Boskoo Nitagaandaa yakka waraanaa Koongootti raawateef hidhaa waggaa 30n adabame

Dursaan garee finciltootaa duraanii Koongoo Boskoo Nitagaandaa yakka waraanaafi yakka dhala namaarratti raawwateef hidhaa waggaa 30 adabame.

Himannaan loltoonni Boskoo Nitagaandaatiif amanamoo ta'an ajjeechaa sukkaneesaa namoota nagaafi abbootii seeraa irratti raawwachuun isaanii Adoolessa keessa Mana Murtii Yakka Idil-addunyaa (ICC) irratti dhiyaatee ture.

Boskoo Nitagaandaan maqaa masoo "Terminaator" jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, himannaa akaakuu 18 kan akka ajjeechaa, dirqisiisanii gudeeduu, fedhii saal-qunnamtiif nama garboomsuufi daa'imman loltummaaf fayyadamuutu irratti dhiyaate.

Addabiin kun addabbii hunda caalaa waggaa dheeraa ICC hanga ar'aatti murteessedha jedhameera.

Boskoo Nitagaandaa ICCtiin yakka fedhii saal-qunnamtiidhaaf nama garboofachuu waliin walqabatee qabame keessaa isa jalqabaadha. Kana malees, ICCn erga bara 2002 hundeeffamee namoota qabaman keessaa isa afraffaadha.

Riphe lolaan duraanii dhalataan Ruwaandaa ta'eefi umuriin isaa waggaa 46 ta'e kun Ruwaandaafi Rippabilika Dimokiraatawaa Koongoo keessatti waramnaa hidhannoo keessatti hirmaataa tureera.

Bara 2013 imbaasii US Ruwaandaa keessa jirutti harka kennate.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti harka kennachuun sun hojii hamaa hojjechaa turerraan kan ka'e dhumarratti garee finciltuu isaa M"3 waliin gaafa humni isaa laafaa dhufu of oolchuuf jedhee murtoo fudhatedha.

Boskoo Nitagaandaan eenyudhaa?

  • Bara 1973 Ruwaandaatti dhalatee guddate
  • Erga saba isaa warra Tutsiis irratti miidhaan qaqqabe ijoollummaa isaatti gara Rippabilika Dimokiraatawaa Koongootti baqate
  • Yeroo umuriin isaa waggaa 17 guutu Ruwaandaafi Rippablika Dimokiraatawa Koongoo keessaatti takka riphe lolaa takka ammoo loltuu ta'uun waraana jalqabe
  • Bara 2002-3 keessa dursaa Milishaa Koongoo naannoo Iturii ta'e
  • Bara 2006 keessa yakka daa'imman loltummaatiif fayyadamuun ICC irratti himatame
  • Yakka loltoonni bara 2008 keessa ajjeechaa namoota 150 irratti raawwataniif itti-gaafatamaa ture
  • Bara 2009 keessa raayyaa biyyaalessaa Koogootti makamuun janaraala ta'e
  • Bara 2012 keessa humna raayyaa keessaa baduun fincila biraa namoonni 8000,000 akka buqqa'aniif sababe ta'e gurmeesse
  • Bara 2013 keessa erga gareen finciltuusaa lamatti baheen booda imbaasii US Ruwaandaa Kigaaliitti argamutti harka kennate
  • Bara 2019 keessa ICC irratti yakkamaa waraanaa ta'uudhaan hidhaan waggaa 30 itti murtaa'eera

Rakkoo nageenyaa fincila yakkamaa kun uumeen bara 1999 irraa kaasee namoonni 60,000 ajjeefamaniiru.

Ka'umsi fincila kanaas lola lafa qabeenya albuudaan badhaatuu taate qabachuurratti akka ture gareen mirgoota namoomaaf quuqaman himaniiru.

Manni murtii kun Boskoo Nitagaandaan yeroo loltoota naannoo sanaa ajajaa jiruttillee ofiidhuma isaallee luba Kaatolikii tokko ajjeeseera jechuun himate.

Namoonni ICC tiin yakkamoo ta'uun hanga ammaatti dhiyaatan hunduu Afrikaarraati.

Namni shanaffaan pirezedaantii itt-aanaa Rippabilika Dimokiraatwa Koongoo Jiin Piyeer Beembaa yoo ta'an hanga bara darbe ol-iyyannootiin bilisa bahutti yakka waraanaan itti murtaa'ee ture.

Boskoo Nitagaandaan ajaja pirezedaantii Ruwaandaa yeroo ammaa Pool Kagaamee jalatti Adda Gootota Ruwaandaa (RPF) jalatti waraana irratti hirmaatee ture.

Waraanni RPF kun ammoo yakka waraanaa sanyii namaa balleessuu saba Tutsiirratti bara 1994 ture dhabamsiisuuf kan turedha.

Erga tasgabbii dhabuun Ruwaandaa garaa biyya hollaa Rippabilika Dimokiraatawaa Koongootti baballateen booda Boskoo Nitagaandaan biyyoota lamaan gidduu Ruwaandaafi Koongoo gidduu deemuun akka riphe lolaafi humna raayyaa biyyaalessaatti hojjechaa ture.

Bara 2012 keessa ammoo miseensota garee finciltuu M23 jedhamu hundeessan keessaa tokko ta'uun loltoota raayyaa biyyaalessaa Koongoo fudhachuun lolaaf bosona seena.

Loltoonni isaas osoo lola keessaa ba'uudhaaf waliigaltee hin dhaabiin Baha Rippabilika Dimokiraatwaa Koongootti magaalaa Gomaa dhuunfatanii turan.

Namoonni 800,000 ol ta'anis qe'ee isaaniirraa baqachuuf dirqamaniiru.

Gareen finciltootaa M23 jedhamu kun suuta suutaan humnoota mootummaa Koongootiin mo'atamaniiru.