'Hanga pirezedaantiin biyyattii dhiifama gaafatanitti omisha Firaans hin bitnu'

Tarkii kaasee hanga Baangilaadishitti, Jordaanii kaasee hanga Maleezyiyaatti akka dhorkamaniif duulli gaggeeffamaa jira. BBCn lammileen biyyoota sadii omisha Firaans bitchaa dhaabuuf murteessan dubbiseera.

Dukkaanonni ykn manneen kuusaa meeshaalee tokko tokko omisha Firaans girgijjii isaaniirraa buusaniiru.

Duulli hashtag fayyadamuun karaa miidiyaalee hawaasummaa gaggeeffamaa jiru 100,000 ol ilaalameera.

Duulli kun kan jalqabame haasaa pirezedaantiin Firaans Imaanu'eel Maakiroon taasisan hordofeeti.

Barsiisaan Seenaa tokko osoo waa'ee bilisaan yaada ofii ibsachuu barsiisuu kaartunii Nabiyyuu Mohaammad agarsiisuu isaatiif ajjeefamuu hordofee biyya keessaafi biyyaa alaarraa rakkoon Firaansiin mudateera.

Keessumaa haasaa Pirezedaant Imaanu'el Maakiroon taasisan dheekamsa jabduu kaaseera.

"Kan ajjeefame [barsiisichi] Isilaamistoota egeree keenya fudhachuu barbaadan. Kaartunii hojjechuurraa duubatti nu hin deebisu," jedhan Pirezedaant Maakiroon.

Bara 2006 barruu cigoo Chaarlii Hebdoo jedhamu tokko fakkii Nabiyyuu Mohaammad maxxansuun isaa ni yaadatama. Kunis Musliimota guutummaa addunyaarra jiran dheekkamsiisee ture.

Gareen Pirezedaant Maakiroon ilaalcha amantiirraa bilisa ta'eefi walabummaa yaada ofii ibsachuu deeggaruun isaanii sirriidha jedhanis ni jiru.

Torban darbe Firaans magaalaa Niis keessatti Waldaa Kiristaanaa keetti namoonni sadii ajjeefamuu hordofee, Pirezedaant Maakiroon "Haleellaa shorokkeessummaa Islaamummaati," jedhan.

Haasaan isaanii kun biyyoota Musliimaa hedduu dheekkamsiiseera.

Baangilaadhish keessatti namoonni kuma 10 ol ta'an hiriira bahuun omishni Firaans akka dhorkamu gaafataniiru.

BBCn biyyoota sadii keessaa namoota omishi Firaans bitchuu lagachuuf murteessan dubbiseera.

Taatoo fiilmii Paakistaan-Mishii Kahaan

Dibataafi faaya miidhaginaa Firaansin fayyadama ture. Keessumaa ammoo Looreel Paakistaan keessatti salphaatti argama.

Amma garuu nyaataafi meeshaan biraas kan Firaansitti omishame akka hin taane ilaaleen mirkaneeffadheen bitadha. Omishaaleen Firaans kan Paakistaaniin bakka buusaan jira.

Sababiin isaa ammoo Pirezedaantiin biyyattii guutummaa hawaasa Muslimaa salphisaniiru.

Miidiyaalee hawaasummaa irratti namni kamiyyu akka omishaaleen Firans hin bitanneef hubachiisaan jira. Amantiikoof falmachaa waanan jiruuf sammuunkoo qulqulluudha.

Kanaan booda namoonni amantii keenyaafi Nabiyyii keenyatti akka qoosaniif hayyamuu hin qabnu. Nu gahe. Namoota hanga ammaatti amanitichatti qoosaa turaniif dhiifama gooneerra. Kanaan booda garuu tarkaanfii fudhanna.

Maakiroon ta'e jedhanii nu miidhuuf kan barbaadan akka ta'e natti dhaga'ama. Nama qonxixanii/sunxuuxanii "si dhukkubee" jedhanii akka gaafachuuti.

Jibbinsa facaasaa jiru. Namoota tutuqaa, qoqqoodaa jiru. Haasaan isaanii gocha jibbinsa Musliimaati.

Lammileen biyya isaanii tokko gochuufi walqixa ilaaluuti isaanirraa eegama.

Yeroon jalqaba barruu Chaarlii Hebdoo ilaalu waanan dubbadhutu na jalaa bade. Yeroo dheeraatiif ilaaluu dhiisuuf yaaleera. Yeroon ilaale garuu nan rifadhe. Nan boo'e. Yo uumaakoo maaliifan kana ilaaleen jedhe.

Barattuu Tarkii Laatiif Ozdimiir

Omishaaleen akka Laankom jedhamanii guyyaa guyyaan nan fayyadaman ture. Kanaan booda garuu hin bitadhu.

Sababiin kanaan booda omishaalee Firaans hin bitanneef akkan obsa hin qabne agarsiisuudhaaf. Adeemsa jibbinsa Musliimaa Firaansirratti qabsaa'uun barbaada.

Nuti Musliimonni sagalee keenya dhageessifachuu qabna. Barootaaf ukkaamamneerra. Amma kan nuti gochuu dandenyu omishoota bituu dhiisuudha.

Chaarlii Hebdoo waan fokkuu maxxanseera.

Fuula isaa jalqabaa irratti, Pirezedaant Resiip Taayib Erdogaan kanateeraa surree jalaa hin qabne uffatanii biiraa osoo dhuganiifi dubartii hijaaba uffatterraa qoloo/uffata soqolanii agarsiisa.

Akka dubaetii hijaaba uffattu tokkootti kun dubartoota Musliimaa kan mufachiisudha.

Dubartoonni Muslimaa akka kootii amantichi akka gaariin ilaalamuufi hawaasa biratti walqixa ta'ee ilalamuuf nan qabsaa'a.

Kaartuniin kun garuu qabsoo keenya gatii dhowwata. Awurooppaa keessatti dubartoonni Musliimaa dubartoota kaan waliin yoomiyyu walqixa akka hin ilaalamne agarsiisa.

Kaartuniis ta'e cigoo uumamuu kan qabu ilaalcha bilchaataafi falmiifidhaaf. Awurooppaatti garuu faallaa kanaa Musliimota ittiin looguuf itti gargaaramu.

Irra deddeebiin kaartunoota akkasii kaasuun ibidda irratti beenzila dabaluudha. Kana barbaadnaa? Maqaa bilisummaa yaadaatiin addunyaa keessatti walii walii keenya arrabsinuufi wal jibbinu barbaadnaa?

Barattuu Mooriishes-Hayimaa Mohaammad Moosaa

Gocha Firaans mormuudhaaf hiriira waamame irratti maatiikoofi hiriyyootakoo waliin hirmaadheera.

Dinagdeen Firaansi kufee Maakiroon haasaa jibbinsaa Musliimota Biliyoona lama mufachiisan dhiifama yoo hin gaafanne omishaaleen Firaans walumaagalatti hin bitannu.

Bakka omishaalee Firaansi kan Tarkii fayyadamna. Urgooftuuwwan Firaans akka Laakosteen fayydaman ture. Yoo fixadhe ammoo kanaan booda hin fayyadamu.

Maakiroon akka dhiifma gaafatuuf xalayaa arreesseeraaf. Pirezedaantichi barsiisaan Seeraa sun kabajatu malaaf jedhaniiru. Nabiyyii keenyaaf ammoo kabajni hin barbaachisuu?

aasaa jibbinsa Musliimaaf qaban kanaan amanticha boodatti hafummaa waliin walitti fiduun isaanii hedduu nu dheekamsiiseera. Haasaa jallaa akkasii kanaaf obsa hin qabnu.

Gaggeessaan Firaansi fakkii hawaasa tokko mufachiisu ibsituu walabummaa yaada ofiidha jechuun isaanii amaniticha tuquudha.

Dorgommii siyaasaa keessatti qabxii lakkoofsifachuu yaalan.

Kaartuniin Nabiyyuu Mohaammad barruu Chaarlii Hebdoo irratti yeroo jalqabaatiif yeroo maxxanfamu ijoolleen ture. Haleellaa waajira barruu kanaarratti raawwwatames nan yaadadha.

Hanga har'aatti kaartunicha ilaaluu dhiisuuf yaalaan ture. Yeroo darbe garuu Tiwiitara irratti bahee ilaaleera. Akkan salphadheetti natti dhagahame. Islaamummaan akkuma Kiristaanummaafi amantii Ayihudootaatti maaliif hin kabajamne?