Barsiisaan Faransaay haala suukaneessaan ajjeefamu dura ‘doorsisi irra gahaa ture’

Barsiisaan biyya Faransaayitti daandiirraa haala suukaneessaan mormi qalamee ajjeefamuun dura doorsisi irra gahaa turuu miidiyaaleen biyyattii gabaasan.

Nami ajjeefame barsiisaa seenaafi hawaasaa, ganna 47, Saamu'el Paati jedhamudha.

Ajjeechaa kanaan walqabatee hanga yoonaa namoonni sagal maatii barataa tokkoo dabalatee to'annoo jala oolu maddeen himaniiru.

Dargaggoon umrii 18'tti tilmaamamu gaafa Jimaataa ture haaduu qabatee barsiisaa seenaa qale kan jedhame. Boodarra poolisootaan ajjeefame.

Pirezidantiin Faransaay Imaanu’el Maakron barsiisaa Kaaba - Lixa biyyattiitti haala sukaneessaan ajjeefame ‘‘haleellaa shororkeessummaa Islaamummaadha’’ jechuun ibsaniiru.

Namni miidhaan irra gahe kaartunii Nabiyyuu Mohaammad barattoota isaatti agarsiisuun isaa himameera.

Maakroon namni ajjeefame ‘’sababa mirga yaada ofii ibsachuu barsiiseefi’’ jedhaniiru.

Bakka ajjeechaan raawwate kan dhaqan Maakron ‘’Hin injifatani. Tarkaanfii fudhanna,’’ jedhaniiru.

Haleellaan kuni kaleessa, Jimaata, waaree booda naannoo sa’aatii 12 mana barumsaa biratti kan dhaqqabe yoo ta’u qoratamaa jira.

Namichi haleellaa raawwateefi haaduu qabatee ture yeroo poolisiin isa hidhuuf yaaletti itti dhukaafame ajjeefame. Poolisiin waa’ee nama kanaa ammatti waan ibse hin qabu.

Haleellaan barruu Chaarli Hebdo bara 2015 dhaqqabeen walqabatee kanneen shakkaman dhimmi isaanii mana murtiitti ilaalamaa jira.

Barruun kuni kaartunii Nabiyyuu Mohaammad maxxansuun haleellaan irratti dhaqqabe.

Torban sadii dura namni tokko waajjira duraanii barruu kanarratti namoota lama midhuun madesseera.

Kaleessa maaltu ta’e?

Namni haaduu guddaa qabatee daandii magaalaa Conflans-Sainte-Honorine, irratti barsiisaa tokkorratti haleellaa gaggeessee morma irraa kute.

Poolisiin akka jedhetti namni ijaan arge namichi haleellaa raawwate ‘’Allaahu Akbar’’ yookiin ‘’Waaqni Guddaadha’’ hiika jedhu qabu yoo iyyee dubbatu dhagahuu, Rooyitars gabaaseera.

Ergasii booda namni haleellaa raawwate fiigus poolisiin idilee naannicha jiru ummatni akka of eeggatu ergaa dabarse.

Egasii poolisoonni nama haleellaa raawwate aanaa dhihoo jirtu ‘Eragny’ jedhamutti argan.

Yeroo ammaa bakki haleellaan itti raawwate cufamee qorannoon gaggeeffamaa jira.

Sambata ganama namoonni afur hidhamu maddeen AFP’tti himaniiru. Kanneen hidhaman kanneen nama haleellaa raawwatetti dhiheenya qaban ta’u maddi kuni ibsaniiru.

Poolisiin ergaa tiwiitara gubbaa dabarseen ummati bakka haleellaan raawwate akka hin deemne hubachiiseera.

Miidiyaan Faransaay BFMTV jedhamu akka gabaasetti namni haleellaa raawwachuun shakkame dargaggoo umrii 18 Moskootti dhalatedha.

Namni ajjeefame eenyu?

Akka gaazexaan Le Monde gabaasetti, namni badiin irratti raawwate barsiisaa seenaafi hawaasaati.

Daree keessatti waa’ee kaartunii Nabiyyuu Mohaammad walqabsiisuun mirgi yaada ofii walabaan ibsuu dubbata ture.

Dhimmi kuni garuu yeroo barruun Chaarli Hebdoo maxxanse hordoftoota amantaa musliimaa muraasa dallansiiseera.

Akka himametti taanaan barsiisaan kuni barattoonni amantaa Islaamaa hordofaniifi fakkeenya barsiisaan fudhate kuni yoo isaan aarsa ta’e daree gadhiisanii bahu akka danda’an himeera.

Akka miidiyaaleen Faransaay gabaasanitti jalqaba ji’a kana maatiin barattootaa muraasa barsiisaan ajjeefame kuni dhimma manni murtii waa’ee haleellaa Chaarli Hebdoo ilaalaa jiruf kaartunii daree keessa fayyadamuu isaan komii dhiheessanii turan.

Haleellaa Jimaataa booda barruun Chaarli Hebdoo ‘’wal danda’uu dhabuun sadarkaa haaraarra gahe, biyya keenyarratti shororkaa uumuuf waan dhaabatu hin fakkaatu’’ jechuun barreesse.

Gaazexessaan BBC Hiyu Sikofild Paarisirraa akka gabaasetti yaadi ajjeechaa kanaa ragaa dabalataan yoo mirkanaa’e, Faransaayif yaaddoo guddaadha jechuun ibse.

Erga bara 2015 haleellaan barruu Chaarli Hebdoorratti dhaqqabee lubbuun namoota 12 darbe as Faransaay hookkara Islaamummaa keessummeessaa jirti.

Angawoonni Faransaay maal jedhan?

Pirezidantiin Faransaay Maakron haleellaan dhaqqabe mallattoo ‘’haleellaa shororkeessummaa Islaamummaati’’ jedhan.

‘’Lammiin keenya tokko waanuma barattoota isaa waa’ee mirga yaada ofii ibsachuu barsiisaa tureef ajjeefame,’’ jedhan.

Erga ajjeechaan dhagahamee booda Ministirri Dhimma keessaa biyyattii Geerald Daarmanin isa Morokootti imaluuf turan deebi’aniiru.

Ministeerri Barnootaa biyyattii Jean-Michel Blanquer haleellaan barsiisaarratti raawwate haleellaa Rippablika Faransaayirratti raawwatedha jechuun tiwiitara gubbaa barreessan.

Tokkummaafi walta’uutu ‘’shororkeessummaa Islaamummaaf’’ fala jechuun maatiif jajjabina hawwuu ibsaniiru.