Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hiika halluuwwaniifi mallattoolee filannoo Afrikaa keessatti
Xalayaalee gaazexeesitoota Afrikaarraa walitti aansuun dhufan keessaa, ardii Afrikaa keessatti maaliif halluufi mallattoon yeroo filannoo warra aangoo barbaadaniif murteessaa ta'uu akka danda'u ilaaleera leenji'aa miidiyaafi komunikeeshin kan ta'e Jooseef Warunguu.
Wayinii Diimaa yaadattanii? Isa miti; isa qaruuraa keessaa miira keessan dhokatee jiru banachuuf gargaaru sana miti. Ani kaniin jechaa jiru waa'ee Wayinii Diimaa, Red Red Wine, weelluu Reegee Biriitish UB40 jedhamudha.
Bara 1983 keessa UK fi US keessatti akkaan kan jaalatamedha.
Waggoota 37 booda Wayinii Diimaa [Red Wine] weellisaa lammii Yugaandaa sirba irraa gara siyaasaatti deebi'ee Boobii Wayiniif wal sime.
Miseensi Paarlaamaa, maqaan isaa guutuun Rooberti Kiyaagulanii koffiyaa [beret] diimaan yeroo hedduu mul'atu filannoo dhufu irratti pirezedaantummaaf dorgomuuf jira.
Amma Bobi Waayin halluu diimaa paartiin isaa Tokkummaa Paartii Biyyaalessaa [National Unity] akka hin fayyadamne dhorkame.
Filannoo Afrikaa keessatti gaggeeffamu irratti halluufi mallattooleen filannoo salphaatti kan ilaalaman miti.
''Mallattoon salphaatti kan hubatamu yoo tahe haala salphaa taheen filattoota hedduu bira gaha. Gartokkeen isaanii mallattoo jireenya uummataafi abdii waliin wal qabatu waliin wal qabsiisuun filatu,'' jedhan Dr Owusu Meensaa Yunvarsiitii Gaanaatti barsiisaa Saayinsii Siyaasaa kan tahan.
'Diimaan Lubbuufi'
Dr Mishaay Miwangola, Keeniyaa irraa halluun warra Lixaa hiikaa xiqqaa kan qaban fakkaatu jedhan.
Fakkeenyaaf UK keessatti Diimaan paartii warra dafqaan Bultootaatti fakkeeffama. Gama biraan ammoo Ameerikaatti warra Rippaabilikaanotaatti fakkeeffama.
Paartileen [ Conservatives] jedhaman kan UK fi Dimokiraatotni Ameerikaa ammoo halluu Cuquliisa fayadamu.
''As Afrikaa keessatti uummatni halluun hundinuu hiika qaba jedhee amana,'' Dr Miwangolaa. Hiikni halluu kanaa Alaabaa biyyaalessaa biyyoota Afrikaa hedduu keessattis ni dubbifama. Kunis bakka qabsoon bilisummaa gaggeeffamuun lubbuun itti kaffalame kan akka Keeniyaa dabalateeti jedhan.
''Diimaan dhiiga dhangala'e bakka bu'a. Gurraachi uummata gurraacha biyyichaa ibsa. Magariisni ammoo lafa ykn naannoo falmaniif sana bakka bu'a,'' jedhan kan Keeniyaa yoo ibsan.
''Halluu diimaan paartilee siyaasaa hedduuf hiika guddaa qaba. Paartiin NPP diimaa, cuquliisaa fi adii qaba. NDC paartiin jedhamus akkasuma diimaa,adii fi magariisa qaba. Miseensotni paartilee gameeyyiin dhiigni diimaadha jedhu. Halluu keessa lubbuun jira. kanaaf paartiin keenyas lubbuu qaba,'' jechuudha jedhan Dr Owuso-Mensaa.
Guyyaa Filannoo Afrikaa
- Giinii Onkoloolessa 18
- Siisheelsi Onk. 22-24
- Tanzaniyaa Onk.28
- Ayivoorii Kosti Onk. 31
- Gaanaa Mudde7
- Rip. Afrikaa G/Galeessaa [CAR] Mudde 27
- Niijeer Mudde 27
- Yugaandaa Amajji 10- 8 Guraandhala
Filannoo Keeniyaa irratti halluu lamatu dhiyaate. Kan Burtukaanaafi muuzii. Lammiileen Keeniyaa ammallee hiika kennuufiin dubbisu.
Duulli filannoo irrattis muuziin osoo burtukaanni jiruu maal gochuufi jedhamuun irratti duudubatamaa ture. Kaan ammoo burtukaana irratti dubbatu ture.
Dhuma irratti warri burtukaana deeggaran mo'achuun mootummaan riferendamiin gaggeeffamuuf ture haqame.
Garen siyaasaa filannicha mo'ates halluu sana irraa ka'uun maqaa paartii isaanii itti jijjiiran. Orange Democratic Movement[ Paartii Soschii Burtukaanaa] jedhamuun moggaafame.
Paartiin kun amma Keeniyaa keessatti Ministera Muummee duraanii Raayila Odiingaan durfama.
Bara 2018 keessa Komishiniin filannoo Zimbaabuwee mallattoo paartilee meeshaalee waraanaafi bineensota of irraa qaban hundaa akka hin fayyadamneef dhorkee ture.
Meeshaa waraanaa mallattoo keessan irratti qabaachuu dandeessu garuu qeerransa, arbaafi hamaaketa qabaachuu hin dandeessan jedhe.
Gama biraan komishinichi Afrikaa keessatti filannoo hedduu kan mo'atamu tolchaan ykn qoricha hojjechiifachuun malee filannoon akka hin taane beeka. Yokaan ammoo burjaajessuun.
Kanaaf mallattoo paartilee irraa bofa akka mar'ataafaa akka hin fayyadamne dhoorkeera.
Gama biraan Habaabii (Watermelon) haalaan beekamu keeniyaa keessatti hiika siyaasaa addaa qaba. Siyaasa qajeelfama homaa hin qabne akka jechuuti.
Karaa alaa magariisaafi jabaataa yoo tahu keessaan ammoo diimaafi lallaafaadha. Kan hin amanamne jedhamee waan yaadamuuf paartii siyaasaa mallatticha qabu yoo argite hin barbaaddu jechuudha.
Dr Owusu. Mensaa mallattooleen hiikaa guddaa qabu, eenyummaa kaadhimaamaa sanaa bakka bu'uun ibsamu jedhu.
Gara dubbii jalqaba eegallee Wayinii Diimaa [Red Wine] yoo deebinu mootummaan Yugaandaa hiika mallattoo qabu haalaan hubateera. Bara darbe koffiyaa diimaa akka uffata fi mallattoo humna waraanaatti adda baasee ibse. Namoota kana uffatan biraa akka hidhus ibse. Bobi Wine garuu murtoo kana diduun kaawwatee deemuu ittuma fufe.
Dr Miwangolan tarii Boobii Waayin halluu diimaa kana kan filateef aarii halluu keelloo paartii Yuweri Museevenii irraa qabu ibsuuf bakka bu'u godhee tahuu danda'a jetti.
''Keelloon ifa aduu fi gammachuudha. Gareen kaan ammoo lakki nuti aarii qabna jechaa jiru!...kutanno fi kakka'umsa diimaan qolachuuf kan yaadame,'' jechuun ibsiti.
''Keelloon badhaadhummaadha, garuu badhaadhummaan sun eenyuuf?'' kan jedhu qabu.
Yoo filattootni Yugaandaa halluu diimaa kan arganii filatan tahe Boobii Waayin Amajjitti masaraa mootummaa keessaa wayinii diimaa unachuunsaa hin oolu jechuudha.