Sarooti 'hiriyyoota durii' dhala namaati jedhe qorannoon

Madda suuraa, Getty Images
Qorannoon qaccee sanyii (DNA) saroota irratti gaggeeffamee tokko bineeldoota hunda caalaa michuu dhugaa namootaa kan yeroo dheeraa tahuu isaanii agarsiise.
Qorannoon kunis saree madaqsuun kan jalqabe dhuma bara Cabbii (Ice Age) waggaa 11,000 dura jedha.
Kunimmoo saroonni bineelda kamiyyuu dura namaan madaqfamuu isaanii kan mirkaneessuudha.
Yeroo sanattis michoonni keenyi kunneen bal’inaan hemisfeera kaabaa keessa kan jiran yoo ta'u, gosawwan garaagaraa shanitti adda bahaniiru.
Yeroo sirna kolonii keessa sarooti Awurooppaa addunyaarra haa babal’atan iyyuu malee sanyiin saroota ganamaa kunnee biyyoota akka Amerikaa, Eeshiyaa, Afrikaafi Odolawwan keessatti ni argamu.
Qorannoon kunis hanqiinawwan gama seenaa uumama beeladoota kanneen kan guuteedha jedhameera.
Dr Poontus Iskoogilaand warreen qorannoo kana barreessanii keessaa tokkoofi hogganaa garee qorannichaa laaboraatorii Institiyuutii Kiriiksii Landan argamuuti.
‘’Namoonni ofii isaaniin adamoon yeroo jiraatanittillee bineensa foon sooratu madaqsaniitu ture. Yeeyyiin bineensa saree fakkaattu taatus ammallee bineensota sodaataman keessaa tokko.
‘’Gaaffiileen namoonni maaliif kana godhan? Akkamiin yaadan? Kan jedhu fa'i waan nuti baruu barbaannu’’ jedhu.
Qacceen sanyii namaa hanga tahe kan saree waliin wal-fakkaata. Sababiinsaa namoonni hiriyyaa bineensaa saree qofa ofitti fudhatan. Haa tahu malee garaagarummaan murteessaa taheetu jira.

Fakkeenyaaf saroonni Awurooppaa durii gargar turan, sanyii gosa lama qabu ture. Tokkoon isaanii saroota Baha Dhihoofi kaan saa ammoo saroota Saaybeeriyaatiin walitti dhufu.
Haa tahu malee, jalqaba Bara Boorrajii sanyiin saree bal’inaan tamsa’uun sanyii warra kaan bakka bu’e. Namoonni Awurooppaa illee akka kanaatti miti kan babal’atan.
Andars Bireegstoorm Kiriiksitti barreessaa fi qorataa olaanaadha.
‘’Waggaa kuma afuuriifi shan gara duubaatti yoo lakkoofne Awurooppaan gosa saree baayyee qabdu turte.
''Warri amma jiran garuu baayyeen isaanii maddi isaanii sanyii tokko dha,’’ jedhu.
Garee biyyaalessaa maatii qaccee sanyii niiwkilaayii seelii keessatti argamu saroota 27 kan durii waliin fakkaatan irratti qorannoo isaanii adeemsisan. Kana ammoo waliiniifi saroota ammayyaa waliin dorgomsiisan.
Qorannichi sanyiin saree Rodeeshiyaa Riigbaak Afrikaa, Chiwaawaafi Zoolootizkuuntlii jedhamani kan Meeksikoo keessatti argaman saroota durii waliin walfakkeenya qabaachuu agarsiisa.
Giriigar Laarsan Yunivarsiitii Oksfoord irraa qorannoo kanarratti hirmaataniiru.
‘’Saroonni michoota dhihoo fi yeroo dheeraa ilmoo namaati. Bu’aan DNA seenaa keenyaafi hariiroon keenyi akkatti jalqabe nuttii agarsiisa,’’ jedhu.
Saroonni yeeyyii irraa adeemsa suutaan geeddaramaa gara namaatti madaqaa dhufan. Sarooti nyaata barbaacha suunfachaa namatti siquu hin oolle jedhamee yaadama jedhu.
Erga madaqaniin booda immoo nama hiriyaasaanii tahe adamoo gargaaraaa turan.

Madda suuraa, SPL
Bu’aan qorannichaa sarooti hundi sanyii yeeyyii tokko yookiin firooma qabanirratti geeddaramaa dhufuu agarsiisa.
Dr Iskoglaand sareen inni jalqabaa eessatti akka madaqe ragaan ifa tahe hin jiru. ‘’Sababiinsaa immoo seenaan saree ammallee qorannoorra jira, kanaaf guutummaatti hin beeknu,’’ jedhu.
Bineensonni kanneen akka adurree erga ilmaan namaa qonna jalqabee fi iddoo tokko qubateen booda waggaa 6,000 duradha kan isaan madaqan.
Namoonni adurree akka ilbisootaafi hantuuta adamsituuf ture kan isaan madaqsan. Kunis, kutaa addunyaa bahaatti hin tahiin hin oolu jedha qorannichi.
‘’Sarootni eessayyuu tahuu mala kan isaan madaqan, cabbii Saayibeeriyaa, ho’a gara Bahaa Dhihoo, Kibba Baha Eeshiyaa. Kuni hundi tahuu ni danda’a.''















