YouTube, Spotify, Apple Music fi Deezer gubbaa sirboonni jibba sanyummaa argaman

Haasaan Hitler, waamichi olaantummaa warra sanyii ''Aryan'' fi warra adii himan, sirboota aappiiwwan tajaajiloota muziqaa gurguddaa addunyaa keessatti argamaniiru.

Spotify, Apple Music, YouTube Music fi Deezer erga BBCn gabaasa qorannoo dhiyeesse booda, qabiyyeewwan jibba sanyummaa fi jibba jaalattoota saala walfakkaataaf qaban agarsiisan balleessaniiru.

Fakkeenyoti pilaatifoormiwwan kanniin irratti argine hedduun olaantummaa adiirratti kan xiyyeeffatanidha.

Spotify akka jedhetti, wanti BBC irratti dhiyaate dhugumaan imaammaata keenya kan cabsudha.

YouTube gamasaatiin jibbaaf tasumaa iddoo hin kenninu yogguu jedhu, Apple Music sirboota hedduu dhokseera.

Ragaa argame

Hangi rakkoo kanaa hagam akka tahe baruun rakkisaa tahus, BBCn garuu salphumatti yoo xiqqaate sirboota 20, kan qabiyyeen isaanii nama naasisu argateera:

  • Sirboota 'Saboota Aryan' leellisan (Akka ilaalcha warra Naaziitti, Ariyaanonni gosa kamirraayyuu olaanoodha)
  • Baandiin muuziqaa jibba Jewishootaa mul'isanii fi ajjeechaa jumlaa 'Holocaust' leellisan
  • Spotify gubbaa tarree muuziqaa mataduree NSBM (National Socialist Black Metal) jedhu - Naazii wajjin kan hidhata qabu
  • Gareewwan dhaabbilee jibbaa waliin hidhata qaban jedhaman 30 ol.

Muuziqaawwam kanniin argachuuf, ogummaa teeknikaa olaanaas tahe, dhamaatii guddaa hin gaafatu.

Mirga siivilii irratti kan hojjetu Erik Waard, namoonni tajaajiloota muuziqaa dhiyeessan kanniin irraa amantii qabu jedha.

"Pilaatfoormiiwwan kunniin qabiyyee barbaadan to'achuun, itti gaafatamummaa isaanii bahachuu qabu. Salphumatti dhimma kanaaf, baasii hedduu baasuu qabu.

Kuni amanamummaa namootni kaampaaniifi mallattoo oomishaa qaban bakka bu'a. Biraandiin daran barbaachisaadha, muuziqaan olaantummaa adii agarsiisan ammoo, maqaa xureessu.''

Dhaabbileen kun maal jedhan?

Pilaatfoormiiwwan muuziqaa kunniin, teeknoolojii fi namoota fayydamuun qabiyyee isaanii to'atu. Kana malees, fayyadamtoota qabiyyeewwan gabaasan irrattis ni hundaa'u.

Yeroo ammaa Spotify gubbaa sirboota miiliyoona 65 fi podkaastiwwan (sagantaa raadiyoo intarneetarraa) miiliyoona 1.5 tahantu jira.

Ibsa Spotify baaseen: ''qabiyyeewwan jibbaafi jeequmsa garee fi nama dhuunfaa tokkorratti xiyyeeffachuun hojjetaman (saba, amantii, saala, biyya,...) ni uggurra.''

YouTube Music ammoo gamasaatiin ibsa baaseen: "qajeelfamoota ifa tahaniifi qabiyyeen akkamii akka heeyyamamuufi dhorkamu ibsan, akkasumas hojiin aartii daangaa wayita darbu ittin to'annu baasuuf hojii guddaa hojjenneerra.

Wayita qabiyyee tokkorratti gabaasni nu gahu, viidiyoo imaammata keenya daddarbe sana dafnee buusuuf ni hojjenna.

YouTube iddoo namoota badii dhaqqabsiisanii akka tahu hin feenu, kanaafis cimsinee hojjechaa jirra.

Beeksisa YouTube irraa

Pilaatifoormiiwwan sirbaa kaan, YouTube caalaa qabiyyee isaanii to'atu. Haatahu malee, viidiyoon tokko beeksisa akka qabaatuuf, seera itti fayyadamaa kabajuu qaba.

Kun tahee osoo jiruu, sirboonni hedduun pilaatifoormii kanneen irra jiran, beeksisoota dhaabbilee beekaman irraa mul'atu - kanneen akka Cadbury's fi Uber.

Kanneen hojii isaanii fe'anis, maallaqa irraa argachuuf (monetise) dursa galmaa'uu qabu. Hedduu akkuma ilaalamuun, galii caalaa irraa argatu.

Akka seerota YouTube'tti, fayyadamtoonni kan galii irraa argachuu dandayan yoo qajeelfamoota kaa'aman hordofanidha. Isaan keessaas qabiyyee jibbaa kan ugguru isa tokko.

Dhaabbatichatti gareen kana to'atan 'reviewers' ''chaanaalotni maallaqa argatan qajeelfama kanneen hordofuu yeroo yeroon to'atu,'' jedha YouTube.