Miidiyaa Hawaasummaa: Raayyaa Istuudiyoo maaltu mudate, seerri Youtube maal jedha?

Akkuma miidiyaalee hawaasummaa kanneen akka Feesbuukii seera ittiin bulmaataa yookiin imaammataafi qajeeltoowwan mataasaa kan qabu YouTube, qabiyyeewwan imaammatasaa faallessan wayita ugguru ni mul'ata.

YouTube seera sadarkaa idil-addunyaatti hojiirra oolu qabaatus haala qabatamaan jiru irratti hundaa'uun biyyoonnis seera mataasaanii kan seera guddicha YouTube'n wal-hin faallessine baafachuun qabiyyee biyyasaaniitti tamsa'u to'achuu danda'u.

YouTube'n hordoftoota kuma 200 caalan qabu kan jalaa bade Abrahaam Raayyaa, himati namarratti dhiyaachuun waan jiru ta'ee garuu akkaataa ibsatantu rakkoodha jedha.

Abrahaam Raayyaa walleewwan warraaqsaa, kan jaalalaa, kan dhimma hawaasummaa ibsaniifi qabiyyeewwan bashannansiisoo ta'an kanneen Afaan Oromoon qophaa'an YouTube isaarratti gadhiisuun beekama.

Ogeessa IT kan ta'aniifi dhimmoota imaammata miidiyaa hawaasummaarratti gorsaa ta'uun kan hojjetan amma magaalaa Landan kan jiraatan Obbo Haniis Abdii, namoonni hedduun seera ittiin bulmaata hubachuu dhabuun faayidaa hedduu dhabaa jiru jedhu.

Abrahaam Raayyaa maaltu mudate?

Yeroo garaagaraatti barreeffamni akeekkachiisaa akka isa ga'aa ture kan dubbatu abbaan qabeenyaa Raayyaa Istuudiyoo Abrahaam Raayyaa, ''Jalqaba sirba weellisaa Bilisummaatiin walqabatee dhaamsa jibbiinsaa of keessaa qaba jechuun nu himatan.

''Nutis ol-iyyannoo gaafannee turre. Ta'us garuu namoonni nurratti gabaasan hedduu waan ta'aniif wallicha haqaniiru. Garuu ol-iyyannoon keenya fudhatama argatee nuti akka fufnu ta'ee ture'' jedha.

Haata'u malee, ammas ammoo Onkoloolessa kana keessa gaafa bultii 5, himati biraan nurratti baname jedha Abrahaam.

''Himata isa kanarrattimmoo sirba weellisaa Tokkummaa Tuujjoo jedhamuun na himatan. Waan nama ajaayibu duubatti deebi'anii viidiyoowwan ji'a saddeet, sagal dura feeneen nu himatu.''jedhe.

''Gidduudhaan an hojiitti qabamee wayitan deebi'u wallee kana kaasanii, youtube kiyyallee torban tokkoof ugguranii na eegan.''

Kallattiidhaan nama dhimmi ilaalu argannee dubbisuun dhimma keenya itti ibsuurratti rakkootu jira kan jedhu Abrahaam, ''Nami dhimma kana itti himannu namni tokko jiraachuu danda'a. Kanas onlaayinii waan argannuuf akka feenetti rakkoo nurra ga'e ibsachuuf carraa hin argannu.

''Barreeffamaanis yoo ta'e qubee 800 caalaa barreessuun waan hin danda'amneef yaada keenya guutummaatti ibsachuun carraansaa dhiphaadha,'' Jedha.

Viidiyoowwan youtube irratti feenu keessatti qabiyyeewwan faallaa qajeeltoo Youtube fakkaatan argamuu danda'u, garuu hedduunsaanii waan aadaan walqabataniidha jedha.

''Qabiyyeewwan sunniin isaaniif waan hamaa fakkaachuu danda'a nuuf garuu ibsituu aadaa keenya. Meeshaalee aadaafaa ta'uu malu. Meeshaalee waraanaa, meeshaalee qara qabanii fi kaan ta'uu danda'u.

''Namoonni nu gabaasan ammoo kallattii biraan yaadanii ta'uu danda'a. Kaayyoon keenya garuu duudhaa fi jiruu fi jireenya hawaasaa mul'isuufi. Nuti ammoo akkuma saba addunyaa kamiyyuu yaada keenya bilisaan ibsachuu barbaanna,'' jedha.

Sababa YouTube'n kun cufameef kan miidhamu ana qofa osoo hin taane aartistoota hedduu jiruu fi jireenyasaanii irratti hundaa'etu jiru jedha Abrahaam.

''Istuudiyyoon Raayyaa kan Abrahaam Raayyaa qofa miti, aartistoota hedduutu duuba jira, kan ummata Oromoo guutuuti. Utubaa jiruu fi jireenya artistoota danuuti. Baay'ee itti ifaajameera.

''Sirboota 663 kan caalan of keessaa qaba. Akka Oromiyaatti lakkoofsa hordoftootaan tokkoffaadha. Hordoftoota kuma 200 caalan qaba. Kun hundi wayita dhabamu kisaaraa guddaa fida.''

Sababa wallee weellisaa Tokkummaatiin erga torban tokkoof adabamnee booda banamee ammas borumtaasaa sirboota birootiin nu himatanii nurratti cufan jedha Abrahaam.

''Himata afur erga nurratti dhiyeessanii booda, guutummaatti nurratti cufan. Yeroo ammaa ol-iyyannoo gaafannee jirra. Dhiibbaa uumuufis sagalee deeggarsaa (petition) walitti qabaa jirra.

''Rakkoo mudatee fi dhiibbaa nurra ga'aa jiru dhaabbata Youtube beeksisuu fi hubachiisuuf ammoo hanga qaamaan deemnee itti himuutti hojjechaa jirra.''

Erga Youtube inni duraa cufamee kan biraa baneen ture kan jedhu Abrahaam Raayyaa, innis guyyaa lama osoo hin guutin cufame jedhe.

Sababa isaas wayita isbu, "Himatuma walfakkaataa qabiyyeen keessan faallaa qajeeltoo youTube'ti jedhutu hatattamaan nutti dhufe. Nutis dhimmi kun maal akka ta'e eenyu akka duuba jiruu fi warri youtube akkamiin hubachuu akka qaban gochuuf ogeeyyii seeraa qindeessinee hojjetaa jirra,'' jedhe.

Sababa youtube cufameef dokimantariiwwan, walleewwan akkasumas yaada dhiyeenya eegalle Idol-qopheessuun karaatti nu jalaa hafeera jechuun rakkoo isa mudate dubbata.

Qajeeltoo Youtube

Akkauma hawaasi safuu fi aadaa akkasumas seera ittiin bulmaataa mataasaa qabu YouTube'nis akkasuma seerota kabajamuu qaban kan mataasaa qaba jedhu ogeessi IT Obbo Haniis Abdii.

Namni YouTube akka madda biizinesiitti kunuunsee itti fayyadamuu qaba kan jedhan ogeessi kun namoonni keenya garuu hanqina hubannoorraa kan ka'e waan faallaa qajeeltoo Youtube ta'ee fe'u jedhan.

''Qajeeltoon YouTube afaan Ingiliziitiin waan barreeffameef dafanii dubbisanii hubachuurratti rakkootu jira. Wayita kana namoota muuxannoo qaban gargaarsa gaafachuu barbaachisa. Ta'uu baannaan faayidaa hedduu dhabu'' jedhan.

Sababii Youtube qabiyyee namaa haqu keessaa inni ijoon iyyama abbaa qabeenyaa malee qabiyyee nama biraa fayyadamuudha jedhu Obbo Haniis.

''Mirgi abbummaa dhimma ijoodha. Youtube irratti hojii nama biraa iyyama malee waraabdee yoo maxxansite sekondii soddoma caalaa hin turu. Youtube waan kana kompiyuutaraan waan to'atuuf jalaa ba'uu hin dandeessu. Carraa sadi siif kennee yoo hin dhiistu ta'e hatattamaan ni cufa'' jedhan.

Seera Youtube fi sirboota Afaan Oromoo

Kilippiiwwan Afaan Oromoon hojjetamaniif rakkoo Youtube irratti isaan mudatu wayita madaalan ogeessi kun akkuma qabiyyeewwan qajeeltoo hin faallessine jiran kanneen faallaa seera YouTube deemanis jiru jedhan.

''Dhiibbaan qaamolee garaagaraa irraa jiraachuu mala, garuu dhiibbaan hagas mara miti. Youtube kan tarkaanfii fudhatu yoo qabiyyeen faalaa qajeeltoosaa irratti fe'ameedha. Sirboonni Oromoo kana keessatti kufan hedduudha'' jedhan.

Namoonni maallaqaanis, baay'atanii dhiibbaa uumuu danda'u kan jedhan Obbo Haniis garuu Youtube sababa ga'aa malee akkaawontii namaa hin cufu, kanaafuu namni tokko himata isarratti dhiyaate hubate sababa ga'aa dhiyeessee ofirraa faccisuu danda'a'' jedhan.

''Kilippiiwwan hojjetaman keessatti kan daa'imman akka keessatti hin hirmaanne barbaachisan jiru, wantoota miira namaa jeeqan kan akka dhiigaa, kan sodaa uuman kan akka meeshaalee waraanaa, reenfa namaa, wantoota iccitii dhuunfaa namaa baasan, kunneen hunduu qajeeltoo YouTube'n ala'' jedhan.

Wantoota miira namaa jeeqanii fi lubbuu namaaf sodaachisan, kan namoonni biroo akka shaakalan hin gorfamne Youtube yoo arge tarkaanfii fudhata jedhu ogeessi kun.

''Fakkeenyaaf billawa qabatanii mul'achuu, dhiiga tuquufi agarsiisuu-kanneen namni keenya akka aadaatti ilaalu qajeeltoo Youtube kan faalleessaniidha'' jedhan.

Akkuma Youtube seera mataasaa qabu biyyoonnis seera sana keessaa kan duudhaa hawaasaa biyyasaanii waliin deemu fudhatanii kaan waan dhiisaniif, kana keessas qabiyyeerra miidhaan ga'uu danda'a jedhan.

''Wayita waan aadaan walqabatu kan biyya biraatti akka badaatti ilaalamu hojjennu, akkaataa seera YouTube'tiin akka biyya kee qofatti ilaalamu gochuu dandeessa''

Seera YouTube eeganii kan hin hojjenne yoo ta'e garuu qabiyyeewwan waggaa meeqa itti ifaajan dhabuu akkasumas ammoo maallaqa gama kanaan argamu dhabuun dhiibbaa xiinsammuu hamaa keessa nama galchuu mala jedhan.

Youtube yeroo amma madda galii ta'eera kan jedhu Abrahaam Raayyaa gamasaatiin, garuu maallaqa qofa oofuu osoo hin taane qabiyyeewwan ummata fayyadan irratti osoo xiyyeeffatamee gaariidha jedha.

Ifaajee keenyaan YouTube'n gubate akka deebi'u abdiin qaba kan jedhu Abrahaam, yoo deebi'uu baates an hawaasa bal'aa of duubaa waanan qabuuf, yaaddoo hin qabu jedha.

Yaadotan karaa YouTube kanaa dabarsuuf sammuu keessaa qabu, karaan ittiin dabarsu mala dhawachuun deemas jedheera.

Qajeelfamoonni YouTube isaan ijoon maalfaadhaa?

Namni YouTube fayyadamu kamuu qajeelfamoota armaan gadii hordofuu fi kabajuu qaba.

  • Qullaa mul'isuu, walqunnamtii saalaa kamuu agarsiisuun dhorkaadha, viidiyoon waa'ee quunnamtii irratti barsiisu, bifa dookumantarii fi aartiitiin barnoota saayinsaawaa kennu seera addaatiin iyyamamuu danda'a. Wayita akkasii waa'ee viidiyoo gadi dhiistanii ibsa bal'aa kennuu qabdu. Namni tokko haala qullaa mul'isuun kan ragadu (dannasu) yoo ta'e umrii nama viidiyoo kana ilaalu murteessuun yoo ibsa kenne viidiyoon sun haqamuu dhiisuu danda'a.
  • Qabiyyee miidhaa geessisu maxxansuun dhorkaadha. Namoonni biroon keessattuu daa'imman kana ilaalanii akka shaakalan gochuun miidhaa irraan ga'uu waan danda'uuf. Yoo akkas ta'e YouTube umrii namoota ilaalanii daangessa, yookiin ni haqa. Viidiyoon barsiisoo ta'an, fakeenyaaf akkaataa itti kaaraatee hojjetan kan barsiisu yoo ta'e garuu rakkoo hin qabu.
  • Qabiyyeewwan miira namaa jeeqan hin gorfaman. Yoo viidiyoo akkasii maxxansitu ta'e waa'ee qabiyyeesaa ibsa ga'aa kennuu qabdu. Kaayyoon viidiyoo kanaa odeeffannoo kennuuf ta'uu daawwataan akka hubatu gochuu qabdu.
  • Viidiyoo daa'imman irraan miidhaa ga'u yookiin miira saalaa isaan keessatti uumu maxxansuun dhorkaadha.
  • Mirga Abbumaa-Copyright kabajuun dirqama. Viidiyoo ofiif hojjette yookiin iyyama itti qabdu qofa maxxansi.
  • Viidiyoo qabiyyee jibbiinsaa of keessaa qabu hin maxxansin, akkasumas yaada jibbiinsa calaqqisiisu viidiyoo jalatti hin barreessin. YouTube mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu ni kabaja, garuu nama biraa irratti yaada jibbiinsaa yoo barreessite tarkaanfii fudhata.
  • Namatti moruu, rifaasisuu fi nama sodaachisuunis faallaa qajeeltoo Youtube'ti.
  • Viidiyoo nama biraa dararu yookiin maqaa balleessu maxxansuun seera YouTube faallessa. Iccitii nama dhuunfaa maxxansuunis akkasuma. Wayita waraabbii gaggeessitan nama viidiyoo keessa galu hundaa iyyama gaafachuu qabdu.
  • Akkaawontiin sobaa yookiin maqaa nama biraatiin banamus qorannoo YouTube'n bira ga'amnaan ni cufama.
  • Odeeffannoo fi suuraa akkasumas mata duree nama dogoggorsan yookiin dhara ta'an YouTube irratti gadi dhiisuunis nam adabsiisa.