Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mirga dubartootaa: Baangilaadesh namoota gudeeddiin yakkamaa tahan du’aan adabuu jalqabuufi
Baangilaadesh namoota yakka gudeeddiin himatamanii balleessaan itti murame du’aan adabuu jalqabuufi.
Miidhaan saalqunnamtiin walqabatu dubartootarra qaqqabu biyyattii keessatti dabaluusaatiin walqabatee, mormiin guyyootaaf Baangilaadeshitti bahame hordofuun akka ta’e himameera.
Ministirri dhimma seeraa biyyattii Anisul Haaq akka BBC tti himanitti, Pirezidantiin biyyattii hojiirra akka oolu ajajuuf jiru.
Viidiyoon dubartii gareen gudeedamtee agarsiisu miidiyaalee hawaasarratti erga hedduminaan qoodamee booda, Baangilaadesh keessatti dheekkamsa dammakseera.
Gartuun rogeeyyii biyyattii keessa jiranii bara darbe himannaa gudeeddiin walqabatu 5,400 galmeessuu himan.
Haata’u malee, hammi murteen balleessummaa galmee himannaa dhiyaaterratti muramu, xiqqaa akka ta’ee fi dubartoonni hedduun saalfatanii otoo hin himatiin akka hafan himameera.
Odeessaalee kanaan walfakkaatan kanneenillee dubbisuu maltan:
Hiriira mormii torban darbe keessa bahameerratti namoonni gudeeddii raawwatan akka dhaddachatti dhiyaatanii fi akkaataa galmee himannaa gudeeddii akka jijjiramu gaafataniiru.
Qorannoon komishinii mirga namoomaa biyyaaleessaa Baangilaadesh qo’ate akka agarsiisutti, dubartiin haleellaan irra qaqqabuun viidiyoon ishee qoodamaa ture, irra deddeebiin gudeedamtee shororkoofteetti.
Haleellaan kan irra qaqqabes kutaa Kibba Baha biyyattii Nokahaliim jedhamu keessatti. Viidiyoo qoodamaa ture kana booda namoonni saddeet hidhamaniiru.
Galmee himannaa biraatiin, dubartiin tokkos torban darbe keessa iddoo bashannanaa kaaba biyyattii keessatti argamu, Siliheet jedhamutti gudeedamuutu shakkama.
Namoonni paartii biyyatti bulchutti hidhata qaban shakkamanii hidhamaniiru.
Biyyattii keessatti sambattaan darban kana hiriira mormiitu bahamaa ture.
Hiriirtonni dhadannoo ''namoota dirqiin gudeedan fannisaa fi namoota gudeeddii raawwataniif dhiifamnii godhamuu hin qabaatu,'' jedhu baatanii karaa magaalaa guddoo biyyattii Daakaatti bahaniiru.
Mootummaan biyyattiis deebii hiriirtotaaf kennuuf jecha seera adabbii gudeeddii jijjiruuf akka jiru ibsameera.