Xalayaan Taayitanik paaster Joon Haarperiin barraa'e Yuuroo 42,000'n gurgurame

Madda suuraa, Henry Aldridge and Sons auctioneers
Xalayaan goota Taayitaanik lubbuu nama biraa oolchuuf jecha lubbuu isaa aarsaa godhee Yuuroo 42,000tti gurgurame.
Barsiisaan Macaafa Qulqulluu Joon Harper jaakkeettii bishaan keessatti lubbuu baraaruuf oolu kan dhuunfaa isaa nama biraaf kennuun ofii isaa galaana keessatti dhidhimuun lubbuun isaa darbite.
Kun bara 1912 raawwate. Xalayaan isaa caal-baasii onlaayinii yaadannoo Taayitaanikiif Wiltishaayer keessatti kaleessa gaggeeffame irratti gurgurame.
Namni caal-baasiichaa qophheesse Andiriiw Aldireed ''Joon Harper namoota jagna ykn goota doonii sana irra turan keessaa tokko'' jedhe.
Joon Harper xalayaa jireenya isaa keessatti ishee xumuraati jedhamte kana hiriyaa isaa Macaafa Qulqulluu barsiisu tokkoof kan barreesse.
Xalayichi Ayerlaandi bakka Quwiinsitaawon jedhamu iddoo dooniinTaayitaanik isa dhumaaf dhaabbatee booda Atilaantik qaxxaamuruuf qajeeltetti maxxanfameera.
Paasteriin ganna 39 Harper intala isaa Aanee Issee fi obboleettii isaa Issee W. Leech waliin barumsa amantaa kennuuf gara Chikaagootti imalaa ture.

Madda suuraa, Henry Aldridge and Sons auctioneers
Joon intala isaa fi obboleettii isaa waliin bidiruu lubbuu baraartu keessa taa'uu diduun imaltoota doonii garba Atilaantik keessatti dhidhamaa jirtu irra jiraniif akka jajjabaatan dhaamaa ture.
Booda jaakkeettii isaa lubbuu baraaruuf gargaartu nama tokkoof kennuun namichi lubbuun oole. Namni jakkeettii Joon Harperiin lubbuun isaa du'a oolte, Joon hanga daqiiqaa xumuraa doonittiin dhidhimtuutti macaafa Qulqulluu barsiisaa ture jechuun erga achii bahee dubbate.
Xalayichi waa'ee jireenya doonittii keessa turee ibsuun wayillanii fi hiriyoota gaarummaa itti agarsiisaa turaniif galata dhiyeessa.

Madda suuraa, Henry Aldridge and Sons auctioneers
Intalli isaa namoota Iskootilaandi balaa Taayitaanik irraa oolan keessaa ishee umurii dheeraa jiraattedha.
Bara 1986tti ture kan boqatte. haalli xalayichi itti barraa'e ajaa'ibsisadha. Nama dhuunfaa tokkotu waggota 25 tahaniif of harka tursiisee amma dhaloota itti aanuuf dabarsuuf murteesse.
Xalayichi akkas jedha. '' Haa gahu obboleessakoo quxisuu. Ergaa kana osoo gara Quwinsitaawonitti hin ka'iin dura akkan si hin daganneefi gaarummaa naaf goote hundaaf si galateeffachuuf siif barreesse.
Aadde Piraatiti gatii baaburaa kennee erguufan ture. Garuu ariifachaa waanan tureef, xumura torban kanaattis tajaajila 11 hanga 12 waan qabuuf osoo hin qaqqabiinan hafe.
Chikaagoo irraan siif erga. Yeroo darbe Waalworzitti yeroo eebbaa gaarii dabarsine. Gaarummaa nuuf gootan hundaaf Adaadoo Meerii fi siin maal jedhee akkan galateeffadhu hin beeku. Gooftaan hunda isaa isiniif kaffala.
Haalotni hundinuu haala gaariin deemaa jiru. Asiis loltootni ana wajjin waan jiraniif imala gaarii irra jirra.
Jaalala ho'aadhaan! Jaalatamaakee Paaster Joon Harper.''












