deebisuu barbaada taanaan inni ajandaa ofii fidee, uummata walitti qabee mariisisuu qaba. Nuti karaa heeraan akka nuu deebi'u barbaanna.

Godina Walaayittaa bakka bu'ee marii sana irratti akka hirmaatu namni affeerame jira ture?

Qaamni affeerame ni jiraata garuu isarratti yaada kennuu hin fedhu.

Yeroo weerarri koronaavaayirasii jiru kanatti gaaffii keessan deebisuuf carraan ni jiraata jettanii amantuu?

Erga vaayirasiin kun biyya keenyatti mul'atee ji'oota fixeera. Gaaffiin keenyi garuu carraa waggaa tokkoo qaba ture. Mana Maree Federeeshinii erga deemeellee baatii jaha lakkoofsiseera. Boordii Filannoo waliin si'aa'inaan yoo hojjetame hojii guyyaa sadiif lamaati. Garuu hin hojjetamne, yeroo ammaa kanatti isinii deebisuu danda'umoo kan jedhu immoo, ani hin beeku. Daangaa aangoo isaanii keessatti tahanii deebii nuuf kennan eeggataatuma jirra.

Tamsa'ina vaayirasii kanaa to'achuuf dhorkaawwan keewwaman jiru. Haala kanaan Manni Maree Federeeshinii fi Boordiin Filannoo gaaffii keenya nuu deebisu jettanii amantuu?

Karaan ittiin danda'amu jira. Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa guyyaa tokko addaan otoo hin kutiin walitti qabamaatu jira.

Naannoo keenyattis kaleessa korri taasifamee ture. Kuni qaama walitti qabamuuti. Kanaaf gaaffii uummataa deebisuuf, malawwan vaayirasicha ofirraa ittisan fayyadamuun hojjechuun ni danda'ama. Yoo hin dandenyellee uummatatti beeksisuutu irra jira malee gaaffii ukkaamsuu miti.

Akka naan jettanitti isin amma mana maree Naannoo Kibbaa keessaa baatanii jirtu. Murtoowwan mana marichaan darban,mormiin illee yoo jiraate saba Walaayittaa bakka bu'ee eenyutu dubbata achitti?

Achitti ajandaa dhiyaatutu murtoo argata. Dhimma saba kanaarratti murteessuu kan danda'u mana mare saba kanaati amantii jedhun qaba.Kanaan ala dhimma saba kanaarrtti kana, sana jedhee eenyuyuu dubbachuus tahe murteessuu hin danda'u.Kanaaf ajandaawwan sabicha ilaallatan jiraannaan karaa mana mare sabichaa qajeelfamuu qabu. Yookinimmoo sadarkaa federaalaattii ilaalamuu qabu. Saba uummata miiliyoona 1 qaburratti qaamni biraa murteessuu hin danda'u. Dhimmoota saba hin ilaallanne biroo irratti garuu sagalee caalmaadhaan itti fufuu ni danda'u.

Kanaaf kana booda waa'ee Walaayittaa kan isa ilaallatu mana mare saba Walaayittaati malee Mana Maree Naannoo Kibbaa mitii naan jechaa jirtu?

Eeyyee.