Deenmaark sababa koronaavaayirasii bineensota xixiqqoo miiliyoona 17 ajjeesuuf

Madda suuraa, Reuters
Mootummaan Deenmaark sodaa tatamsa'ina koronaavaayirasii irraa kan ka'e bineensota xixiqqoo Miink jedhaman miiliyoona 17 ta'an ajjeesuuf akka jiru ibseera.
Deenmaark bineensota miiliyoonaan lakkaa'aman irratti tarkaanfii fudhachuuf kan murteesite, vaayirasichi bineensotarraa gara dhala namaatti kan tatamsa'u yoo ta'e talaallii dandamachuu danda'a yaaddoo jedhuuni.
Bineensonni 'Miink' jedhaman koronaavaayirasii gara dhala namaatti dabarsuu danda'u shakkii jedhuuni, kan mootummaan Deenmaark bineensota dila kana ajjeesuuf murteesse.
Biyyattii dabbasaa bineensota kunneenii oomishuun gara Chaayinaa fi Hong Koongitti ergiti, dabbasaan bineensa 'Miink' madda galii biyyattii isa guddaadha.

Madda suuraa, AFP
Erga bineensoti kunneen hedduunsaanii koronaavaayirasiin qabamanii boodadha kan biyyattiin ajjeesuuf murteessite.
Biyyoonni akka Nezarlaands fi Ispeenis bineenosta kenneen irratti vaayirasicha arguu mirkaneessaniiru.
Haata'u malee hedduunsaanii kan dhukkubsatan Deenmaark keessatti waan ta'eef biyyattiin tarkaanfii kana murteessite.
Hanga ammaatti namoonni 12 vaayirasicha bineensota kunneen irraa argataniiru.
Ministirri Muumme Deenmaark Fireediriksan, haalli jiru baay'ee yaaddessaadha jedhan.
Ajjeechaa jumlaa bineensota kunneen irratti raawwachuuf poolisoonnii fi loltoonni biyyattii ramadamaniiru.
Akka ministirri muummee kun jedhanitti vaayirasiin bineensonni kunneen baatan, talaallii biyyattiin yeroo ammaa hojjetaa jirtu kan dandamatuudha.

Madda suuraa, AFP
Deenmaark keessatti hanga ammaatti namoonni kuma 52 koronaavaayirasiin qabamaniiru, kanneen keessaa 733 du'aniiru.
Waggaa waggaan gosti bineensotaa 'Miink' miiliyoona 50 ta'an biyyoota akka Chaayinaa, Deenmaark, Nezarlaands fi Poolaandi keessatti sabab dabbasaa isaaniif jecha ni horsiifamu.
Vaayirasichi bineensota kunneen irraa gara namaatti darbuunsaa erga mirkanaa'ee as biyyoonni hedduun bineensota kunneen ajjeesuutti jiru.
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa bineensota kunneen dhabamsiisuu keessatti Deenmaark waliin hojjechaa jira.
Adoolessa darbe Ispeen keessatti bineensonni 'Miink' kuma 100 ta'an sodaa koronaavaayirasiif jecha ajjeefamaniiru.













