Nageellee Arsiitti adurreen yaala baqaqsanii wal'aanuun dhalte

Adurree bashoo ishee hoosisaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

"Adurittin dhaluu dadhabdee guyyaa lamaaf cinqamaa turte. Sana booda mucayyoon takka gara ogeeyyii fiddee dhufte" jedhan hogganaan waajjira misooma qabeenya beelladaa fi qurxummii aanaa Nageellee Arsii Dr Huseen Baalchaa.

Taateen kun godina Arsii Lixaa aanaa Nageellee Arsiitti Kibxata dheengaddaa raawwatame.

Adurree ciniinsun rakkataa turteef ogeeyyin fayyaa beeyladaa sadii yaalii baqaqsanii wal'aanuu akka hojjetan kan himan dooktar Huseen adurittiin yeroon itti dhaluu qabdu osoo hin gahin ciniinsun qabamuushee himan.

Yaalii taasifameen ilmooleen/bashoo sadi kan dhalatan yemmuu ta'u isaan keessaa tokko battalumatti duute. Ilmoolen lama immoo haala fayyaa gaarirra akka jiran himameera.

Dhimmi adurree tanaa guyyaa tokkotti hin dhumne. "Ilmoon afraffaa garaa haadhaa keessatti dhokatee ture" kan jedhan Dooktar Huseen adurittin yaali lammataaf kaleessa gara buufata fayyaa beeyladootaatti geeffamuushee BBC'tti himan.

Wal'aansa kaleessa taasifameenis bashoon tokko dhalachuufi lubbuun garuu akka hin hafne dubbatan.

Haala adurrittin fi ilmooleenshee itti jiran yeroo himan "Adurrittiin nagaa dha. Qaamni ishees nagaadha.

Kaleessas ilaalaa turre. Baay'ee fooyyofteerti. Ilmoolen lamaan hafanis harma ni hodhu" jedhan Dr Huseen.

"Namni waa lama irraa barata…"

Wal'aansi kun isaaniif kan jalqabaa ta'uusaa BBCti kan himan hogganaan waajjira misooma qabeenya beelladaa fi qurxummii aanaa Nageellee Arsii Dr Huseen Baalchaa "waan kanarraa namni waan lama barata" jedhan.

"Tokkoffaa beelladootni kun cubbuu hin qaban. Namas ni tajaajilu. Adurreen immoo faayidaa heddu qabdi. Bineensota jaalala namaa barbaadaniidha" jechuun bineeldota kunneen kunuunsun akka barbaachisu dubbatan.

Inni kan biraan bineeldotaaf yaaduu fi dhukkuba isaanii irraa bayyanachiisun akka barbaachisu fi akka hin duune gochuun gochaa dhala namaa irraa eeggamu ta'uu himan.