Ameerikaatti namoonni haaraa 100,000 Covid-19'n qabaman

Roobii kaleessaa US keessatti namoonni haaraa 100,000 covid19n qabamuun lakkoofsi rekardiin galmaa’eera

Gabaasni dhimma weerara kanaa hordofu lakkoofsi namoota dhukkubichaan qabamanii hospitaala galanillee dabaluu ibseera,namoonni qorataman dabaluu waliinis wal hin qabatuu jedheera.

Guyyaama kanatti namoonni 1,100 sababii dhukkuba kanaan lubbuun darbeera.

Muddama filannoo biyyattiitti gaggeefamaa jiruuf dhimmi dhukkuba kanaa dagatamaa jira.

Yeroo ammaa dhukkubsattoonni 50,000 tahan hospitaala jiru lakkoofsi kun Onkololeessa irraa qabee harka 64n dabaleera.

Lakkoofsi namoota du’aa jiranis akka yeroo weerarichi jalqabee tahuu baatus dabalaatuma jira.

Af gaaffii gaazexaa Waashingitan Poost waliin taasisaniin ogeessi dhukkuboota daddarboo gameessi Antoonii Faawuchii,’’miidhama guddaa keessa jirra,’’ jedhan.

Dubbii himaan Waayit Haawus garuu yaadi ogeessichaa fudhatama hin qabu jedhaniiru.

Ameerikaa keessatti namoonni miiliyoona 9.5 covid19n yoo qabaman, 233,000 immoo lubbuu dhabaniiru.

Akka addunyaatti biyyattiin lakkoofsa namoota dhukkubichaan qabamaniifi du’an olaanaa qabaachuun sadarkaa tokkoffaarra jirti.