Mootummaan Fedeeraalaa naannoo Tigraayirraa bajata dhorkuurrtti jiraattonni naannichaa maal jedhu?

Murtee Manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa naannoo Tigraay irratti dabarse isaan dallansiisuu jiraattonni naannichaa BBCf yaada kennan himan.

''Ibsi mootummaan Federaalaa kenne bu'uura heeraa hin qabu; akkasumas gaabbiifi dallansuurraa waan dubbatamudha,'' jedhan.

Waldhibdeen mootummaa Fedeeraalaa Itoophiyaafi paartii naannoo Tigraay bulchu wajjin jiru waan cimaa dhufe fakkaata.

Af-yaa'iin Mana Maree Federeeshinii Itoophiyaa Obbo Adam Faraah EBCtti akka himanitti, guyyaa Wiixataa manni marichaa yaa'ii idilee taa'een murtoowwaan sadii naannoo Tigiraay ilaalchisuun dabarseera.

Tokkoffaa, mootummaan Federaalaas ta'ee dhaabbileen Federaalaa hariiroo mana maree naannichaa fi kaabinee naannichaa wajjin akka hin uumne murteessuu.

Lammeessoon ammoo, nageenyaa fi tajaajila bu'uuraa uummata naannicha bu'uureffachuun aanaalee, gandootaa, bulchiinsota magaalaa fi dhaabbilee beekamtii seera qaban wajjiin walitti dhufeenya hojii uumuu akka danda'u ibsa.

Sadeessoorratti, raawwii isaa afayaa'iin mana marichaa fi koreen dhaabbii mana marichaa dhimmichi ilaallatu akka hordofan murteffameera.

Murtoo kana irraa ka'uun fedhaafi bu'uuraalee misoomaa uummanni Tigiraay barbaadu bu'uura godhachuun bulchiinsa magaalotaa, aanaaleefi gandootaa waliin hariiroo akka qabaatu ibseera.

Murtoon kun yeroo darbu filannoon manni maree naannoo Tigiraay gaggeesse ''seer-maleessa'' waan taheef manni marichaa akkaatadhuma mootummaan Federaalaa fudhatama hin qabu jedheen manni maree naannichaas tahe qaama seera raawwachiistuu ol aanaa waliin sababa caasaa isaanii irraa kan ka'e hariiroon homaatii akka hin jiraanne murtoon darbeera jechuun dubbii himaan Mana Mare Federeeshinii Obbo Kaasahun Baqqalaa BBCtti himaniiru.

Mootummaan Federaalaa kana booda hariiroo kan qabaatu karaa uummata yaada keessa galcheen akka tahus himaniiru.

Jiraattonni maal jedhan?

Abukaatoofi jiraataa magaalaa Maqalee kan tahan Obbo Habtuu Girmaa BBCtti waan jedhe, ''Ibsi mootummaan Federaalaa kenne bu'uura heeraa hin qabu, haqumarraa kan fagaatedha."

Ofisaatiifuu bu'uura seeraa otoo hin qabaatiin as deebi'ee aanga'oota mootummaa naannichaa wajjin hariiroo hin qabu jechuun baay'ee nama kofalchiisa jedha.

''Tigiraay qaama federeeshinii Itoophiyaati, jechi isaanii heeraan ala natti fakkaata.

Uummata Tigiraay miira keessa galchuufi, gartuun ibsa kana baase aangoos hin qabu, uummata birattis fudhatama qaba jedhee hin yaadu.''

Maanguddoo magaalattii jiraatan Gebragzabiheer ammoo, ''Kaleessa waan jedhame dhaga'eera, yeroo tokko tokko gaabbiifi dallansuurraa waan dubbatamudha,'' jechuun oolee bulee irra deebi'anii ni ilaalu jedhanii akka abdatan dubbatu.

''Biyya bulchuun wal gargaaruu, wal hubachuudhaani malee fokkoraan ykn waraanaan miti, uummataafi biyyattiifis hin ta'u.

Tasgabbiin akka ilaalanii hubachiisuu barbaada, waanti ibsan qabatamaan hojiirra oola jedhee hin yaadu.''

'Mootummaan as jiru ummatarraa fudhatama argateera'

Jiraataan biraa Abduu Mohaammad ammoo eebbifamaa gosa barnootaa Eliktirikaal Injinariingiitii.

''Naannoleetu walitti dhufee aangoo mootummaa Federaalaaf kenna. Mootummaan naannoo as jiru ammoo uummatarraa fudhatama argateera.

Harka 98 argatee filannoo injifateera, filannoo hin gaggeessinu kan jedhe mootummaadha. Mootummaan Federaalaa beekamtii seeraa dhabeera natti fakkaata,'' jechuun yaadasaa kenne.

'Ibsi bahe kan nama ajaa'ibudha'

Yunvarsiitii Finfinneetti barsiisaa seeraa kan tahan, Sisaay Mangistee, ''Naannoon Tigiraay qaama Itoophiyaatti, mootummaa naannoo wajjin hariiroo hin qabu jedhee ibsi baase baay'ee kan nama ajaa'ibuufi heeraan ala natti fakkaata,'' jedha.

Heera hordofee ummanni mootummaa hundeesse deebi'ee qaamni heeraan aangoon kennameef mootummaafi uummata Tigiraayin walitti dhufeenya hin qabu jedhee ibsa kennuun bu'uura seeraa waan qabu natti hin fakkaatu''.

Mootummaan Federaalaa naannoolee wajjin kallattiin walitti dhufeenya qabaachaa ture.

Murtee amma darbeen garuu Hagayya 30 darbe yaa'ii ariifachiisa taa'een, manni marichaa kan murtesse filannoon naannoo Tigiraay heeraan ala, yoo filamees akka waan hin filatamneetti lakka'ama isaan wajjiin hariiroo hin qabaannu kallatti jedhu kaa'e.

Murteen ammaa kun kan jalqabaarra as darbedha, mootummaan federaalaa walitti dhufeenya mana maree naannichaa fi hojii raawwachistoota wajjin akka hin qabaanne kan jedhu.

Aanaalee fi gandoota wajjin qunnamtii uumuun hojiisaanii akka itti fufan kallattii kaa'e.

Bu'uraalee misoomaa karaa barnootaafi fayyaa hojjataman warra aanaafi gandoota wajjin hojjataa jechuudha. Kun mataasaatti rakkisaadha.

Magaalonnifi aanaalee bulchiinsa naannichaan hoogganamu, seeera naannichaatu beekamtiis kenneefi, amma qaama Fedeeraalaafi naannoof itti waamamnisaanii ta'a jechuudha.

Deeggarsi bajataa naannichaaf ergamuus ni dhaabbata jechuudha.

Manni Murtii Federaalaa naannicha wajjin walitti dhufeenya qabaata, sababni isaammoo manneen murtii filannoon miti kan gurmeeffaman.

Kanaan alatti mana maree naannichaas ta'e qaama hojii raawwachistuu naannichaa walitti dhufeenyi hojii hin jiraatu, wal ga'iis ta'e leenjiirratti walitti dhufuun hin jiraatu, haala kanaan ilaalama.

Hariiroo addaan kutuun maal jechuudha?

Naannoo Tigraay waliin hariiroon addaan citeera jechuun maal akka ta'e miidiyaa bmootummaa biyyattiin kan gaafataman Obbo Adam: 'manni maree naannichaa fi kaabineen naannichaa beekamtii heeraa hin qabani, qaamolee seeraas miti,'' jechuun ibsu.

Kanaaf, walitti dhufeenyi seera qabeessa dhaabbileen federaalaa kaabinee fi mana maree naannichaa wajjiin uumuu hin danda'anii jedha.

Kanaafuu dhaabbileen federaalaa xalaayaa erguufii, dokumentii wal jijjiruu, deeggarsa hojiiwwan sadarkaa naannichatti hojjatamanii kennuu fa'aan dhorkameera jedhu.

Kunis kan murteeffamee mootummaan naannoo Tigiraay fi TPLF murtoo manni maree federeeshinii yeroo turtii qaama hojii raawwachiiftuu sirreesse fudhachuu diduun iddoosaanitti deebisuu waan dideefi jedhu.

Itti dabaluunis, filannoo seeraan alaa gaggeessuu isaaniif, deeggarsa bajataa dabalataa qaamolee sadarkaa naannichaatti jiraniif akka hin kennamne kaasan.

Sababni isaammoo 'beekamtii seeraa hin qabani,' jedhan afayaa'iin mana marichaa obbo Adam.