Koroonaavaayiras: Bineensonni dawoo keessaa daawwattoonni dhabamnaan ‘kophummaan itti dhagahamaa jira'

Madda suuraa, Getty Images
Dawoon bineensotaa 'zoo' addunyaarra jiran garagaraa bineensonni isaan jala jiran, namoonni dhufanii daawwatan sila hin jirreef 'kophummaan itti dhagahamaa' jira jechaa jiru.
Dawooleen bineensotaa hedduun sababa weerara Covid-19f jecha hawaasaaf cufaa tahaniiru.
Hojjettoonni paarkii 'Phoenix Zoo'tti arbaafi gosa qamalee oraangutaan jedhaman waliin taa'anii laaqana nyaatu. Simbirri tokko ammo amma ammatti namni dhufee akka daawwatu barbaaddi jedhan.
Qamalee fi jaldeessi daawwattoota dhabaman barbaacha bahaniiru.
Dublin Zoo ammoo bineensonni dawoo keessa jiran 'maaltu dhalatee namni nu biraa hafe jechuun yaadaa jiru,'' jedha.
Daarektarri dawoo kanaa Leo Oosterweghel akka jedhutti bineensonni dhufanii dinqisifamuun isa ilaalu.
"Dhufaniitu, sirriitti na ilaalu. Daawwattoonni dhufanii isaan ilaaluutti baraniiru," jechuun Irish Times'tti hime.
Niiw Ziilanditti kan argamu raasaa bineensotaa Oraanaatti, warseessi fi sattawwaan yeroo namoonni dhufanii daawwatanitti amaleeffachuun, iddichatti argamaa jiru.
Gosti simbiraa 'kea' jedhamtuufi goorillaawwan nama baran yaadaniiru, namoota ilaaluu jaalatu.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras

Phoenix Zoo bineensota isaanii irratti jijjiirama amalaa argineerra jedhan.
Dubbi himtuun paarkichaa Lindaa Haardwiik BBCtti akka himteetti: "Bineensonni hawaasa waliin walitti dhiyeenya qaban, ajaja mana keessa turuufi walirraa hiiquutti hin gammadne. Keessattuu gosoonni qamalee keessummoonni keenya dhufaa akka hinjirre baruun, barbaacha bahaniiru. "
Daawwattoota hin jiran taanaan, bineensonni tokko tokko, kaka'umsa dhabu jedha ogeessi amala bineensotaa Paul Rose.
"Bineensonni akka qamalootaafi shimbirroon paarotii daawwattoota waliin walitti dhufuun yookaan tattaphachuun of jajjabeessu. Kunis fayyummaa fi jireenya bineensotaaf daran barbaachisa. Kaka'umsi sun hin jiru taanaan, bineensonnis jajjabina dhabu, " jedha.
Bineensonni akkasii yeroosaanii si'oominaan akka dabarsaniif, akkuma yeroo kaanii manasaanii keessaa akka bahan godhamuu qaba jedha.
Hojjettoonni dawoo bineensotaa Phoenix Zoo, haga danda'anitti bineensota dahicha keessa jiran waliin yeroo dabarsaa jiru jedhameera.
Kaan ammoo 'nama irraanfachaa jiru'
Gama kaaniin ammoo, bineensonni muraasni daawwattoota dhabuusaaniitiin 'namoota irraanfachaa jiru' jedhame.
Turtiin bineensota bishaan keessaa Jaappaan keessa jiru tokko, gosti 'eel' jedhamu nama akka hin daganneef jecha, namoonni viidiyoon akka dudubbisan gaafateera.
Bineensonni kun wayita hojjettoonnillee gara isaaniitti siqan dhokachaa jiru jedhame.
Murtiin walirraa hiiquu hawaasaa waan jiruuf, giddugaloonni akkasii yoom deebiyanii akka banaman wanti ifa tahe hinjiru.
Jarmaniitti dawoon bineensotaa banamaniiru - biyyoota kaanitti garuu ammallee turuu danda'a.
















