Koroonaavaayiras: Ispeen sodaa Covid-19f bineensota 'mink' jedhaman 100,000tti siqan ajjeesuuf

Minks peer out of their cages at a pelt farm near Minsk

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Minkootni rifeensasaaniif jecha qonna keessa horsiifamu

Anga'onni fayyaa Kaaba-Baha Ispeenitti argaman gosoota bineensotaa 'mink' jedhaman 100,000 tahan sodaa koroonaavaayirasiif ajjeesuuf ajaja dabarsan.

Bineeyyiin osolee fafakkaataniifi gosa bineensaa hamaa jedhamuun walitti dhiyaatan hedduusaaniirra, qorannoo godhameen vaayirasichi irratti argameera.

Bineeyyiin xixiqqoo 'mink' jedhaman kanneen qonnaan bultoonni rifeensasaaniif jecha horsiisu, uffanni irraa midhaaffamuus gatii qaalii baasa.

Tatamsa'inni kutaa biyyaa Araagon jedhamutti argame kun kan barame, erga haati warraa hojjetaa qonnaa tokkoo ji'a Caamsaa keessa vaayirasichi irratti argame boodadha.

Ergasiis abbaan warraasheefi hojjettoonni qonnaa jaha biroo vaayirasichi irratti argame.

Erga hojjettoonni qabamuun mirkanaa'ee booda, bineensota kana adda baasuun, hordofaa turan. Qorannoo gaafa Waxabajjii 13 taasifameen, minkootni %87 tahan koroonaavaayirasiin qabamaniiru.

Kanaanis qondaaltonni fayyaa naannichaa minkootni 92,000 tahan akka ajjeefaman ajaja dabarsaniiru.

Angawoonni kun dabalanii, dhaabbata qonnaa kanaaf kasaaraa bineensota kana dhabuun irra gahuuf, beenyaan ni kanfalamaaf jedhaniiru.

Ministirri qonnaa Araagoon, Joaquin Olona waan gaazexeessitootatti himan, ''Sababni ajaja ajjeechaa kana dabarsineef, vaayirasichi gara namootaatti akka hin dabarre ittisuufi.''

''Haa tahu malee bineensotarraa gara namaatti daddarbuufi dhiisuun haga ammaa if miti,'' jechuun cimsanii dubbatan.

Yaadni amma jiru tokko, hojjettoota qonaa keessaa namni qabame, gara bineensota kanaatti hin oolu jedha. Gama biraan ammoo yaadni hin mirkanoofne, bineensota kanniinirraa gara namootatti cehe ka jedhudha jedhan angawaan kun.

Waa'ee bineensotarraa namatti daddarbuu hangam beekna?

Qorannoowwan akka agarsiisanitti vaayirasiin haarayaan kun bineensotarraa bineensotatti daddarba - adurree fi saroota irratti.

Waa'ee bineensotarraa namatti daddarbuu garuu haga yoonaa wanti beekamu hinjiru, saayintistoonni ammallee qorachaa jiru.

Denmaarkiifi Nezerlaandisittis hojjettoonni qonna minkoonni jiran keessa hojjetan vaayirasichaan amma dura qabamaniiru.

Nezerlaandisitti erga weerarichi qonna garagaraa keessatti mul'atee booda, minkoonni kumaatamatti lakka'aman qalamaniiru.

Employees clear culled mink at a farm infected with the novel coronavirus in the Netherlands

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nezerlaandisitti minkoonni kumaatamatti lakka'aman qalamaniiru.

Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhetti taateen ammaa kun tarii ''taatee isa jalqabaa bineensotarraa namatti daddarbe tahuu danda'a.''

''Jalqabarra namoonni bineeyyii kana faalan (qabsiisan), boodarra moo minkoota kanarraa namoonni kaan qabaman,'' jedhan qondaalli WHO Maria van Kerkhove.

''Kun maal akka tahe baruuf ammallee qorannoorra jirra. Daddabarsuu keessatti fi gahee bineensonni kun qaban.''

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa