Filannoo US 2020: Tiraamp sobaan sagaleen hatamee jedhuulleen bu'aan filannoo kallattiin darbaa jira

Bu'aan filannoo pirezidaantii Ameerikaa ifa ta'uuf qarqara irra kan gahee yoo ta'u, Tiraampi fi dorgomaansaa Baayidan kokkee wal qabataniiru.

Tiraamp Riippablikaanootni mo'achu akka qaban himuun ta'u baannaan dhimmicha Mana Murtii Olaanaatti akka geessan akeekkachiisan.

Isaan dura ammoo Mr Baayidan kan garee warra Dimokraatotaa irraa ta'an, sarara injifannoorratti akka argaman himaniiru.

Haa ta'u malee sagaleen miliyoonotaan lakkaa'amu sichi waan lakkaa'amee hin xumuramneefu sadarkaa kanatti eenyumtuu injifadheera jechuu hin danda'u.

Kana malees waliin dhahamusaatiif ragaan homtu hin jiru.

Namoonni miliyoona 100 ol ta'an guyyaa filannoo Kibxata darbeetiin dura sagaleesaanii kan kennan yoo ta'u, kunis seenaa filannoo US keessatti sagalee isa olaanaadha jedhameera.

Haa ta'u malee bu'aan filannichaa tarii guyyoota muraasaaf osoo hin baramiin turuu danda'a.

Bu'aawwan filannoo pirezidaantummaa hanga aammaa maal fakkaataa?

Pirezidaantichi isteetii filooridaatti kan injifatan yoo ta'u kunis deebii'anii filatamuuf carraasaanii akka ol kaasu himama.

Garuu ammoo Mr Baayidan Arizonaa isteetii wal falmisiisaa kan biraa ta'ee harka Tiraampii baasuu danda'u.

Maddiwwan oduu 'Fox News' fi APn Baayidan isteetii kana keessatti akka mo'atan tilmaamaniiru.

Dhugaatti Mr Tiraampi isteetii sana keessatti mo'atamnaan ammoo Rippablikaanoonni balaarra akka jiran mul'isa.

Iseetiiwwan murteessoo kan akka JoorWaa'ee filannoo Ameerikaa ganama maal dhageenyaa laata? jiyaa, Pensiilivaaniyaa, Wiskonsiyaa, Michigaan, fi Norzi Kaarolinaa jara lamaaniifu eddoowwan furtuudha.

Haa ta'u malee Mr Tiraampi isteetii gara biraa kan akka Teksaas keessatti akka mo'achu danda'u BBCn tilamaameera.