Ispeen doonii godaantotaa sakaalamte simatte

Danaa bakka dooniin godaantota feetee turte itti qabamte mul'isu
Ibsa waa'ee suuraa, Danaa bakka dooniin godaantota feetee turte itti qabamte mul'isu

Ministirri Muummee Ispeen Pedro Sánchez doonii godaantotaa kan galaana Mediteraaniyaaniitti sakaalamteef iddoo buufataa eyyamuun dararaa godaantota irra ga'aa jiru akka hambisan beeksisan.

Ministirri muummee Ispeen doonii namoonni 629 irra jiran simachuuf kan murteessan, erga Xaaliyaanii fi Maaltaan doonii godaantotaa simachuu didaniiti.

Dhaabbati Baqattootaa Addunyaa fi Gamtaan Awurooppaa wolmorkiin biyyoota lameen gidduutti uumamee ture akka hatattamaan akka dhaabatu gaafatniiru.

Torban tokko dura kan aangoo qabatan Ministirri muummee Pedro Sánchez doonittiin buufata Vaalenshiyaa akka buufattu himan.

''Gidiraa lammiileerra ga'u hambisuun hojii keenya ta'uu qaba. Bakka nagaa qabu namoota kanaaf mijeessuu qabna. Mirga lammiilee eeguuf dirqama nurra jiru ba'uuf hojii akkanaatu nurraa eegma'' jedhan Ministirri Muummee Pedro Sánchez.

Manni Maree biyyoota Awurooppaa hojiin Ispeen jajjabeessaadha jedhe, Komishinarri Mirga Namaa Dunja Mijatovic, toora tuwiitaraa irratti,''Naannoo galaanaa irratti lubbuu badaa jiru baraarruun dirqama biiyyoota hundaati'' jedhan.

Ministirri Muummee Maaltaa Jooseef Muskaat tuwiitara isaaniirratti hojii Ispeen hojjette galateeffatte, kan godaantota sakaale Xaaliyaanii ta'uus eeran.

Maaltaan gamasheetiin hojii Speen deggeruuf qophii ta'uus beeksisan,''Gadi teenyee akkaataa wanti kun deebi'uu hin dandeenye irratti mari;achuu qabna. Kun dhimma Awurooppaa hundaati'' jedhan.

Murteen Speen doonii godaantotaa simachuuf murteessite Ministira Dhmma Biyya keessaa Xaaliyaanii Matteo Salvini biratti fudhatama guddaa argateera, kun seera godaansaa jabaa mootummaa Xaaliyaaniirratti mo'icha argameedha jedhan ministirri kun.