Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp hoogganaa filannoo isaan morman aangoorraa ari'an
Doonaald Tiraamp nama filannoo US sadarkaa olaanaatti hoogganaa turan sababa komii saanii mormaniif aangoorraa ari'an.
Pireezidant Tiraamp hoogganaa Ejeensii Nageenya Saayibarii( Cybersecurity and Infrastructure Security Agency) Kiriis Kireebs haqummaa sagaleee kennameerratti yaadota baayyee mirkana hin taane kennan jechuun ar'atan.
Tiraamp filannoo pireezidantummaa morkataan isaanii sagalee caalmaa injifataa isaan taasisu argataniis, hanna sagaleetu jira jechuu bu'aa filannoo kana fudhachuu didaniiru.
Hooggantootni filannoo ammoo filannoon kun seenaa Ameerikaa keessatti ''isa burjaajiirraa bilisa ta'eedha'' jedhu.
Torbee darbe Tiraamp Hogganaa Muummee Ittisa Biyyaa Maark Ispeer amanamummaa isaanii shakkuun aangoorraa buusaniiru.
Tiraamp Amajjii dhufu Waayit Haawus gadhiisuu isaaniin dura Daayireektara Tika Biyyaalessaa, CIA, Giin Haspeel fi Biiroo Qorannoo Federaalaa(FBI) Kirsitoofar Raay aangoorraa ari'uu malu shakkiin jedhu gara Waashiingitan DC'tii dhagaahamaa jira.
Akkuma aanga'oota Tiraampiin ar'iaman biroo Kiriis Kireebs aangoorraa kaafamuu kan baran ergaa tiwiitara gubbaatti Tiraamp Kibxata maxxansan wayita arganiidha jechuun namani aanga'aa kanatti dhiyeenya qabu tokko Rooyitarsitti himeera.
Hooggansi duraanii Maayikiroosooft kun aar'amuu isaaniitti gaabbii hin qaban jedhameera.
Aanga'aan kun filannoo bara 2016 keessa Raashiyaa harka galfatteetti jedhamee waggaa lama booda ture aangoo kana kan qabatan.
Dhaabbatni isaan hoogganan kun gaheen isaa adda durummaan yaaddoowwan haleellaa Saayibarii maqsuudha.
Filannoo keessatti ammoo isteetotaafi hoogganoota filannoo sadarkaa gadiirra jiran waliin hojjeta.
Dhaabbilee dhuunfaa sirna filannoo dhiyeessan waliinis hojjeta. Itti dabaluunis adeemsa sagalee kenname sirna gabatee keessa galchuus hordofa.
Kireebs maaliif ari'aman?
Kireebs Ejeensii ofii hoogganan keessatti marsariitii, marsariitii jette jettee to'atu bananii turan.
Marsariitiin kun odeeffannoowwan dogongoraa filannoon walqabatan fashalsa.
Kun ammoo himata ragaa hin qabuu jedhamuufi Tiraamp irra deddeebiin dhiyeessan dabalata.
Rooyitars akka gabaasetti Waayit Haawus marsariitii Kireebs hoogganan kanarraa gammaachuu qabaachaa hin turre.
Keessumaa jette jettee ejensiin basaasaa gama 'supercomputer' dalaganii 'Hammer and Scorecard' jedhaman lakkaawwii sagale keessatti qooda fudhachaa jiru jedhu harkatti dhahuu isaatti gammadoo miti.
Kireebsiifi hoogganoonni US biroonis sirni akka kanaa hin jiru jechaa turan.
Ari'amuu isaanii xiqqoo dursee maxxansa twiitaraan komii Tiraamp maashinoonni sagalee guuran sagalee anaaf kenname morkataa koo Baayidaniif dabarsan jedhu qeeqanii turan.
Aanga'aan kun maxxansa twiitaraa ogeessa seera filannoo komii Tiraampiin busheesses retwiit godhaniiru.
Kireebs ari'atamuun isaanii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti Koree Nageenya Biyya keessaan balaaleffatameera.