Sirna 'waadaa seenuu' lammilee Ruwaandaa biyya alaa jiranii to'atee jiru

Viidiyoon kabaja “waadaa seenuu” Imbaasii Ruwaandaa Landan keessatti yemmuu gaggeeffamuu agarsiisu ba’e, biyyaa Baha Afrikaa qeeqtootaan “Kooriyaa Kaabaa” haaraa jedhamte irratti himannaa abba irrummaa jiru guddiseera.

Miinseensonni lammilee Ruwaandaa diiyasporaa akka BBC'tti himanitti kabajootni akkanaa kan baraman ta’uu, akkasumas sodaa fi ajajamuu jabeessuuf kan karoorfamedha jedhu.

Namichi tokko sababa inni mootummaa waliin walii galuu dideef, isa adabuuf jecha firootni isaa Ruwaandaa jiran butamaniiru, tariiyyuu ajjeefaniiru jedha.

Anga’oonni Rawaandaa garuu himanni kuni sobaafi kan ragaa hin qabnedha jechuun haalaniiru.

Viidiyoo dhiyeenya WhatsApp gubbaatti qoodameen, namootni 30 ol ta’an kutaa walga’ii Imbaasii Ruwaandaa UK jiru keessatti walitti qabamanii harka isaanii ol kaasuun paartii biyyatti bulchu RPF’f bitamuuf waadaa yeroo seenan agarsiisa.

“Yoon si gane ykn karooraa RPF irraa kaadhe, lammilee Ruwaandaa hunda ganuu ta’a kanaaf fannisamuun nan adabama,” jechuun afaan Kinyarwandan waadaa seenaa turan namootni kun.

Dabalataanis, “eessayyuu yoo ta’an, diinoota Ruwaandaa,” loluuf waadaa seenaa turani. Paartiin RPF imbaasii isaa waadaa siiyaasaa akkanaaf fayyadamuun isaa dubbii ijoodha.

“Sodaataniiru”

Ta’us, namootni kabaja bara 2017 keessa gaggeefame kana irratti hirmaatiin, dhugumaan deggaartoota paarticha biyyaa alaa jiraatan ta’uu danda’anis, namootni hedduun kaan garuu dhiibbaa irra tureen akka hirmaatan BBC'tti himaniiru.

“Namootni waadaa kana seenaa turan hedduun isaanii akka itti hin ammanne beeka. Ofii fi maatii keenya Ruwaandaa jiran eeguuf jecha sobaa turre,” jedha namni kabajicharra tureefi sodaaf jecha maqaan isaa akka hin ibsamne barbaadu.

“Kun wanta bakka hundumaatti taasifamudha. Waan baramedha. Waadaa kana seenta ykn diinaa taata. Adii fi gurraaachadha,” jedha gorsaa pirezdaantii Ruwaandaa Pool Kagamee kan ture Deeviid Himbaaraa.

Deeviid lammii Kanaadaa, hayyuu fi roogeessa yoo ta’u jireenya isaa keessatti yeroo hedduu qamoolee tikaa Ruwaandaan irra deddebin dorsisamaa akka ture hima.

“Baayyeen isaanii waan sodaataniif kabaja sanarratti hirmaatu. Yoo deemuu didan maatii isaanii Ruwaandaa jiran waa ta’u jedhanii yaadu,” jedha lammiin Biritish-Ruwaandaa dhiyeenya UK keessatti hannaan himatamee hidhaa ture, Renee Mugeenzii.

“RFF keessatti ifatti hojjachuu qabda. Utuma nama gara kamittu goruu dhiistee… paartii mormituu jedhanii si shakku,” jedha.

Waa’ee sirna kabajaa “waadaa seenuu” kanaratti gaaffi dhiyaateef Imbaasiin Ruwaandaa deebii imeeliin kenneera.

Kanaanis, miiseensoti diyaasporaa kutaa walga’ii sana sagantaalee aadaa adda addaaf akka fayyadamanii fi sirna waadaa seenuu RPF irratti hirmaachuun seeraa qabeessadha “gutummaatti filannoo isaaniin malii namni isaan dirqisiise hin jiru” jedhan.

“Obbolootikoo butamaniiru”

Ta’us garuu BBC’n ragaa haaraa dhaga’een mootummaan Ruwaandaa miseensota diyaaspora amanamoo miti jedhu dorsiisuu irra darbee, namoota kana adabuuf firoota isaani Ruwaandaa keessa jiran irratti xiyyeeffata.

“Ana doorsisuuf jecha, obbolootakoo lamaan butani. Isaan siyaasaa keessatti hirmaatanii hin beekani. Dachee Ruwaandaarra turani. Utuu homaa hin balleessing maaliif gatii akkanaa kaffalu?” jechuun Awustraliyaa irraa Noyeel Zihabamwee miiraan guutame dubbata.

Zihabamween sababa haala siyaasaa cunqursaa hammaachaa dhufe baqachuun bara 2006tti Awustraliyaatti baqatee, amma miseensaa diyaasporaa Ruwaandaa Siidniidha.

Mootummaa RPF deeggaruu dhiisuu isaaf bara 2017'tti dippiloomaatiin Ruwaandaa biyyatti daawwatte ifatti ajjechaan isa dorsisee ture, sanas anga’oota Awustraaliyaatti gabaaseera.

Sana booda ture obbolaan isaa lamaan Jiin Nisengimaanaa fi Antonii Zihambamwee, Fulbaana 2019'tti magaalaa Karangazii Ruwaandaa keessatti atoobisii irraa poolisootaan fudhatamanii hanga ammaatti deebi’anii hin argamnee jechuun himata.

“Yeroo hedduu butuu fi ajjeechaa miseensa maatii akkanaa fayyadamu. Kun dhaabachuu qaba. Nu ga’eera,” jedha Zihabamween.

“Mootummaan Ruwaandaa mirga dimookraatawaa lammiilee hundaa deebisee, ajjeechaa, uggura, seeraan ala hidhuufi lammilee duraanii akkakoo biyya ormaa jiraatan irrattuu duula dorsiisuu dhaabee arguu barbaanna,” jedha Zihabamween.

Obbolootisaa butaman jedhe akka du’anitti amanuun, dhibbaa kana booda isaa fi firoota isaa irra ga’uu danda’u hubatus ifatti ba’ee dubbachuuf murteesseera.

“Reeffii isaanii eessa akka jiru maaliif maatiittii hin himani, akka seeraan awwaallannuuf? Lammileen Ruwaandaa hedduu ala jiran maaatiin isaani lubbuun dhabanii fi bakka isaan jiran hin beekne jiru.

“Haqa dabe kana mormee dubbachuun barbaada. Hoggansaa nama muraasaaf osoo hin taanee hundaaf dhaabbatu barbaanna,” jechuun BBCtti himeera.

‘Himannaa bu’uura hin qabne”

Imbaasiin Ruwaandaa UK himannaa Obbo Zihabamwee soba ‘irra deddeebiin fayyadamamuu’ fi “mala gadi deebi’aa namoota siiyaasa qeeqani xiyyeeffannoo miidiyaa argachuuf taasisanidha” jedha.

Ta’us garuu himannaan akkanaa qorattoota hedduu, dhabbilee mirga namoomaa fi dippilomaatota biyya biroon akka sirrii ta’anitti ilalaamu.

Isaanis aanga’oonni Ruwaandaa bu’aan gocha isaani kan akka yaalii ajjeechaa namoota biyyaa alaa jiranii hariiroo idil addunyaa Ruwaandaa akka hin booreessinee taasisuun seeraan kan itti malatan fakkaata jedhu.

Mootummaan Ruwaandaa addunyaa irratti waggooti dheeraaf deeggarsa fi jajjanaa argachaa kan ture, karooraa isaa guddinaa milkaa’aa, kan Ruwaandaa gara biyyaa dinaagdee gaarii qabdutti jijjireeenidha.

“Ilaalchi jiru – wanta barbaadne goona, abbaa barbaadne ajjeesna, kan jedhudha,” jedha maddi enyummaa isaa ibsuu hin feene.

“Lammii Ruwaandaa yoo taate, saalphaatti callisuu siif wayya,” jetti itti aantuun daareektaraa Aminestii damee Baha Afrikaa, Saraa Jaaksan.

“Anga’oonni Ruwaandaa maloota adda addaa mormii biyyaa isaanii jiru fi alaa jiru ittin gadi qaban qabu, kunis qoccollaa irraa kaasee hanga dorsiisa hidhaa seeraan alaa, butamuu, dararaa fi lammiilee isaani biyyaa alaa jiran adeemsa seeraa malee gara Ruwaandaatti deebisuufi miseensota maatii dorsiisudha.”

Imbaasiin Ruwaandaa Landan argamu garuu himannoonni akkanaa bu’ura kan hin qabnee fi “mormiitoota muraasaan, maqaa fi adeemsa guddinaa Ruwaandaa balleessuuf jecha” kan uumameedha jedhu.

Pirezidant Kaagaameen filannoo pirezidaantummaa Ruwaandaa bara 2017 sagalee %99 argachuun injifataniiru.

Laandanitti qondaalli mormituu Kongirasii Biyyaalessaa Ruwaandaa “RPF waliin hojjachuuf waadaa seenta ykn ammo diina biyyaa jedhamta. Nuti Kooriyaa Kaabaa waliin madalaamna,” jedha.

Kaanaadaa irraa Himbaaraan ilaalcha mootummaa Ruwaandaa yemmu ibsu “mootummaa jireenyaa kan diyaaspoora dabalatee kan uummata Ruwaandaa hunda to’achuu barbaadudha,” jedha.