Lola Tigiraay: Uhuuruu Keeniyaataan haalli Itoophiyaa keessaa karaa nagaan akka furamu gaafatan

Pirezidantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa lolli Itoophiyaa keessatti mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF'f amanamoo tahan gidduutti gaggeeffamu karaa nagaan akka furamu waamicha dhiyeessan.

Pirezidaant Uhuruu Keeniyaataan masaraa isaaniitti jila Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonniniin dursamu simachuun yeroo marii gaggeessan ture kana kan dubbatan.

Pirezidaanti Uhuuruun walitti bu'iinsa biyyattii keessatti uumame kana karaa nagaatiin fala barbaaduun muddama uumame goolabuu akka qaban waamicha dhiyeessan.

Itoophiyaa fi Keeniyaan nagaa fi tasgabbiin naannicha walitti hidhuun qooda qabaachaa akka turan eeruun lola kanatti humna guutuun akka hin seennee akeekkachiisan.

Uhuruun lolli mootummaan federaalaa fi TPLF gaggeessaa jiran kun gumaacha lammiileen Itoophiyaa guddina biyyattii keessatti qaban laaffisa, kanaafuu ''lola qabbaneessaa!'' jedhanii waamicha dhiyeessan.

Pirezidant Uhuruu Keeniyaataan gartuun lachuu, gargaarsa namoomaaf dursa kennuun, gargaarsi akka hawaasa naannoo qaqqabuuf daandii hundayyuu banaa akka godhan waamicha dhiyeessan.

Pirezidant Uhuuruun dhaamsa kana kan dabarsan Wiixata galgala wayita jila Itoophiyaa waliin masaraa isaaniitti mari'atan ture.

Itti Aaanaan Ministira Muummee fi ministirri dhimma alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, ergaa addaa MM Abiy Ahmad pirezidaanti Uhuuruu Keeniyaataaf dhiyeessuun haala siyaasaa fi nageenya Itoophiyaa keessa jiru irrattis hubannaa gabaabaa kennaniiruf.

'Daawwannaan kun marii araaraan wal hin qabatu'- Mootummaa Itoophiyaa

Daawwannaa kana irratti jilli Obbo Dammaqaa Mokonnin dursan Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaatti barreessituu dhaabbii Wayinishet Taaddasaa fi Keeniyaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa kan tahan Mallas Alam of keessa qaba.

Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa tahuun dhiyeenya kana kan muudaman Obbo Dammaqaa Mokonnin Yugaandaattis akkasuma daawwannaa taasisanii pirezidaanti Yuweerii Museveenii waliin dhimma nageenyaa fi tasgabbii irratti mari'ataniiru.

Yuweerii Museveeniin marichaan booda waraanni Itoophiyaa naannoo Tigiraay keessatti mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti gaggeeffamu karaa nagaa furamuu akka qabu Tiwiitara isaanii irratti erga barreessanii deebisanii haqaniiru.

Haata'u malee maaliif akka haqan wanti barame hin jiru.

Dabalataan Dammaqaa Mokonnin Yugaandaa galuun jaarsummaa Yuweerii Museveniin TPLF waliin araara buusuuf jedhamuun miidiyaa hawaasaa irratti bal'inaan qoodamaa ture.

Dubbii himaan Koree Labsii Yeroo Muddamaa naannoo Tigiraay irratti darbee Ambaasadar Reedwaan Huseen ammoo TPLF waliin araarri gaggeeffamu hin jiru jedhan.

Inumaa Obbo Dammaqaa Mokonnin kan gara Yugaandaatti imalaniif dhimma kana waliin wal hin qabatu jedhan.

Mootummaan federaalaa Itoophiyaa oppireeshinii heera biyyattii kabachiisuu gaggeessaan jira jedhu hanga 'yakkamtoota' seeratti dhiyeessutti hin dhaabbatu jechuun irra deddeebiin ibsaa ture.

Erga Sadaasa 3 bara 2020 humni poolisii addaa TPLF'f amanamu buufata raayyaa ittisa biyyaa ajaja Kaabaa Itoophiyaa rukute jedhamee waraanni garee lamaan gidduutti gaggeeffamu itti fufee jira.

Namootni hedduun akka ajjeefaman maddeen odeeffannoo himaa jiru.

Deeggarsa nyaataa fi yaalaa bakkeewwan barbaachisanitti dhiyeessuufis dhaabbileen gargaarsa namoomaa taasisan akka rakkataa turan himuun gareen lamaan ulaa banaa akka godhaniif gaafachaa turan.

Lolli Tigraay akkamiin sadarkaa kanarra ga'e?

Paartiin TPLF kan siyaasa Itoophiyaa keessatti waggoota 27 darbaniif olaantummaa qabaachaa ture, battaluma MM Abiy 2018 keessaa gara aangootti dhufanii kaasee komii eegale.

MM Abiy qondaaltoota TPLF mootummaa duraanii keessatti aangoo olanaa qabaachaa turan malaammaltummaa fi sarbama mirgoota namoomaatiin himachuun kaan yoo hidhan kaan aangoo mootummaa irraa ari'an.

TPLF hogganooti hidhamanii fi hojiirraa ari'aman kunneen dhalattoota Tigraay waan ta'aniif addatti irratti fuulleffatame jechuun komata.

MM Abiy bara darbe paartilee miseensota ADWUI saba bu'urreeffatani ijaaraman walitti baqsuun Paartii Badhaadhiina (PP) hundeessuun tarkaanfii biraa wal-diddaa qaamolee lamaanii hammeessedha.

TPLF adeemsa MM Abiy mormuun paartii haaraa kanatti makamuu dide.

Jalqaa bara kanaa erga mootummaan federaalaa sababa weerara koronaavaayirasiin filannoo biyyaaleessaa marroo 6ffaa dheeressee ammoo wal diddaan caalaa guddate.

Naannoon Tigraay Fulbaana keessaa qofaatti filannoo gaggeeffatus, paarlaamaan federaalaa filannichi ''seeraan alaa fi kan akka raawwatameetti hin lakka'amnee'' jechuun murte dabarse.

Ergasiin booda, mootummoonni lamaan wal waliin ''seeraan alaa fi beekamtii heera kan hin qabne'' waliin jechuutti fufan.

Jalqaba baatii Onkolooleessaa mootummaan federaalaa naannoo Tigraay waliin waliitti dhufeenya akka dhaabu akkasumas deeggarsa bajata naannichaa akka adda kutu manni maree federeeshinii murteesse.

Sana duras ta'e sana booda mootummoonni lamaan agarsiisa humna waraanaa gara garaa taasisaa turan.

Sadaasa 03, 2020 halkan humni addaa naannoo Tigraay buufata waraanaa raayyaa ittisaa achi jiru haleele jechuun MM Abiy tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu kan ajajan.