Koroonaavaayiras: Dhukkuboonni bineensotarraa namatti dabran dabaluun yaaddoo uumee

Simbira halkaniirraa samuuda yogguu fudhatan

Madda suuraa, Reuters

Dhukkuboonni 'Zoonotic' jedhaman, kan bineensotarraa namootatti dabran dabalaa jiraachuufi hojiilee kunuunsa bineensotaafi kunuunsa naannoo alatti dabalaa akka itti fufan, ogeeyyiin dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) akeekkachiisan.

Akka ogeeyyiin kun jedhan, dabaluun dhukkuboota kanneen akka Covid-19 maddi isaanii; fedhiin pirootinii bineensotarraa argamu dabaluu, maloota qonnaa waarawaa hin taaneefi jijjiirama qilleensaati jedhu.

Dhukkubonni gosa akkasii dagataman, waggaatti namoota miiliyoona lama ajjeessuu jedhan.

Koroonaavaayiras diingadee addunyaarra, waggaa lama keessatti miidhaa doolaraa tiriliyoona 9 tilmaamamu geessisa.

Iboolaa, Vaayirasii West Naayil fi Sars dhukkuboota 'zoonotic' jedhama keessaati: isaanis bineensotarra jalqaba mul'achuun, namootatti dabru.

Gabaasni kun maal jedha?

Daddarbuun dhukkuboota kanaa battaluma waan tahu miti. Akka gabaasa UNEP fi ILRIn qindaa'inaan baasanitti , sababni ijoo kanaa manca'insa qabeenya uumamaati jedhu.

Fakkeenyaaf dhiqama biyyoo, fayyadama bineensotaa, qabeenya albuudaa baasuufi jijjiirama qilleensaati jedha - kunis walitti hidhaminsa ilma namaafi bineensota daran geeddara.

Biraazilitti erga hidhaan jigee booda, Amajjii 2019

Madda suuraa, AFP

''Jaarraa dabarsine keessatti yoo xiqqaate weerara gosa koroonaavaayirasii novel tahan jaha argineerra,'' jedhan daarektarri olaanaa Sagantaa Naannoo UN ka tahan Inger Andersan.

''Waggoota kurnan lamaan dabran, Covid-19 mudachuun dura, dhukkuboonni bineensotarraa namatti dabran miidhaa diingadee doolaara biiliyoona 100 geessisaniiru.''

Namoonni biyyoota galii gadaanaafi giddugaleessa qaban irraa miiliyoona lama sababuma dhukkuboota dagatamoo kanaan lubbuu dhabu jedhan - isaanis antiraaks, bovaayin tiyubarkiloosis fi dhukkuba saree maraattee.

''Kan lubbuu dhabanis hawaasa rakkoo misoomaa walxaxaa qaban, jireenyisaanii beeyladootarra hundaa'eefi bineensotatti siqanii jiraatanidha.''

Akka aadde Andersan jedhanitti, waggoota 50 dabran keessatti oomishni foonii dachaa 260n ol guddateera.

''Qonnaafi bu'uuraalee misoomaas babal'isneerra. Akkasumas qabeenya uumamaa baasuunis iddoo bineensotaa jalaa saamneerra,'' jechuun ibsu.

''Hidhaawwan, jallisiifi warshaaleen qonnaa, dhukkuboota dhala namaa harka 25f sababadha.

Imalli, geejjibniifi daddabarsi nyaataa daangaafi fageenya dhabamsiisaniiru. Jijjiiramni qilleensaa ammoo faca'uu dhukkuboota kanaaf sababa biraati.''

''Saayinsion waan jiru ifatti lafa kaa'eera. Yoo bineensota garmalee fayyadamuu itti fufneefi qabeenya uumamaa mancaasuu yoo itti fufne, dhukkuboonni walirraa hin cinne bineensotarraa namatti daddarbuu itti fufu.

''Weerara fuuladuraa hambisuuf, naannoo keenya kunuunsuurratti cichinee hojjechuu qabna,'' jedhan Aadde Andersan.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa