Mudoo fedhii saalquunnamtii : 'Fedhiin saalquunnamtii maal akka ta'e hin beeku'

"Akkuma nama biraatti jiraachuu nan danda'a, akkuma nama miiraa saalquunnamtii qabuu."

Shamarreen lammii Chaayinaa Diane Xie jedhamtu fedhii saalquunnamtii dhabuusheetti homaa hin dhiphattu. Nama biraa waliin fedhii saalquunnamtii raawwachuus hin yaaddu.

"Fedhiin saalquunnamtii maal akka ta'e waanan hin beekneef homaa na hin dhiphisu''jette.

"Akkan yaadutti walquunnamtii saalaa irraa bilisa ta'uun waan dansaadha, quunnamtii saalaa raawwachuun anaaf homaa hiikas bu'aas hin qabu."

Chaayinaa keessatti namoonni fedhii saalquunnamtii qaban lakkoosaan meeqa akka ta'an beekamuu baatullee ,Pirofeesarri Xiinsammuu lammii Kanaadaa Anthony Bogaert uummata UK keessaa dhibbeentaan 1 miira saalquunnamtii hin qaban jedha.

Chaayinaa keessatti tilmaamaan namoonni miiliyoona 10.8 ta'an fedhiii quunnamtii saalaa hin qaban, isaan keessaa miiliyoona 1.08 kan ta'an umurii 20 gadi warra jiraniidha.

Chaayinaa keessatti namoonni miira saalquunnamtii hin qabnu yeroo baay'ee interneetii fayyadamuudhaan beekamu, mariiwwan ineterneetiidhaan geggeeffaman 'online forum' irratti adda durummaan hiirmaatu.

Hedduun isaanii muuxannoo waliif qoodu, inumaa jechoota mataasaanii uummatanii ittiin fayyadamu.

Namoonni miira saalquunnamtii hin qabne namoota akkamiiti?

Magaalaa Shanghai kan jiraattu Diane fi dubartoota Chaayinaa biroo kanneen fedhii saalquunnamtii malee jiraataniif kun filannoo miira saalquunnamtiiti.

Kun kan amantiidhaan abboomamuudhaan fuudha ykn heeruma dhiisaniin tokko miti.

Umuriin ishee waggaa digdama gara jalqabaa kan ta'e Dianen Hong Kong, UK fi Nezerlaandis keessatti baratteetti.

Yuuniversitii yeroo turtetti lammii Dutch tokko waliin hariiroo jaalalaa eegalanii turan, isheen garuu fedhii saalquunnamtii gonkumaa akka hin qabne yerosuma adda baaste.

Battala sanarraa eegaltee fedhii saalquunnamtii dhabuusheetti baay'ee dhiphatti, jaalala mi'eeffattee utuu jirtuu saalquunnamtii raawwachuuf waanti ishee daangesse maal akka ta'e interneetii ykn online irra barbaaduu eegalte.

Wayita kana garee namoota fedhii saalquunnamtii hin qabnee kan intarneetiidhaan waliin mari'atan, garee AVEN, jedhamutti baate.

Erga hiikaa jecha 'namoota fedhii saalquunnamtii hin qabnee' ykn 'asexual' dubbistee booda, akkas ta'uushee barte.

"Shamarreen naannawa kiyya jiran hundi waa'ee jaalalaa, hiriyaa dhiiraa ykn dhirsaa dubbatu, ani sana keessa hin jiru'' jette.

Fedhii saalquunnamtii dhabuun ishee maatii isheetti yaaddoo guddaa akka uume dubbatti Dianen.

Akka aadaa Chaayinaatti maatiin ulfina guddaadha. Maatiin ishee intallisaanii dhala malee hafti jechuun akka yaadda'an dubbatteetti.

Dhiibbaa gaaraa

Imaammata walhormaataa 'maatiin tokko daa'ima tokko ' jedhuun kan beekamtu Chaayinaan erga hanqinni baay'ina uummataa ishee quunnamee as namni hunduu yeroodhaan gaa'ila godhatee akka ijoollee horu ajajjeettii.

Bara 1970oota keessa Chaayinaa keessatti daa'imni yoo dubara taate ulfa baasaa turan, wayita sanarraa ka'ee baay'inni dhiirotaa dbaaleera.

kanaafuu biyyattii keessatti dhiirri shamarree fuuchuuf akka fedhetti hin argatu jechuudha.

''Maatii kiyyatti himuuf yeroo baay'ee yaaleera. Dhumarratti harmeen koo na hubatteetti. Gaa'ila na hin gammachiisnetti na oofuu hin barbaaddu. Abbaan kiyya garuu rincicaadha. Ejjennoosaa jijjiiruu hin barbaadu. Yoo dargaggeessatti siqxee hariiroo uummatte fedhii saalquunnamtii ni godhatta naan jedha'' jetti Dianen.