Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barruu Chaarli Hebdoo: Kaartuniin Erdohaan Faransaayitti maxxanfame Turkii mufachiise
Turkiin kaartunii Pirezidantii biyyattii Rejeb Xaayib Erdohaan barruu Faransaay Chaarli Hebdoorra baheen tarkaanfii ''seeraafi dippilomaatikii'' akka fudhattu beeksiste.
Kaartuniin pirezidantichaa bahe yeroo Erdohaan dubartiirraa qoloo yoo irraa fuudhan agarsiisa.
Miidiyaan mootummaa biyyattii akka gabaasetti abbootiin alangee barruu Faransaay irratti qorannoo eegalaniiru.
Erga Pirezidantiin Faransaay Imaanuel Maakron finxaalessummaa Islaamummaa irratti tarkaanfii cimaa akka fudhatan beeksisan booda biyyoota lamaan gidduu muddamni dhalateera.
Erdohaan lammiilee biyya isaaniitin oomishoota Faransaay akka lagatan ergaa dabarsanii turan. Dabalataan, pirezidantiin Faransaayif ''qorannoo sammuu'' taasisuu qabu jedhan.
Erga barsiisaan Faransaay kaartunii Nabiyyuu Mohaammad agarsiiseefi qalamuun ajjeefame booda Maakroon amantiifi mootummaa adda baasuurratti cimsanii akka hojjetan ibsaniiru.
Ilaalchi amantiifi mootummaa agargari dda jedhu bu'uura eeyyummaa Faransaayidha. Hawaasa tokko eeguuf jecha mirga of ibsuu ugguruun tokkummaa miidha jedha mootummaan biyyattii.
Kaartuniin Erdohaan bulchiinsa mootummaa Turkii keessa mufii uumeera.
Daarektarri kominikeeshinii Pirezidantichaa Fahretin Altuun :'' Chaarli Hebdoon kaartunii qaanessaa pirezidantii keenya fakkaatu maxxanseera.
''Maxxansa sanyummaa aadaafi jibba facaasuuf maxxanfame kana balaaleeffanna,'' jedhan.
Pirezidantiin Itti - aanaa Fuwaat Oktay gama isaaniin balaaleeffatanii hawaasi idil - addunyaa ''hojii qaanessaa'' jedhan kana akka balaaleeffatu waamicha taasisan.
''Mirga walabummaa yaadaa jala dhokachuun eenyunu gowwomsuu hin dandeessu,'' jechuun tiwiitara gubbaa barreessan.
Maxxansa Chaarli Hebdoof akka deebiitti barruun mootummaa Turkiitti hidhata qabu, Misvaak, Imaanu'el Maakroniifi Chaarli Hebdoo qeequun kaartunii hedduu maxxanse.
Barruun Chaarli Hebdoo dubbii falmisiisaa yoo kaasu kan duraa miti.
Bara 2015, waajjira barruu kanaa magaalaa Paaris jirutti namoonni 12 ajjeefamaniiru. Finxaalessitoonni Islaamummaa kan irratti xiyyeeffatan erga kaartunii Nabiyyuu Mohaammad maxxansee boodadha.
Waggaadhuma sana sababa kaartunii namoonni balaa xiyyaaraa Sinaayin ajjeefaman ibseef Raashiyaan barruu kana qeqxeetti. Balaa namoota 224 galaafate keessaa garri caalu lammiilee Raashiyaa turan.
Bara 2016, kaartuniin dhoohinsa volkaanoo Xaaliyaaniin dhumanii ibsuuf dalagees akkasuma mufii uumee ture.