Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mirga Dubartootaa: Firaansi kanneen 'qorannoo durbummaa' taasisan adabuuf
Mootummaan Firaansi doktaroota ''waraqaa ragaa durbummaa'' jechuun shamarraniif kennan irratti adabbii hidhaafi maallaqaa dabarsuuf akka jiru ibse.
Hojii mootummaan walxaxaadha ittiin jedhe kanaan doktaroonni namoota karaa aadaafi duudhaa amantiitiin gaa'ela raawwataniif waraqaa ragaa durbummaa qabaachuu mirkaneessu hojjetuuf.
Tarkaanfiin kun qaama wiixinee seeraa duudhaalee sekulaarizimii cimsuuf ba'aniiti.
Akkasumas, kan Pirezidaantiin biyyattii ''garee adda of baastota Islaamaa'' jechuun mooggaasan qolachuuf tarkaanfii yaadameedha.
Gareen akkaataa ulfa baasuu irratti tajaajila gorsaa kennu(ANCIC) ammoo ''qorannoo durbummaa'' dhaabsisuun hojii barnootaan deggerame hedduu barbaada jedhan.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii qorannoo akkanaa kun dhaabbachuu qaba jedhe.
Wiixineen kun ammallee qaamolee siyaasaatiin gadi fageenyaan irratti hin mari'atamne kan jedhe Ministeerri Dhimma Biyya keessaa Firaansi, garuu seerichi waggaa tokko kan nama hiisisuu fi doolaara 14,000 kan nama adabsiisuudha jedheera.
Miidiyaan Firaansi tokko akka gabaasetti doktaroota biyyattii keessaa harka 30 kan ta'an waraqaa ragaa durbummaa mirkaneessu akka hojjetaniif gaafatamanii hedduunsaanii didaniiru.
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa akka jedhutti ulaa qaama saalaa dubartootaa ilaaluudhaan yookiin ammoo tuttuquudhan durbummaa adda baasuun hin danda'amu jedhe.
Inumaa gochaan kun mirga namoomaa dubartootaa sarbuudha jedheera dhaabbati kun.
Gochi kun hagam babal'ateera?
Ispeeshaalistiin fayyaa dubartootaa Dr Ghada Hatem gochi kun dubartoota Firaansi kumaatamaan lakkaa'aman kan miidhu miti jette.
''An fakkeenyaaf waggaa tokko keessatti dubartoota sadi qofaatu waraqaa ragaa durbummaaf na gaafatan. Baayyeensaanii Kaaba Dhihaa iddoo Magrib jedhamurraa kan dhufaniidha. Iddoo sana muslimootatu baay'inaan jiraatu.''
Shamarran sababa hanqina waraqaa ragaatiin rakkoon nurra ga'a jedhanii yaaddoosaanii ibsataniif akka kennites dubbatti doktarri kun.
''Ragaan durbummaa'' kun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, dhaabbata Hiyuuman Raayits Waach jedhamuu fi dhaabbilee biroon kuufamee taa'ee jira.
Ragaan kun kan hojjetamu sababa duudhaan amantii yookiin aadaan barbaaduuf qofa osoo hin taane qorannoo yakka gudeeddiitiifis ni barbaadama.
Ragaa akkanaarratti hundaa'uun yakka gudeeddii irratti qorannoo gaggeessuun biyyoota akka Kaaba Afriikaa, Baha Giddu-galeessaa, Indiyaa, Avgaanistaan, Baangilaadash fi Afriikaa Kibbaa keessatti beekamaadha.
UN bara 2018 keessa mootummoonni biyyoota addunyaa gocha kana akka dhaabsisan akeekkachiisee ture.
Wiixineen seeraa haaraan Firaansi kun Muddee dhufu keessaa paarlaamaaf dhiyaata.
Akkaataa amantii Islaamaatti dubartiin tokko gaa'ilashee dura yoo wal-quunnamtii saalaa raawwate maatiin of keessaa baasu, inumaa hanga du'aan adabuutti ga'u.
Aadaa fi duudhaawwan biyyoota hedduu keessattis dubartiin hanga gaa'ila godhattutti qulqulluu ta'uu akka qabdu ajaja.
Pirezidaantiin Firaansi Imaanu'eel Maakroon hawaasni muslimaa miiliyoona ja'atti tilmaamamu duudhaa hawaasaan wal-dhiitu fidaa jiru jedhan.
Qaamoleen damee fayyaarra hojjetan kanneen sababa garaagaraa uumuun shamarran hojii ispoortii keessatti akka hin hirmaanne gorsa kennanis seera haaraa kanaan ni adabamu jedhameera.
Dawaa da'umsa ittisu kennuun kan beekamu ANCIC, qorannoo durbummaa gaggeessuu ilaachisee ejjennoo mootummaa kan deggeru ta'us garuu sababa kanaan jireenyi dubartootaa yaaddoo keessa jiru akka jirus ammoo eereera.
Kanaafuu battaluma ka'anii seera labsanii gara adabbiiti deemuu caalaa hawaasaaf barnooti hubannoo uumuu kennamee, mariin taasifamee, deggersi barbaachisus godhamee osoo furamee wayya jedhe dhaabbati kun.