Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Tiraamp koronaa mo'achuuf Ameerikaa gita dirree waraanaaf maluun qopheessaa jira
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp "akka pirezedaantii yeroo waraanaatti" of ilaaluun biyyi isaanii "mo'ichaan akka galtu" dhaadatan.
Muuxannoo tarkaanfii bara waraan Kooriyaa fudhatame kan US akka meeshaalee fayyaa barbaachisoo dhiyeessuuf omisha saffisiisuu dandeesse yaadachuun, garee wallaansa humnoota waraanaa Ameerikaa qophii taasisaa kan jiru ta'uu himan pirezedaantichi.
Ameerikaan omisha meeshaalee kanaaf barbaachisanis saffiisaan gaggeessaa jirti jedhan.
Dooniiwwan hospitaaloota waraana galaanaa lamas hir'ina siree dhukkubsattootaa mudachuu danda'uuf jecha qophii taasisaa jiraachunsaanii ibsaniiru.
Miseensoonni humna waraanaa kan biraas haala of-eegannoodhaan dhaabbachuun hanga ajajni darbuufiitti eeggachaa jiru jedhame.
Haaluma walfakkaatuun ammoo miseensoota mana maree Ameerikaa lama irratti vaayirasiin akka argame himameera.
Hanga ammaattis Ameerikaatti namoonni 9,300 COVID-19 kan qabaman yoo ta'u, namoonni gara 150 ta'an osoo hindu'iin hinhanfe jedhamee yaadama.
Pirezidaanti Tiraampis gaaffii gaazexessitootaa biyyattii vaayirasichi ittiisuuf hangam qophoofte jirti jechuun dhiyaateef deebii yoo kennan, ''haalli keessatti argamnu waraana'' erga jedhaniin booda, ''ofii kiyyas kanan ilaalu akka pirezidaantii tibba waraanaatti'' jedhaniiru.
Pirezidaanti Tiraampi itti dabaluunis, ''Diina hinmullane kanas ni mo'anna. Akkan yaaduuttis yeroon yaadameen dura mo'anna. Gutummaa guutuuttis injifannoo ni arganna,'' jedhaniiru.
Addunyaarrattis namoonni gara 220,000 ta'an vaayirasii kanaan faalamunsaanii kan mirkanaa'ee yoo ta'u, namoonni 8,800 ta'an ammoo du'aniiru.
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Lammiileen Itoophiyaa lama dhukkuba Koronavaayirasiin Xaaliyaanitti du'an
- Wantoota shan Itoophiyaan koronaavaayirasiif qophii akka hin taane mul'isan